Bara dorgommii baranaa Halaand rikardii kam fa'a cabsuu danda'a?

Erliing Halaand bara dorgommii jalqabaa liigii Ingilaandiin rikoordiiwwan galchii Piriimiyerliigii Ingiliiz hunda jedhamu cabse - bara dorgommii baranaa maal galmeessuu danda'a?

Jifataan lammii Noorwey kun taphoota liigii 35 irratti goolii 36 galchuun rikoordii cabse kophee warqee fudhate. Waliigalatti goolii 52 lakkoofsise.

Dorgommii hunda, taphoota 53 irratti, Maanchistar Siitiif 52 galchuun rikoordii cabseera.

Haaland Siitiin Waancaa Piriimiyerliigii Ingilizii, Chaampiyeens Liigii fi Waancaa FA akka injifatu gargaareera.

Bara 2023-24'tti rikardii akkamii cabsuu danda'a?

Rikardii Pirimiyeer Liigii?

Halaand galchiiwwan 36 galchuun yeroo dheeraaf Alan Shiirar fi Andiriiw Kool, kan bara dorgommii jalqabaa sadan Piriimiyerliigii Ingiliiz keessatti tokko tokkoon isaanii goolii 34 galchan, caaluun rikardii haaraa galmeesse.

Yeroos gareewwan isaanii taphoota 42 taphatanitti goolii kana lakkoofsisan.

Mohaammad Saalah bara taphoota 38 taphatamutti goolii 32 galchuun rikoordii galmeessee ture.

Wanti ajaa'iba taasisu ammoo Halaand umrii ganna 23'tti goolii baay'ee galchuu danda'e. Ammoo rikoordii ofii cabsuu irratti xiyyeeffata.

Siitiin tapha xumuraa Waancaa FA fi Shaampiyoonsi Liigii yaada keessa galchuun guyyaa xumuraa Bireentifoord mo'achuuf taphatan nama goolii adamsuun beekamu kana teessoo jijjirrarra dhiisee ture.

Barana taphaa kana keessatti yeroon yoo kennameef goolii dabalataa galchuu danda'a.

Halaand taphataa collee goolii Piriimiyeer Liigii Ingiliiz 50 irratti lakkaa'ame ta'uuf ofitti amana.

Kool taphoota 65 taphachuun rikoordii kana qaba - Halaand taphoota 29 itti aanan irratti yeroo 14 yoo goolii galche ni cabsa.

Rikardii Diksii Diin ni cabsaa?

Diksii Diin bara 1927-28'tti Evertaniif goolii 60 galche - Halaand bara darbe goolii 24 hanqata.

Garuu bara sanatti dorgommiiwwan hunda irratti goolii 63 Diin galche mo'uuf carraa qabaachuu mala.

Halaand Siitii erga seenee goolii 52 galchuun Diinitti aane sadarkaa lammaffaa irratti argama - garuu yeroo ta'e tokkotti waan rikoordicha cabsuu danda'u fakkaata.

Rikardii Maan Siitii?

Halaand bara dorgommii darbe galchii hedduu galchuun kilaba isaa Maanchistar Siitiitti rikardii haaraa galmesseera.

Kunis riikardii Toomii Joonsan waggoota 94 ture cabsuuni. Joonsan galchii 38 galchuun yeroo dheeraaf kilabichaaf riikardii ture.

Galchii hedduu kilaba isaaf galmeesseen Halaand yeroo ammaa taohoota jajjaboo kilabichaa 20 keessa seeneera.

Barana galchiiwwan dabalataa yoo galche 10 keessaa tokko ta'uu danda'a.

Rikardii Chaampiyeens Liigii?

Halaand taphoota Chaampiyeens Liigii Awrooppaa 30 taphatee 35 galche.

Kilaboota isaa sadan (Saalzisbargiif tapha 6 keessatti goolii saddeet, Dortmundiif tapha 13 keessaa 15, Siitiif 11 keessatti goolii 12) tapha tokkotti goolii tokkoo ol galche.

Taphattoonni torba kophee warqee inni yeroo lama fudhate ni caalu.

Halaand yeroo sadaffaaf goolii hedduu galchuun yoo xumure Kiristiyaanoo Roonaaldoo, Meesii fi Jeraard Mullar qofatu isa caala.

Taphoota muraasa goolii Chaampiyeens Liigii Awrooppaa 10, 15, 20, 25, 30 fi 35 galchuuf barbaachisan irratti rikoordii qaba - goolii 40 galchuunis rikoordii cabsuun isaa hin oolu.

Yeroo ammaa kana rikoordii kan qabu Ruud van Niistarlooy yoo ta'u, taphoota 45 taphachuun sadarkaa sana qaqqabe.

Halaand goolii 50 ga'uuf goolii 15 isa barbaachisa.

Bara tokko keessatti goolii Chaampiyeens Liigii Awurooppaa baay'ee kan galche Kiristiyaanoo Roonaaldoo yoo ta'u, bara 2013-14 taphoota 11 irratti galchiiwwan 17 lakkoofsisuu danda'e.

Rikardii Noorwey?

Halaand biyya isaa Noorwayiif taphoota 25 irratti galchii 24 galche. Kunis taphattoota biyyattii galchii hedduu galchan keessaa tokko isa taasisa.

Galchiin hammanaa sadarkaa afraffaarra isa kaa'a. Taphattoonni biyyattii riikardii akkasaa kana qaban sadii biroos jiru.

Yoo dabalataan galche riikardii isaa kana fooyyessuu danda'a.

Rikardii biyyaalessaa biyyattii taphataa Joorn Juuveen jedhamutu bara 1928-1937 gidduutti goolii 33 galchuun galmeesseen yoo wal bira qabamu salgaffaarra jira.