Dargaggoo Hindii butame: 'Na butani, na tumanii akkan fuudhuf na dirqisiisani'

Biyya Hindii naannoo Bihaar jedhamutti dhiirota kumaatamatu akka fuudhanif waggaa waggaan butama.

Kuni, tarii bakkeewwan biroo dubartoonni yeroo dheeraaf butamanii dirqiin gaa’ela akka raawwatan ta’aniin faallaadha.

Maatiin shamarran biyya Hindii dhiibbaa aadaan irra gahuun kan ka'e misiirroo gaarii ijoolleessaniif argachuutu isaanirra eegama.

Baha Hindii naannoo Bihaaritti nama akkanaa argachuuf jecha maatiin tokko tokko ijoollee dhiiraa butuuf dirqamu.

Dhiirri waggaa 17 Rooshaan bara 2017 butamuun dirqiin sirna gaa’elaa akka raawwatu taasifameera.

‘‘Na butani, na tumanii akkan fuudhuf na dirqisiisani. Fala maaliin qaba. Namoota kudhanitu qawween na doorsise,’’ jechuun BBC’tti hime.

Garuu itti hin gammanne. Intala waliin jiraachus ni dide. Maatii ishees poolisiitti gabaase.

‘’Ani baradhee bakka guddaa gahun fedha. Yoon gaa’ela kana tole jedhee fudhe jireenyikoo ni bada,’’ jechuun sababa bultii dirqamaa ijaarrachuu dideef hima.

‘’Ani gonkumaa hin fudhadhu. Maatiin ishees yoo barbaadan na ajjeesuu danda’u garuu dirqamaan akkan ishee simadhu na gochuu hin danda’an,’’ jechuun BBC’tti dubbate.

Obboleettiinsaa Piriyaankaan waan obboleessa ishee qunnameen maatiin ishee naasuu keessa seenanii akka turan himti.

‘’Cidhi kuni raawwachuun irra hin turre. Maatiin keenya hundi baay’ee dhiphataniiru. Maatiin intalaas kasaaraniiru. Kuni badii maatii isheeti,’’ jetti.

Gaa'ela kana keessatti shoora olaanaa kan qabu qoodinsa hawaasa keessa jirudha jedhu ogeeyyiin.

''Wanti guddaa sanyi beekamaarra ta'uudha. Nuti maatii gaarirraa dhufne waan ta'ef ilma maatii gaarii ta'e barbaanna.

‘’Kanaafuu kuni gaa'ela maati dirqamaati. Gaa'ila dirqii kan fedhii gurbaa yookiin intalaa malee raawwatedha,’’ jedhu Pirofeesar Bihaaraati Kumaar.

Namni biraa kana dura butamee bultii ijaarrate Piraaven Kaamaar waan isa mudate akkanaan hima.

Bara 2012'tti Piraaven Kaamaar butamuun akka Mahaaraani fuudhu godhame. Inni garuu haadha warraasaa waliin jiraachuu murteesseera. Yeroo ammaa daa’imas irraa godhateera.

Akka inni jedhutti misirroonni butaman filannoowwan murtaawo qabu.

''Utuun gaa'ila kana hin fudhanne ta'e maatiin biroos naaf hayyamanii durbasaanii natti hin heerumsiisan ture. Jalqabarratti aareen ture. Amma nagaadhaan maatii kiyya waliin jiraachuu fedha,’’ jechuun hime.

Haati warraa isaa waan hiriyyoonni ishee ittiin jedhan akkanaan himti.

''Hiriyyoonni kiyya waan ta'e irraanfadhu jireenyakee gammachuun jiraadhu naan jedhu. Wanti akkanaa jireenya keessatti ni mudata,’’ jechuun BBC’tti himte.