Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileet Dirribee Waltajjii fiigicha daandiirraan rekardii cabsuun mo’atte
Atileet Dirribee Waltajjii fiigicha daandiirraa Laativiyaa magaalaa Riigaatti adeemsifamaa jiruun rekardii cabsuun mo’atte. Atileetiin kuni sa'atii 4:21.00 galuun warqee harkatti galfatteetti.
Dirribeen atileetii Keeniyaa Feeyiz Kipyeegoo eegamaa turte injifachuun kan tokkoffaa baate. Feeyiz dorgommi kanaan sadarkaa sadaffaan yoo xumurtu, atileetiin Itoophiyaa biroo Firawayinii Haayiluu dorgommicha lammaffaa bahuun xumurteetti.
Akkasumas Atileet Hagoos Gabirahiwoot fiigicha km 5'nin tokkoffaa yoo bahu, Yoomiif Qajeelchaan lammaffaa bahuun isa hordofeera, atileetiin Keeniyaa Nikoolaas Kipkooriir immoo sadaffaa bahuun dorgommicha xumureera.
Atileetii collee addunyaa bara kanaa ta'uu dandeessi kan jedhamtu Feeyiz Kipyeegon, fiigicha fageenya giddugaleessaa (mile) kan dubartootaan namoota dorgoman keessaa kan eegamaa turte dha.
Chaampiyoonaan Atileetikisii Fiigicha Daandii gubbaa Addunyaa World Athletics Road Running Championships jedhamuun beekamu atileetota bebbeekamoo addunyaa, kanneen rikardii harkaa qaban hedduu walitti fida.
Dorgommiin fiigicha meetira kuma 5, walakkaa maraatoonii fi fiigicha fageenya giddugaleessaa (mile) of keessaa qabu kun Dilbata har'aa (Onkoloolessa 01,2023) Latiiviyaa magaalaa Rigaa jedhamutti yeroo jalqabaaf gaggeeffamaa jira.
Atileet Dirribeen Guraandhala darbe fiigicha meetira 3000 waan xumurte seetee otoo marsaan tokko ishee hafuu dogoggoraan keessaa baatee turte: 'Xumure se'een osoo marsaan tokko hafuu keessaa bahe' - Atileet Dirribee Waltajjii