Piriimer Liigiin torbee jalqabaa goolii Haalaandiin ho'ee eegale, Arsenaal fi Niwukasil raawwii addaatiin eegalan

Piriimer Liigii Ingiliiz bara kanaa Jimaata galgala eegaleen chaampiyoonaan bara darbee Maanchistar Siitiin ammas dandeettii agarsiiseen gitootasaa sodaachisuu eegaleera.

Dirreesaan alatti kilaba barana liigichatti guddate Barnilii 3 fi 0 dhaan injifate.

Taphataan goolii hedduu galchuun beekamu Erliing Haalaand boqonnaa dura goolii lama galchuun jalqabbii tapha piriimer liigii akkaan hawwataa taasise.

Gareen Peep Gaardiyoolaas milkiidhaan eegale.

Taphataan sarara gidduu utubaa kilabichaa jedhamuun beekamu Keevin De Biraayina akkuma taphi eegaleen miidhamee wayita ba'u Siitiin guddoo yaadda'ee ture.

Bakkasaa taphataan Chelsiirraa barana Siitii gale Maateewoo Kovaachiich galuun garechi akka boojuun galu tumseera.

Sambata waaree booda dirreesaarratti Nootiingihaam Foorast kan keessummeesse Arsenaal ammoo 2 fi 1n mo'ateera.

Tapha waancaa Kominitii Shiildi torbee darbe Arsenaal injifate irratti osoo hin taphatin kan hafe Eedii Nikeetiyaa Arsenaaliif goolii jalqabaa galcheera.

Taphicha booda leenjisaan Arsenaal Maayikil Arteettaa taphataa ganna 24 lammii Ingliiz ta'e kana jajaniiru.

Taphataan sarara fuulduraa Arsenaal Gaabreel Jeesuus sababa miidhamaan kan hin taphanne yoo ta'u, torban lama booda akka deebi'u kilabichi ibseera.

Goolii lammaffaa akkaan qalbii namaa hawwatte Arsenaaliif kan galche taphataa collee Bukaayoo Saakaadha.

Taphataan umrii ganna 21 kun sarara rukuttaa adabbii ala ta'erraa kubbaa bareechee humnaan rukutuun goolii akkaan jajamte lakkoofsiseera.

Taphattoonni bara kana Arsenaalitti makaman Kaayi Haavartiz, Juuriyen Tiimbar fi Deeklan Raayis taphataa jalqabaa isaanii taphataniiru.

Nootiingihaam Foorasti taphichi wayita xumuramuuf jedhu Arsenaal irratti goolii galche, dhumarratti goolii dabaluuf guddoo ifaajanis garuu taphichi 2 fi 1n olaantummaa Arsenaaliin xumurame.

Taphoota kaleessa galgala taphataman keessaa kan Niwukasil fi Astan Viilaa akkaan hawwataa ture.

Boodana dandeettii ajaayibsiisaa agarsiisaa kan dhufe Niwukasil dirree isaa Saayinti Jeemsi irratti 5 fi 1'n mo'ate.

Goolii hedduu galchuun tapha baranaa eegale.

Niwukasil keessatti taphaa jalqabaa isaanii kan taphatan Saandiroo Toonaalii fi Haarvii Baarinis goolii tokko tokko galchaniiru.

Maatii warra Ertiraa irraa kan dhalate Aleksaandar Isaak ammoo goolii lama galchuun dandeettiisaa baasee agarsiiseera.

Bara dorgommii darbe, keessattuu walakkaa gara xumuraa irratti, fooyya'iinsa guddaa kan agarsiise Astan Viilaan barana qaaniidhaan eegaleera.

Goolii jalqabaa Niwukasil galche booda taphataan Astan Viilaa sarara moggaarra taphatu Muusaa Diyaabii Niwukasil irratti galchuun walqixa ta'anii turan.

Taphoota kaaniin Barnimaz Weestihaam waliin goolii tokkoon walqixa ba'an, Fulhaam dirreesaan alatti Evartaniin 1 fi 0 dhaan injifate.

Kiristaal Paalaas ammoo Sheefiildi Yunaayitidiin 1 fi 0 dhaan injifachuun qabxii sadiin galeera.

Leenjisaa Dii Zarbii jalatti fooyya'iinsa agarsiisaa kan jiru Biraayitan ammoo kilaba haaraa piriimer liigiitti guddate Luuton Taawon 4 fi 1'n mo'ate.

Liigicha Niwukasil garaagarummaa gooliin dursuu eegaleera, Biraayitan, Maanchistar Siitii fi Arsenaal walduraa duubaan lammaffaa hanga afraffaatti jiru.