Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fiigicha daandiirraa Atileet Dirribee Waltajjii fi Atileet Feeyiz Kipyeegon walitti fidu
Chaampiyoonaan Atileetikisii Fiigicha Daandii gubbaa Addunyaa World Athletics Road Running Championships jedhamuun beekamu atileetota bebbeekamoo addunyaa, kanneen rikardii harkaa qaban hedduu walitti fida.
Dorgommiin fiigicha meetira kuma 5, walakkaa maraatoonii fi fiigicha fageenya giddugaleessaa (mile) of keessaa qabu kun Dilbata (Onkoloolessa 01,2023) Latiiviyaa magaalaa Rigaa jedhamutti yeroo jalqabaaf gaggeeffama.
Magaalattii keessatti dhimmi atileetii beekamtuu lammii Keeniyaa Feeyiz Kipyeegon mata duree oduu ta'eera.
Baniinsa dorgommii kanaarratti rikardii biraa dabalachuun rikardii addunyaa harkaa qabdu afuriin ga'achuu dandeessi jedhamaa jira.
Atileetii collee addunyaa bara kanaa ta'uu dandeessi kan jedhamtu Feeyiz Kipyeegon, fiigicha fageenya giddugaleessaa (mile) kan dubartootaan namoota dorgoman keessaa kan eegamtuudha.
Dorgommii kanarratti atileetota gosoota dorgommii garaagaraan rikardii addunyaa harkaa qaban shan dabalatee atileetonni 347 biyyoota 57 irraa ni hirmaatu.
Dorgommii Olompikii irratti yeroo lama fiigicha meetira 1500n kan mo'atte Feeyiz Kipyeegon, fiigicha fageenya giddugaleessaa (mile) daandiirraan injifachuun rikardii bara 2023 galmeessitetti dabalachuuf dorgomti.
Feeyiz Kipyeegon dorgommii Chaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Hagayya keessa gaggeeffamerratti meedaaliyaa worqee lama argatteetti.
Fiigicha meetira 1500 dubartootaan rikardii addunyaa qabdi, kan 5000 ammoo Atileetii Itoophiyaa Gudaaf Tseggaayeetu jalaa cabsite.
Dorgommii Daayimandi Liigii Fulbaana keessa gaggeeffamerrattis meetira 1500n meedaaliyaa worqee argatteetti.
Atileetiin Itoophiyaa fiigicha meetira 1500n meedaaliyaa meetii argatte Kipyeegon waliin morkatti.
Fiigicha gufachiisaa meetira 3000n rikardii addunyaa kan harkaa qabdu Beatrice Chepkoech atileetota jajjaboo kunneen waliin morkatti.
Dorgommii kanarratti atileetonni dhiirotaa jajjaboon ni hirmaatu. Meetira 5000n atileetota yeroo ammaa addunyarratti saffisa guddaa qaban afur keessaa sadi waliin morkatu.
Dorgommiin atileetota Itoophiyaa Barrihuu Argaawwii fi Yoomiif Qajeelchaa akkasumas atileetii Keeniyaa Nikoolaas Kipkoorir Kimeelii hirmaachisu kun akkaan eegamaa jira.
Atileetiin Keeniyaa fiigicha walakkaa maraatoonii dubartootaan rikardii qabdu Peeres Jepchirchir, rikardii kana qabattee turuuf falmatti.
Dhiirotaan ammoo atileetiin Yugaandaa Jaakoob Kipliimoo akka rikardiin akka hin baaneef falmata.
Gireet Biriiteen atileetota bebbeekamoo meedaaliyaa biyyasheef argamsiisan dabalatee garee atileetotaa 12 qopheessiteetti.
Calli Thakery fi Jack Rowe as keessatti argamu. Tackery'n atileetota dubartoota abiyyattii Abbie Donnelly, Clara Evans fi Samantha Harrison waliin ta'uun dorgomti.
Jack Rowe ammoo atileetota dhiirotaa Mahammad fi Jonny Mellor waliin ta'uun biyyasaaf morkata.
Atileetonni eeraman kunneen fiigicha walakkaa maraatoonii dorgomu.
Verity Ockenden meetira 5000 dubartootaan, Scott Beattie fi Tom Mortimer ammoo dhiirotaan UK'f dorgomu.
Dorgommiin ja'anuu guyyaa tokko (Dilbata) gaggeeffama. Fiigicha gosa sadanuu irratti uummanni atileetota waliin ni hirmaata.