Shamarran Indiyaa xalayaa dhiigaan barreessanii murtoo haqaa argatan

Shamarran Indiyaa, Laatiikaa Baansaal kan haatisaanii waggaa jahan kana jiraatti ibiddaan gubamte ajjeefamte, murtoo haqaa gaafachuuf jecha xalayaa dhiigaan barreessuun mana murtii gaafatan.

Kanaanis wagga jahaan booda obboleettii ishee quxisuu waliin abbaasaanii haadha saanii ajjeesseerratti ragaa bahanii adabsiisan.

Amma Laatikaan umriin ishee ganna 21 yoo taatu, obboleettiin ishee quxisuu waliin abbaan isaanii Manoj Bansaal haadhasaanii ajjeesuu isaa ragaa irratti bahuu hordofee abbaan isaanii hidhaa umurii guutuun itti murtaa'e.

Shamarran lamaan mana murtiitti dhiyaatanii "ilma da’uu didde" jedhee reebaa akka ture ragaa bahan.

Bansaal himannaa irratti dhiyaate haaluun, haati warraan koo of ajjeefte malee ani hin ajjeefne jedhee waakkate.

Manni murtii magaalaa Bulandishahir, bulchiinsa Kaaba Indiyaa Uttar Piradishitti argamu Roobii darbe Bansaal irratti balleessaa mure.

Indiyaatti ilaalchi ilmi dhiiraa leegaasii maatiirraa dhaalu gara fuulduratti tarkaanfachiisa jedhuu fi yeroo dullooman nu kunuunsa barsiifanni jedhu waan jiruuf ilma dhiira filachuun bal’inaan mul'ata.

Shamarran immoo geega’oo nu baasifti, manatti nu dhiiftee deemti jedhanii amanuun ni jira.

Namoonni dhimma kanarratti duula gaggeessan akka jedhanitti, ilaalchi akkasii kun ijoolleen durbaa akka kunuunsa dhaban gochuudhaan lakkoofsa dhiiraafi dubartootarrattillee jijjirama fideera.

Ilaalchi akkasii micireen ulfaa dubartii miliyoona kudhaniin lakkaa’amu korniyaa filachuuuf jecha ulfi akka baafamuu taasiseera jedhu.

Shamarraan Basaal lamaan dhaddacha mana murtiirratti abbaan isaanii kan ijoollee durbaa qofa dahuu isheetiif haadha warraa kan turte, haadha ijoolleesaa, Aaddee Anuu Basaalitti dheekkamaa fi qoccolaa ture argaa guddachuu dubbatan.

Aadde Anuun dubartoota ulfaa’uu isheetiif jecha si’a jaha dirqamaan ulfa kan baasiste ta'uu qorannoon agarsiiseera.

Shamarran obbolaan kun jireenyi keenya Waxabajjii 14, 2016 ganama wayita abbaa keenya firasa muraasa wajjin wal tumsuun gaazii haadha keenya Anuutti naquudhaan ibidda itti qabsiisan geeddarame jedhu.

Firoottan abbaasaanii garuu himannaa irratti dhiyaate kana haalaniiru.

'‘Ganama sa’aatii 12:30tti haatii keenya wayita boossu hirribaa dammaqne. Balballi kutaa ciisicha keenyaa alaan waan cufameef gargaaru/ birmachuufi hin dandeenye. Wayita isheen gubattu argine,’’ jedhanii dhaddacharratti ragaa bahan.

Latikaan poolisii naannootti bilbiltee turte, tajaajila ambulaansii argachuuf gaafattee, deebii sirnaa otoo hin kennineef hafan.

Sana booda eessuma fi akkoo isaanii kan karaa haadhaatti bilbillaan muddamaan nu bira dhufanii, haadha keenya hospitaala geessan jette Latikaan.

Hakimoonni Anuu Bansaal wal’aanan akka himanitti, qaamni ishee %80 gubateera. Wal’aansichi garuu haadhasaanii du’a hin oolchine, Anuun guyyoota muraasa booda hospitaalatti duute.

Galmeen himannaa kun yeroo sanatti ijoollee ganna 15 fi 11 kan turan ijoolleen Anuu eenyummaa nama ajjeecha sana rawwaatee erga barreessanii booda ifa bahe.

Latikaan fi obboleettiin ishee quxisuun xalayicha dhiigan isaaniitiin Ministira Haqaa biyyattii Akilesh Yaadaav jedhamaniif kan barreessan qondaalli poolisii himannicha gara ofiin of ajjeeste jedhutti geeddaru hordofeeti ture.

Sana booda qorataan yakkaa naannichaa qorannoo sirnaa gaggeessu dhiisu isaatiif to’atamuun Aab Yaadaav qondaaltonni poolisii gameeyyiifi bulchiinsaa himannicha akka qindeessan ajajan.

"Haqa argachuuf waggaa 6 fi baatii tokkof guyyoota 13 nutti fudhate,’’ jedhan ogeessi seeraa shamarran obbolaa lamaan bakka bu’an Saanjaay Shaarmaa wayita BBCtti himan.

"Ijoolleen durbaa abbaasaanii seeratti dhiyeessanii xumurarratti akkaata kanaan haqa argachuun hedduu baratamaa miti,’’ jedhan Shaarmaan.

Shamarran kunneen lamaa waggoota jahan darban keessatti ‘’si’a 100 ol mana murtiitti dhiyaatan, takkaa guyyaa tokkoollee dhaddacharraa hin hafne,’’ jedhan.

Aab Shaarmaan ogeessa ta’anii wayita obbolaa durbaa kanaaf dhaabatanitti maatii isaaniirra maallaqa homaa hin fudhanne. Sababni isaas maatiin shamarran kanaa hiyyeeyyiidha, dhimmichis xiyyeeffannoo hawaasaa akka argatu barbaadu ture.

'‘Kuni ajjeechaa dubartii tokkoo qofa miti, kuni yakka hawaasarratti dalagame,’’ jedhan Aab Shaarmaan.

'‘Harkaa haadhaa miti korniyaa daa’immanii kan murteessu, maaliif dararamti, Maaf adababamti? Kun cubbuudha,’’ jedhan Aab Shaarmaan.