Dhaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa dhuguma abbummaa addabaabayii Maasqalaa gaafatee?

Xalayaa Gurraandhala 15 bara 2014 Barraa'ee fi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee akkasumas Kantiibaa Magaala Finfinneetiif ergameera jedhu tibbana Miidiyaa Hawaasummaa irratti ijoo dubbii ta'eera.

Xalayaan Dhaabbaata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Finfinnee irraa akka barraa'e akeeku kuni bakki waaqeffannaa Hora Finfinnee iddoo duriitti akka deebi'u akkasumas abbummaan qabiyyee Hulluuqqoo Kormaa (Addabaabayii Masqalaa) akka kennamuuf kan gaafatudha.

Dhaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffaannaa maal jedha?

Maqaa 'Dhaabbata Hordoftoota amantii Waaqeffannaa' jedhuun Itoophiyaa keessa kanneen heeyyama qaban dhaabbilee lamatu jira.

Dhaabbanni Tokko kan Dr. Qana'aa Lammii fa'an Hogganamu yoo ta'u, inni lammaffaan ammoo Obbo Lammaa Bahii fa'an kan heeyyama argatedha.

Obbo Lammaa Bahii Gaaggeessaa Qunnamtii odeeffannoo dhaabbata Hordoftoota Waaqeffannaati.

Dhaabbanni isaanii xalayaa kana miidiyaa hawaasummaa irratti arguudhaan alatti gaaffii abbaa qabeenyummaa Hulluuqqoo Kormaa kana akka hin dhiyeessene himan.

"Gaaffii kana nuti hin gaafanne. Ammatti gaaffiin keenya galma iddoo waaqeffannaati malee addabaabayii miti. Gaaffiin keenya gaaffii iddoo awwaalchaati. Haa ta'uutii Oromoon kamuu dhimma addabaabayii kanaa gaafachuu dandaha. Waan amma bahe kanarratti garuu loogoo keenyatu fayyadamame malee gaaffii keenya miti" jedhan.

Namni xalayaa kana barreesse beekamtii keenyaan alatti loogoo amantoota waaqeffannaa fayyadamee barreessuun isaa nuttis gaaffii uumeera jedhan Obbo Lammaan.

"Namni waan kana barreesse maalif chaappaa fi loogoo keenya fayyadamee waan kana akka barreesse qorachaa jirra. Eenyummaa namoota waan kana barreessaniis qorachaa jirra" Jedhan.

Nama xalayaa kana Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Kantiibaa Magaala Finfinneetif barreessuudhaan maqaan isaanii xalayicharratti eerame garuu dhaabbanni isaanii kan hin beekne akka ta'es eeran.

Dhaabbanni hordoftoota Amantaa Waaqeffanaa biraa kan Dr. Qana'aa Lammii gamasaaniin Gaaffii xalayaa kanaan gaafatame dhaabbanni isaanii kan hin mormine ta'ulleen xalayichi garuu karaa dhaabbata isaaniirraa kan hin dhufne ta'uu himan.

"Xalayaa gaaffii addabbaabayii jedhamee kaleessa gadhiifame kana argineerra. Gaaffii kanarraa nuti mormii hin qabnu. Gaaffii iddoo galmaa kutaa magaalattii hundarraa gaafachaa turre. Gaaffiin amma qaamni xalayaa barreesse kaase kuni humna dabalataa nuuf ta'uus dandaha" jedhan.

Xalayaa kanarratti namni maaqaan isaa Shuumii Masqalee jedhamuu fi Hoji gaggeessaa dhaabbata hordoftoota amantii Waaqeffannaa Finfinnee akka ta'e eeru kuni dhaabbanni isaanii akka hin beeknee fi miidiyuma hawaasummaa irratti akka argan himu.

Akka Itoophiyaatti dhaabbatni Hordoftoota amantii Waaqeffannaa lama qofti heeyyama akka qabu kan himan angaa'onni amantichaa lameen qaama xalayaa tibbana miidiyaa hawaasummaarra naanna'u kana barreesse gareen lamaanuu 'hin beeknu' Jechuun BBC'tti himan.

Nama Xalayaa kana Barreessuun xalayicharratti ibsame Shuumii Masqalee gaafachuuf yaaliin goone nuuf hin milkoofne.

Addabaabayiin Masqalaa kuni manni amantaa Ortodoksii abbummaa qabiyyee kan gaafachaa jiruu fi ji'oota darban keessa dhimma walfamisiisaa fi ijoo dubbii ta'aa dhufedha.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaaanech Habeebee ammaan dura yaanni addababayiin kuni kan hunda keenyaati jechuun kaasan hordoftoota amantaa Ortodoksii biraa mormiin isaan mudatee ture.

Ergasii Mana amantaa Ortodoksii Tawaaahidoo Itoophiyaatti argamuudhaan gaggeessitoota amantichaa olaanoo wajjin erga marii gaaggeesaniin booda dhimma kanarratti 'murteen keessa deebii hin qabne nikennama' jechuudhaan mana amantichaa waliin ibsa baasuun isaanii niyaadatama.