Jijjiirraan Kayiseedoo riikardii Ingiliz ta'e akkamiin Liivarpuulii Cheelsiitti garagale?

Taphataan sarara gidduu ganna 21 Moosees Kayiseedoo Jimaata ganama maallaqa paawundii miiliyoona 111 dhiyeessee simatamuun Liivarpuul galuuf fiixeerra ture.

Leenjisaan Liivarpuul Yaargan Kiloop Jimaata ibsa yeroo kennan Kaayiseedoon Liivarpuul galuuf Biraayitan waliin waliigalteerra gahamuu ibsanii ture.

''Biraayitan, taphatichaafi ejentoota gidduu waliigalteerra gahuu nan mirkaneessa, waan itti aanu ni ilaalla'' jedhan Kiloop ibsa isaanii keessatti.

Leenjisaan Liivarpuul kun Kayiseedoof yeroon qorannoon gaggeefamu qabamuu mirkaneessuu baatanis gabaasaaleen sun marti qophaa'uu himan bahaa turan.

Kana gidduutti tasa jalqabaa eegalee taphataa lammii Ekuwaadoor kana adamsaa fi waliin dubbachaa kan ture Chelsiin, waliin dubbii adda kutee turetti deebi'e.

Kayiseedoon Liivarpuulirra Cheelsiitti makamuu akka barbaadu ibse.

Liivarpuul maallaqni jijjiirraa kanaaf dhiyeesse Biraaytaniin fudhatama argachuu qofa osoo hin taane bakka buutota taphatichaa irraas fedha isaa ta'uu mirkaneeffannaa argatee ture jedha gabaasni Mirror.

Booda ejjennoon Kayiseedoo ni jijjiirame. Gaazexessaan Isportii Faabriziyoo Romaanoo taphataan kun Cheelsiitti makamuu akka barbaadu Liivarpuulitti himuu gabaase.

Amma Chelsiin maallaqa Liivarpuul dhiyeesse paawundii miiliyoona 111 tti miiliyoona afur dabalee, seenaa jijjiirraa taphattootaa kilab Ingiliiz keessatti gatii riikardii ta'ee miiliyoona 115 Biraayitaniif dhiyeessee waliigalticha raawwachuuf qophiirra jira jedha Iskaay Ispoort.

Dabalataan Cheelsiin taphataa sarara gidduu kan biraa Liivarpuul waliin dubbachaa ture, lammii Beeljiyeem Roomiyoo Laaviyaas mallatteessifachuuf dhiyaateera.

Liivarpuulis erga Kaayiseedoo ni dhaba ta'ee Laaviyaa argachuuf tattaaffii godhu adda hin kutne jedha gabaasni Iskaay Ispoort.

Oduu jijjiirraa taphattootaa isa kan biroon dhimmi isaa dafee raawwachuu kan hin dandeenye Haarii Keen dhuma irratti Baayer Miiyunikitti makameera.

Keen Jimaata qorannoo meedikaalaaf gara Jarman imale.

Jifataan ganna 30 kun ragaalee sirraa'uu qaban irraa kan ka'e sa'aatiiwwan muraasaaf imala irrattis rakkatee ture.

Baayeer Keeniin mallatteessifachuuf paawundii miiliyoona 95 baase.

Tootenhaam keessatti jifataa abbaa goolii hedduu ta'uun riikardii kan qabate Keen, gooliiwwaan 280 hirmaannaa isaa 435 irratti lakkoofsiiseera.

Garuu ammoo injifannoo gurguddaa hin arganne.

Arsenaal taphataa sarara ittisaa isaa lammii Jappaan Takehiiro Tomiyaasuu kan Inter Miilaaniin barbaadamaa jiruuf gatii paawundii miiliyoona 30 akka akka fedhu beeksiseera.