Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kophee ergisaan fiiguurra hanga rekardii addunyaa cabsuutti
Keelviin Kiptuum bara 2018tti dorgommii guddaa isa jalqabaa biyya keessaa irratti yeroo hirmaatu maallaqa kophee ittiin bitu waan hin qabneef kophee ergisaan fiige.
Atileetiin kun amma maaraatooniidhaan Keeniyaa addunyaarratti maqaa dhoofsisaa jira.
Tibbana maraatooni Chikaagootti sa'aatii lamaafi sekandii 35tti galee rekardii cabsuun dinqisiifannaa argateera. Kopheen Nike haaraa bahes injifannoo kanaaf akka isa gargaare kan dubbatan jiru.
Dargaggoon ganna 23 dorgommii jabaa kana irra aanee mul'achaa jiru kun, seenaan inni gara fiigicha itti dhufes akkasuma waan dinqiidha.
''Jiruu koo keessatti as gahuun imala dheeraa ture,'' jechuun BBCtti kan hime atileetiin kun, Federeeshiniin Atileetiksii Addunyaa atileetii filatamaa bara kanaa jechuun atileetota kaadhimaman keessaa tokkodha.
''Abjuu koo atileetii rekardii cabsu tahuu kana fiixaan baasuuf baayyeen dhama'e.''
''Amma dhugoomeera, baayyee gammadaadha. Jireenyi koos jijjiirameera.''
Kiptuum yeroo biyyatti deebi'u simannaan taasifameef amma tarree namoota beekamoo keessa akka gale agarsiiseera.
Goota kana kabajuun guyyaa lama dursee magaala guddoo Keeniyaa, Naayiroobiitti jalqabee gara bakka dhalootasaa kibba-lixa biyyattiitti kan darbe ture.
Shaampiyoonaa Maaraatoonii Landan, xiyyeeffannoo maatii, hiriyyoota, mootummaafi miidiyaa irraa argachaa jiruun waan ija laaffate fakkaata, sababiinsaas imala maaraatoonii Chikaagoo rekardii itti cabse kana haquuf jedhee xiqqumaaf akka dhiise hima.
''Yeroon shaakallii isa dhumaarra ture, xiqqoo na dhukkubee ture mudaammuddiin koo miidhameefi dhukkuba busaatiinis xiqqoo rakkachaan,'' ture,'' jechuun ibsa.
''Guyyaa lama, sadiif shaakkalliirra hin turre, garuu dorgommiif torbeen tokko yoo hafu xiqqoo bayyanadhe. Ji'a afuriif sirriitti hojjechuu koo nan beeka.
Leenjisaan lammii Ruwaadaan fiigicharraa sooruma bahe Geraavaayis Haakizimaanaa - atileetii kanaa wajjin rekardii cabsuuf xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa turan. Kiptuum akka duubatti hin deebine itti himaa ture. ''Guyyaa muraasaaf haaragalfadhuutii leenji'uutti deebi'i,'' ittiin jedhe.
Hariiroon leenjisaa kanaafi Kiptuum bara 2018tti haa jalqabuyyuu malee yeroo jalqabaaf kan wal argan garuu yeroo ijoollee turedha.
''Yeroon ijoollee turen isa beeka; miila qullaa loon tiksa ture,'' jechuun hima Haakzimaanaan. ''Bara 2009, naannoo qonna abbaasaatti yeroon shaakalaa ture duuba kottee koo hordofaa na duuba fiiga ture, animmoo ofirraan isa ari'a ture,'' jedhan.
''Amma fiixaan bahumsa argateen galata guddaan qaba,'' jedhan.
Imala ajaa'ibaa gara fiigichaa
Kiptuum yeroo saffisaa addunyaa maaraatooniin galmaa’an jaha keessaa, kan Riikardii Addunyaa galmaa’e dabalatee, sadan kan isaati.
Waggaa darbe yoona kana atileetiin Keeniyaa kun maaraatooniiyyuu hinfiigne. Ammoo ergasii maaraatoonii sadii fiigee sadanuu injifateera.
Atileetiin abbaa ijoollee lamaa kun garee atileetota Keeniyaa haaraa fiigicha daandiirraa jalqaban keessaati.
Warri duraanii jalqaba tiraakiirra fiiganiiti booda gara fageenya dheeraatti dacha'u.
Kiptuum garuu gosa fiigichaa kana filachuunsaa hanqina maallaqaarraa kan dhufe tahuu hima.
''Iddoo tiraakiirra fiigan deemuuf qarshiin hin qabun ture,'' jechuun ibsa.
''Iddoon shaakala hojjedhu lafa tiraakiin(joorroo) jirurraa fagoodha; kanaafin leenjii daandiirraa jalqabe. Akkasiinan gara maaraatooniitti dhufe,'' jedha.
Akka leenjisaan isaa Haakizimaanaan jedhanitti, Kiptuum qaamasaa maaraatooniidhaaf qopheessun irra ture, sana raawwachuun ammoo baayyee kan ulfaatu itti fakkaatee ture.
''Sodaa waan qabuuf hanga bara 2022tti maaraatoonii walakkaa qofa fiiga ture, sana booda garuu maaraatoonii fiiguuf waliigale,'' jedhu.
Kiptuum maaraatoonii walakkaa fiigaa kan ture tahus, aadunyaa irratti maqaa kan isa dhoofsise garuu maaraatoonii km42 inni Vaalenshiyaa, Landaniifi Chikaagootti Mudde bara darberraa qabee dorgomee injifatedha.
Keeniyaan biyya fiigdota maaraatoonii jajjaboo addunyaa qabdu yoo tahu, Iluyiid Kipichoogeen rekardii addunyaa kana duraa kan qabate yoo tahu, shaampiyoonaa Olompiikii yeroo lamaati. Xiinxalaan atileetiksii Keeniyaa Maartiin Keeyinoo, Kiptuum gahumsa adda isa godhu qaba jedha.
''Yeroo fiigu sodaa tokko malee tahuunsaa irra aanuuf waan isa barbaachisu ture,'' jechuun BBCtti hime.
''Walakkaa maaraatoonii jalqabaa irrati gara duubaati jechaa ture, walakkaa isa lammataa irratti garuu waan tahee hin beekne agarsiise - nama akkanatti fiigu badaa hin agartu,'' jedhe.
Waan abjuusaa dammaqse
Kiptuum mala fayyadamu kanaan waggaa shanitti nama namuu hinbeeknerraatti gara rekardii addunyaa cabsuutti ce'e. Akkanatti mo'ichaan mul'achuunsaa yeroo namoonni kaan itti hin amannellee badhaasa abjuusaatti cichuuti.
Kiptuum jaalalli inni fiigichaaf qabu durbiisaa argurraa akka dhufe yoo himu, innis atileetii Itoophiyaa Haayilee Gabirasillaasee nama fiigsisu(pace maker) ture. Tahus namoota isa dhihootti jiran atileetiksiidhaan akka milkaa'uufi amansiisuun irra ture.
Fakkeenyaaf abbaansaa kooleejii galee barumsattii akka fufu barbaadu ture.
''Kooleejii galee hojii ogummaa elektiriikiin wal-qabatu akkan baradhu barbaada. Animmoo atileetii tahuun barbaada - isan jaaladha ture,'' jedha Kiptuum.
''Waggaa afuriifan leenj'aa ture, yeroon sun anaaf baayyee ulfaataa ture. Milkaa'aa gatii hin turreef maatiinis natti gaddaa turan. Tahus ittuma dhiibeen deema ture,'' jedhan.
Dhumarratti abbaansaa ganama gara shaakallii yeroo deemu isa deeggaruufaa jalqaban.
Erga Kiptuum rekardii cabsuun injifateen booda abbaansaa miira guddaan isa leellisan,''ilma ajajamaa, guddisa isaarraa hin maqne,'' jedhan.
Kiptuum maaraatoonii sa'atii 2 gaditti galaa?
Gara fuulduraatti yeroo fiigu yaaddoon tokko jira - innis saffisa olaanaa waan qabuuf ni miidhamaa waan jedhu dha.
''Leenjii baayyee taasisa, haala amma jiruun yoo itti fufe cabuu danda'a, '' jechuun dubbatan leenjisaansaa.
''Ani akkanni saffisasaa xiqqoo hir'isu itti himeera - inni garuu hin barbaadu. Atileetiksii keessatti turuu yoo barbaade suuta jechuu akka qabu itti himeera, kanaa achi waggaa shan keessatti fiigicha dhaaba,'' jedhaniiru.
Kiptuum garuu rekardiin amma cabse kuni maaraatoonii sa'atii lamaa gaditti fiigee galuun nama jalqabaa akka tahuuf akka isa kakaase himuun yaada kana morka.
Bara 2019tti Kipchoogeen maaraatoonii sa'atii lamaa gaditti galuun seenaa keessatti nama jalqabaa tahus, dorgommii idileetiin gatii hin turreef beekamtii hin arganne.
Keevin nama kanarraa kaka'umsa kan argate tahus gaaf tokko immoo isa morkachuu baraada. Kunis Olompikii Paariis bara dhuftu taasifamu irratti yookiin isas dura tahuu mala.
''Iluuyid hunda keenyaaf kaka'umsa,'' jedhe. ''Dhaloota ol-adeemoof fakkeenya dha,'' jedheera.
''Olompikii irratti biyya koo bakka bu'uuf yoon carraa argadhe yeroo jalqabaaf taha. Meedaliyaa argachuurrattin xiyyeeffdha. Abjuun Olompiikii dha.''
Kipchoogeen hamma ammaatti dhaloota booda jiraniif kaka'umsa ture, amma garuu Kiptuum yeroo rekardiisaa cabsu qofa osoo hin taane, maqaa Olompikii irratti qabus yeroo jalaa fudhatu arguuf jira taha.
''Iluud fiigicha gara goolabuu yeroo deemaa jirutti, egeree maaraatoonii asuma Keeniyaatti argaa jirra,'' jedha Maartiin.