Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Uluu, aadaa Oromoo namni bineeldota ajjeese ittiin gumaa baasu
Aadaa Oromoo keessatti lubbuu namaaf qofaaf osoo hin taane, lubbuu bineensaa, beeyladaa fi mukaafillee kabajaa olaanaatu kennama.
Namni tokkoo yoo lubbuu dhala namaa tokko balleesse akka aadaa Oromootti gumaa baasa.
Akkuma kana namni lubbuu bineensa ykn beeyladaa tokko balleesses aadaan ittiin gumaa baasuu jira, kunis Uluu jedhama.
Aadaan Uluu jedhamuun beekamu kun bakkaa bakkatti sirna akka akkaa fi maqaalee garagaraa qaba.
Yunivarsiitii Salaaleetti gargaaraan piroofeesara Aadaa fi Xiinqooqa Oromoo fi barreessaa kitaaba Beekumtaa Oromoo kan ta’an Dr Filee Jaallataa waa’ee aadaa uluu akka armaan gadiitti ibsu.
'Gumaa keessan narraa fudhadhaa...''
Jechi uluu jedhu wanta ulmaa ba’uu ykn wantootaa cubbuu ta’aniirraa dhiqachuu kan jedhu irraa akka madde himu ogeessi kun.
Aadaa Oromoo keessatti beeylada lubbuun bade tokkoof maallaqa kaffaluun alatti sirna itti gumaa baasu qaba.
Fakkeenyaaf namni tokko beekaas ta’e tasa yoo farda ajjeese, garbuu fi sogidda walitti daakee fardeen walitti qabee nyaachisee ''gumaa keessaan narraa fudhadhaa, gumaa na baasaa nan kuffisiinaa.
Bakka barbaadeen na ga’aa, ari’ee qabuudhaafis baqadhee jalaa ba’uufis gaachana naaf ta’aa,'' jedhee farda gumaa baasa.
Beeylada akka saree kan amanamtuu jedhamtee yaadamtuufi mana eeguu irratti ga’ee olaanaa qabduufis gumaan ni ba’a.
Namni saree ajjeese, saroota hunda walitti qabee marqaa marqee dhadhaa irra godhee ittilee ykn gabatee bal’aa irratti nyaachiisa.
Sarootni kunneen yeroo dhadhaa kana nyaatanii hooqqisan, “nan ciniininaa, haaloo na hin ba’iinaa, nan haalinaa'' jechuun sareen hiikkatteetti haaloo hin baatu jedhamuun gumaan akka ba’anitti ilaalalama.
Adurreef ammoo gumaa yeroo baasaan, sanyii ishee walitti qabanii sombaa fi aannan kennu.
“Akka tasaan fira keessan ajjeeseetii na hin haalinaa, natti hin mufatinaa, akkuma duraa waliin jiraanna,'' jechuun adurreef gumaa baasu.
Yeroo adurreen duutu aadaa Oromoo keessatti hin gatamtu, ija isheetti jirbii godhaniitu awwaalu. Aadaa Oromoo keessatti adurreen haadha icciitiiti jedhamte waan amanamtuuf ni jaallatamti.
Kan loon ajjeese hoo?
Gama looniitiin ammoo namni lubbuu dabarse, keessumaa korma namni ajjeese hidda addaan kute waan jedhamuuf gumaan baafamuu qaba jedhu Filee Jaallataa (PhD).
Kunis kan taasifamu “kormi naaf haa mo’u, gumaa keessan fudhadhaa, akka tasaa harka kootti du’e” jechuun qiixxaa xaafii diimaa ykn daagujjaa qiixxanii sogiddaan makanii horii walitti qabanii nyaachisuun gumaa baasu.
Bakka tokko tokkotti keessumaa naannoo Wallaggaatti marqaallee marqanii ni nyaachisu.
Beeylada akka harreef yeroo gumaan ba’uu waanta isheen jaallattuu waan akka daaraa, garbuu fi sogiddaan makuun ni kennamaafi.
Falaasama Oromoo keessatti gaangeen abaaramtuu jedhamtee waan ilaalamtuuf, beeyladoota keessaa namni gaangee ajjeese, abbaa qabeenyaaf gatii kaffaluun alatti gumaa hin baasu.
Uluun yeroo taasisamu lubbuu ba’eef gumaa baasuuf qofa osoo hin taane, boodarra bineensi lubbuun hafan ni horu jedhamee waan amanamuufi.
Cubbuu ofirraa dhiquuf uluun kan gaggeeffamuu yoo ta’u gumaa keessan fudhaa jechuun sirni kun gaggeeffama.
Waan hunda caalaa sababni itti gumaan bineensota baafamuuf lubbuu kamuu baasuun Waaqa biratti safuudha jedhamee waan amanamuufi.
'Naaf araarami, ilkeekee natti hin baasin'
Sirni Uluu beeyladoota mana keessaaf qofa osoo hin taane, bineensota bosonaafis ga’ee olaanaa qaba jedhu Aabba Fileen.
Kun Oromoon falaasama addunyaaf gummaache keessaatti ga’ee guddaa qaba jechuun ni danda’ama.
Bineensota bosonaa akka leencaa, gafarsaa fi waraabessaallee namni ajjeesse gumaan ni baasa.
Fakkeenyaaf namni gafarsa ajjeese callisee gara manaatti hin deebi’u. Guyyaa shan ala bulee muka si’a sagal yaabee si’a laga sagal ce’ee booda manatti debi’a.
Namni adamoo yookaan ajjeessaaf jechallee bineensa ajjeese gumaa baasuu qaba.
Sababni inni jalqabaa beekkamtiif jechallee yoo namni tokko bineensa ajjeese, lubbuu waan baaseef cubbuu irraa harka isaa dhiqachuuf gumaa ni baasa.
Itti yaadellee yoo ajjeese waaqa biratti lubbuun namaa fi bineensa tokkodha jedhee amana Oromoon.
Kun bineensotaaf iddoo guddaa laachuufi lubbuu baasuun dogoggora ta’uu isaa kan barsiisudha.
Sababni gumaa baasuu kanaa inni lammataa ammoo bineensi akka gafarsaa fi leencaa sanyiikoo irratti akka haaloo hin baaneef amantaa jedhuuni.
Kana goochuu yoo baate safuudha, qaamni isaa ni miidhama ykn innis ta’e ilmi isaa yoo deebi’ee gara daggalaa deeme gafarsi ykn leenci isa ajjeesuu danda’a jedhame waan yaadamuufidha.
Kanaaf utuu ajjeesaan tokko manatti deebi’ee hin geerariin ykn hin sirbin dura gumaa baase deebi’uu qaba.
Bineensota daggalaaf yeroo gumaa baasu akka saree fi kan fardaa ‘hoodhu nyaadhu’ hin jedhu.
Qaamaan waan hin argamneef muka yaabe bu’uun laga ce’uun gumaa baasa.
Warabeessi yoo horii jalaa nyaate jennaan namni tokko isa ajjeese, waraabeessa kanaafillee gumaa ni baasa.
Kana kan taasisus soogidda fuudhee deemee mana qaallutti galchuuni. Kunis kan filatameef harreen sogidda jaallatti, waraabeessi ammoo harree waan jaallatuufidha.
Ogeessi aadaa kun, sirna kana yeroo abbaankoo gaggeessu argeera jechuun yaadatu.
Bineensa akka jawwee fi bofaafis gumaan ni baafama. Jawween hammeenya qaba jedhame amanamus gumaan ni baafamaafi.
Kunis kan taasifamu dhiigaani. ''Na hin ciniiniin na hin hiddiin. Naaf araarami, ilkeekee natti hin baasiin,” jechuun Oromoon lagatti dhiiga facaasee gumaa baasa.
Ammatti aadaan kun jiraa?
Aadaan uluu naannolee Oromiyaa garagaraa keessatti raawwatus, bal’inaan naannoo Wallaggaa keessumaa Naqamteetti dur hedduu beekama ture jedhu Aabba Filee.
Amma garuu guutummaatti gara baduutti adeemaa jira. Sababa kanneen akka amantaafii kaaniin, aadaan kun bakka hedduutti akka Waaqeffannaa addaatti waan ilaalameef badaa adeeme.
Utuu aadaan kun guutummaatti deebifame gaaridha. Sababiin isaa namni, hawaasni ykn biyyi safuu Waaqaa eegee, Waaqaan hogganama waan ta’eef jiruuf jireenya tarfaasaa argata jedhamee amanama.
Aadaa kana deebisuun miidhaa hin qabu, tarii ilaalcha ykn amantaa namootaan wal simu yoo baate malee.
Lubbuu waan ta’eef bineensotaaf gumaa baasuun murteessaadha.