Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoon madda atileetota jajjaboo Itoophiyaa tahe gu'aa jiraa? Sababni maali?
Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 19ffaa Budaapestitti gaggeeffameen Itoophiyaan meedaaliyaa sagal argachuun addunyaarraa sadarkaa ja'affaan xumurteetti.
Meedaaliyaawwan atileetonni Itoophiyaa biyyasaaniif argamsiisan keessaa warqeen lama yoo ta'u isaanis atileetota dubartootaatu argamsiisan.
Dorgommii Itoophiyaan kanaan dura meedaaliyaa warqee ittiin argachuun beekamtu- meetira kuma 10 fi kuma shaniin garuu hin milkoofne.
Jilli Atileetota Itoophiyaa gara Budaapest imalee ture wayita gara biyyaa deebi'u simannaan gootaa taasifameeraaf.
Itoophiyaan adunyaa irraa medaaliyaa sagaliin sadarkaa jahaffaan xumurte.
Dubartootaan medaaliyaa haa argattu malee gama dhiirotaan hedduu hin milkoofne.
Daariktera Kilabii Atileetiksii Korporeeshinii Konistiraakshinii fi Injiineriingii Oromiyaa, Mohaammad Heebboo dorgommii Buudaapesti irratti qabxiima eegamutu galmaa’e jedhan.
Bakka bu'oota dhabaa deemuu, dorgommiileen sadarkaa godinaalee fi manneen barnootaatti gaggeeffamaa turan adda cituun sababaoota atileetota ol adeemoo itti dhabaa dhufan keessaa tokko tahuu himan.
Siyaasni biyya keessaa ammoo bu'aa atileetiksiin argamu irratti dhiibbaa gochuu kan himan leenjisaan kun keessumaa naannoo Oromiyaa keessa pirojektotni turan dadhabaa dhufuu eeran.
Gama biraan dorgommii kanarraa waan hedduu akka baratan qondaaltonni federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa ibsaniiru.
Haala waliigalaa dorgommichaa fi waan gara fuulduraa irratti Dursaa Garee Atileetota Itoophiyaa kan ta'e Pireezidantii Itti Aanaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Gazzaanyi Abarraa dubbisneerra.
Gaaffii fi deebiin Atileet Gazzaanyi waliin taasifne kunooti.
BBC:Isin wanti karoorfattanii deemtanii fi waan argattan walbira qabdan qabxii argattan akkamiin ilaalta?
Atileet Gazzaahiny: Qabxiin keenya olaanaa ta'uutti ilaalle. Karoorri keenya kan bara darbee irra fooyyessuu ture. Akkaataa karoora kanaan qabxiin nu jalaa bu'eera. Kunis haala qilleensaan walqabata.
Waqtiin ammaa biyya keenyaa ganna. Ijoolleen keenya ganna keessa qophoofte. Asii ammoo bona baayyee ho'aadha. Haala qilleensaa kana keessatti ijoolleen keenya wareegama guddaa kaffalaniiru.
Osoo qilleensi hamaa ta'uu baatee qabxii bara darbe Oriigan irratti galmeessanii ol ni galmeessu jedheen yaada.
BBC: Rakkoon haala qilleensaa ta'uu nuuf kaafte. Osoo gara Budaapest hin deemin dura haala qilleensaa achi jiru qorattanii, hubattanii atileetota haala qilleensaa ho'aa keessa hin leenjifnee?
Atileet Gazzaahiny: Dhugaadha! Gaaffiin ati na gaafatte gaaffii ijoodha. Biyyi keenya baddaas, badda darees, gammoojjiis qaba. Garuu waan gammoojjii qabaateef iddoo gammoojjiitti shaakalla jechuu miti.
Haala qilleensaa asitti [Budaapest] nu mudatu inuma beekna. Ammoo osoo bakkee ho'aatti leenjisna jennee dirreen (tiraakiin) irratti ijoolleen shaakaltu hin jiru. Rakkoon nu quunname isa kana. Nuti qophii kan taasifne Finfinnee keessatti.
Maraatoonii aspaaltii irra fiigu waan ta'eef aspaaltii jiru irra ba'anii shaakalu. Kan tiraakii irratti hanqinatu jira. Qilleensa Budaapest jiru wallaalee osoo hin taane rakkoo guddaan nu mudate iddoo deemnee itti shaakallu dhabuudha.
BBC: Qabxiin gareen argame akkuma jirutti ta'ee atileetiin addatti dandeettii addaan ga'umsa olaanaa argamsiise yookiin argamsiifte kan fuulduraafis biyyaaf abdiidha jettee ilaalte jiraa?
Atileet Gazzaahiny: Wannan taajjabe ni jira. Qilleensa kana dandamatanii dorgomuun kan qabxii guddaa galmeessan jiru.
Fiigichi meetira kuma 10 fi kuma shanii kan biyyi keenya qabxii olaanaa irratti galmeessuun beekamtu ture.
Dorgommii kunneen lamaan irratti meedaaliyaa argachuu akka qabnu leenjisaa waliinis, atileetota waliinis irratti dubbanneeti kan galle.
Garuu kuma 10 kan dhiiraan Nahaasa, kan dubartootaan warqii fi birrii arganne malee kan kuma shan kan dubartootaan ijoolleen wal hin gargaarre.
Hunduu warqee kaawwachuu fi birrii fudhachuu barbaadu, kun hanqina. Sababa kanaan warqees, birriis dhabne. Ijoolleen akka nuti gorsineen waan hin fiigneef kanarratti qabxii dhabeerra.
Haata'u malee, kana keessatti ijoolleen abdii namatti horan, kan boru qabxii guddaa galmeessu jennu jiru.
Olompikii Paarisiif waggaa tokkotu nu hafe, kanarratti ijoolleen ani eegu jiru. Fakkeenyaaf dubaroonni lubbuusaanii kennanii fiiganii qabxii guddaa galmeessan.
Karaa dhiiraatiinis wal gargaaranii hojiin hojjetan salphaa miti. Ho'i humnaa olii kan dorgommii sana keessaa isaan baasuu danda'u osoo jiruu kutannoodhaan kan xumuran jiru. Atileetonni of wallaalanii kutanii ba'an hedduutu jiru.
Ho'i isaan macheessee osoo jiruu Itoophiyaadhaaf maal gochuu akka qaban agarsiisaniiru atileetonni keenya. Ijoolleen ciccimoon nu boonsan ni jiru.
BBC: Dorgommii kanarraa barnooti argattan, kan Olompikii waggaa dhufuuf akka galaatti isin fayyaduu danda'u maali?
Atileet Gazzaahiny: Waan hedduu irraa baranne. Keessattuu ijoolleen gareedhaan wal gargaaranii akkamiin meedaaliyaa argachuu akka danda'an.
Kanneen gareedhaan hojjechuu dhabuudhaan ofiifis qabxii dhabanii biyyaafis bu'aa osoo hin buusin hafan turaniiru.
Gara biyyaa wayita deebinu walgeenyee, boruuf dogoggora kanarraa walgorsinee, maaltu nuuf mala jennee Olompikii dhufuuf qophaa'uu qabna.
Hanqina keenya sirreessinee, cimina keenya daran jabeessinee olompikiirratti ni milkoofna jedheen yaada.
Haallu qilleensaa kan Paarisis akkuma kana ta'a, keenya yeroon sun ganna ta'a. Kanaafuu ammas iddoon shaakalaa itti yaadamuu qaba.
Iddoo ho'aa, itti shaakallu odoo qabnuu osoo hin shaakalin deemuun sababa kanaan qabxii dhabuurraa hoji manee kana mootummaanis fudhachuu qaba.
Waltajjii maqaa biyyaa irratti beeksisan, akkasumas badhaasi atileetonni argatan sharafa alaa kan argamsiisu waan ta'eef xiyyeeffannaa argachuu qaba.
BBC: Duraan atileetonni Itoophiyaa onnatanii dorgommiitti seenuun fuulduratti ba'anii haala amansiisaa ta'een wayita injifatan argaa turre.
Dhiheenya kana garuu hamilee fi teeknika akkasii kana atileetota irraa hin arginu. Ati kana taajjabdee? Rakkoon eessa?
Atileet Gazzaahiny: Hanqinni akkanaa sirriitti jira, walsobuu hin barbaachisu.
Ijoollee ammaa kanneen kanaan dura [waggaa 20 dura bara keenyaa) turaniin yoo walbira qabnu gargaarummaa guddaatu jira.
Akka atileetiitti (dhuunfaatti) qofa osoo hin taane aka biyyaattuu garaagarteen jiru baayyee guddaadha. Namni akka dhuunfaatti adeemaa waan jiruuf akka gareetti hojjennee cimina fiduun qormaata ta'eera.
Yeroo keenya gorsaa fi teeknika leenjisaan nuuf kennu osoo hin sharafin hojiirraa oolchaa turre. Amma garuu halli keessa jirru gadi bu'aadha.
Yeroo keenya kabaji leenjisaa fi federeeshiniif qabnu akka qabxii guddaa argannu nu gargaareera.
Amma garuu osoo hanqinni jiruu sossobaadhaan hojjetaa jirra. Ammoo haalli yeroo sanaa fi ammaas tokko miti. Isa kana fooyyessuuf hojjetaa jirra.
'Siyaasa wal xaxaatu atileetiksii rakkoorra buuse'
Daariktera Kilabii Atileetiksii Korporeeshinii Konistiraakshinii fi Injiineriingii Oromiyaa, Mohaammad Heebboo dorgommii Buudaapesti irratti qabxiima eegamutu galmaa’e jedhan.
Itoophiyaan dorgommii kana irratti irra caalaa medaaliyaa kan argatte dubartootaani.
Mohaammad Heebboo atileetotni dubartootaa qabxii gaarii argatan kana duras gahumsa guddaa irra warraa turanidha jedhan.
Gudaaf Tsaggaay, Letesebet Gidey fa’a atileetota pirojektii Tigiraay irraa bahanidha,
Barrihuun Aregaawwii dabalatee hojii fedeereehsiniin atileetiksii Tigiraay hojjetedha kan jedhan Mohaammad Heebboo Federeeshiniin Atileetiksii Tigiraay bara 2005 keessa jalqabee umurii sirrii irratti hojjechaa turan jedhan.
Budaapestitti warra dorgomaa turan keessaa Salamoon Baareggaa bara kana gahumsa gaarii agarsiisaa waan hin turreef qabxii eegamu ture kan argate jedhan.
Garuu Barrihun yeroo sirrii irra hin dhufneef malee gahumsa gaarii irra ture jedhan leenjisaan Mohaammad Heebboo.
Burqaa atileetota Itoophiyaa jedhamuun kan beekamtu naannoo Oromiyaa keessaa Boqqojjiidha.
Dhiyeenya garuu bakka buutotni hedduun bahanii wal tajjii idil-adunyaa irratti mul’achaa hin jiran.
‘’Rakkoo guddaan atileetiksii Oromiyaa siyaasaa wal xaxaa Oromiyaa keessa jiruun kan wal qabatedha.’’
Mohaammad Heebboo atileetota ol adeemoo filachuuf kan gargaaraa ture taphni guutuun Oromiyaa addaan citeera jedhan. Dorgommiin kun bara 2010 as akka hin gaggeeffamne himan.
Godinaaleen irra caalaan isaanii dorgommii shaampiyoonaa mataa isaanii gaggeessaa hin jiran kan jedhan Mohaammad Heebboo dorgommiin manneen barnootaa keessatti dur beekamus bakka hedduutti dhaabbachuu himan.
‘’Kanaaf bakka bu’oota argachaa hin jirru. Pirojektotni Oromiyaa keessaa hojii sirrii keessa hin jiran. Tuuttaa fudhachuuf atileetiin galmaa’e jira yoo jedhan malee hojii keessa hin jiran. Atileetii sirriinis hin jiru,’’ jedhan.
Dabalataan atileetiin dorgommiidhaaf dhufu kan hojii dhabdummaa jalaa bahuuf galmaa’anidha, isaanis Kan umuriin isaanii deeme tahuun rakkoo biraa taheera jechuun rakkoo atileetiksii Itoophiyaa mudachaa jiru himan.
Dabalataan kileboota kan bulchu kantiibaa magaalotaa fi hogganaa dhaabbilee misoomaa mootummaa akka tahe himanii, isaan ammoo kileboota jabeessuurra warra duraan turaniyyuu bakka baay’eetii ‘’diiganiiru’’ jedhan.
Rakkoo atileetiksii keessatti mudate siyaasa waan taheef kan furuu danda’amus siyaasaan tahuu himan.