Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartoota Keeniyaa qoccollaa saalaa qolachuuf mala haaraa eegalan
Dubartootnifi shamarran Naayiroobii Naannoo Kibeeraa jedhamu jiraatan qoccollaa saalaa daandiirratti isaan mudaturatti hubannoo gahaa uumuuf boronqiifi maarkara qabatanii daandiiwwan magaalittii irratti waan isaan mudate barreessuutti jiru.
Zubeeydaa Yusuuf naannoo Kibeeraa jiraatti, jireenya ishee keessatti yeroo qoccollaan saalaa daandiirratti ishee mudatee hin beekne hin yaadattu.
''Warri dhiiraa baayyee furdoodha. Harmeen kee hojii qalmaa hojjetuu? rabbi biyyoo isa dhumaa harkaa qabuun si uumemoo harmiifi duddubnikee furdaadha fa'a siin jedhu'' jetti.
Daandiitti gaafa baanu qoccollaawwan akkasii hedduutu nu mudataa jetti shamarreen ganna 22 Zubeeydaan.
Yeroo Bood garuu Zubeeydaan gocha kan mormuun dura dhaabachuun, dubartootni biroon kana gochuuf humna akka akka hin qabnetti yadurraa baraarra jettee amante.
Boodas Boronqii fi maarkara qabatanii daandiitti bahuun qoccollaa daandiirratti isaan mudatu barreessuuf duula ''Chalk back'' jedhamu eegalan.
Duulli kun qoccollaa saalaa daandiirratti isaan mudaturratti namni akka haasa'u fi dhibba inni qaburrattis hubannoon akka jiratu godhaa jedhanii yaadu.
''Amma dhiirri tokko yoo na arrabsu, dhaabadheen maaliif jedheen gaafadha. Shamarree Umriin hin genyeef garuu kana gochuun ni rakkisa'' jetti.
Duulli akkasii fayidaan isaa kanadhas jetti. ''Hedduun keenya dubartoota akkasitti rakkisuun sirrii akka hin taane ummatatti himuu feeena.''
Dubartootni kun Muuxannoo isaanii daandiiwwaniifi waraqaa gurguddoorratti katabanii hubannoo uumuuf yaalaa jiru. Barreffamoota isaani keessa tokko ''qaama koo kabajii'' jedha.
Osoo waa hin jedhamiin bahanii galuun akka hin jirre kan dubbattu Kaarolaayin Miwikaalin kun ta'uun ''ofitti amanamummaa keenya gadi buusa. akka namni sun naan jedhe sanittin of yaaduu eegalaa jetti.''
Ogeeyyiin akka jedhanitti qoccollaan daandiirraa hirmaannaa dubartootaa dhimmoota manaa alaarratti dhiibbaa hin malle geessaa jedhu. Dhiibbaa gama diinagdee fi hawaasumman qabuun alatti dubartootni amala isanii haala jiruun akka madaqsan dirqisiisas jedhu.
Kaarolaayin sodaa qoccollaaf jecha iddoowwan hin deemnefi karaan irra hin imalle jira jetti. ''Karaa dhiironni baayyeen walitti qabamanii jiraniis nan baqadha.''
Galgala ammoo dubartootni dirqiin gudeeedamuufis ni saaxilamuu jetti.
Qocollaawwan saala bu'uureffataan ittisuuf sadarkaa idila addunyaatti sosochiiwwan hedduu godhamaa kan jiran yoo ta'u hedduun isaanii tarkaanfiin wayii gochoota kana hambisuu danda'u fi haqni akka jiraatu gaafatu.
Rakkoowwan guyyaa guyyaan isaan mudatana kana callisuun darbuu caala baasanii haasa'uun furmaataaf kan gargaaru akka ta'es amanu dubartootni Kibeera kunniin.