Boci keessoo Dachee jijjiiramuu mala jedhu saayintistoonni

Fakkii 3D Dacheen waan murame fakkaatuufi keessoo agarsiisuu

Madda suuraa, Getty Images

Boci keessoo lafaa ykn dachee waggoota 20 darban keessatti jijjiiramuu mala jedhu gareen saayintistootaa.

Yeroo baayyee wiirtuu (core)n keessoo lafaa boca kubbaa ykn geengoo fakkaatu qaba jedhamee yaadama, garuu qarqarri isaa dhugumatti bakka tokkotti olka'iinsa meetira 100 fi isaan ol ta'een bocamuu danda'a jedha Profeesar Joon Vidaale qorannoo kana kan dursan.

Wiirtuun lafaa dirree maagneetii lubbuu qabeeyyiin carallaa aduutiin akka hin gubanne kan eegu waan ta'eef onnee pilaaneetii keenyaa dhawatudha.

Wiirtuun (core) keessaa wiirtuu alaa dhangala'aa fi pilaaneetii hafe irra of kan danda'ee naannawudha. Sochiin kunis osoo hin jiraatiin lafti du'aa turte.

Silaa akka Maarsii lubbuu qabeeyyii hin qabneefi waggoota biliyoonaan dura dirree maagneetii dhabde fakkaatti turte.

Jijjiiramni bocaa kunis wayita qarqarri wiirtuu keessaa jabaa wiirtuu alaa sibiilaa dhangala'aa garmalee ho'aa ta'e tuqetti ta'uu danda'a.

Qorannoon kun barruu saayinsii Nature Geoscience jedhamu irratti maxxanfameera. Saayintistoonni kunneen jalqaba irratti, osoo bara 2010tti deebi'ee saffisa isaa ol kaasuu dura maaliif wiirtuun keessaa saffisa naannoo lafaa caalaa suuta jechuun saffisa isaa hir'isuu akka danda'u baruuf yaalaa turan.

Akkaataa wiirtuun lafaa itti hojjetu hubachuun dirree maagneetii pilaaneetii kana eegu hubachuuf akkasumas sun laafuu ykn dhaabbachuu danda'uu isaa hubachuuf barbaachisaadha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Keessi pilaaneetii keenyaa iddoo garmalee dhoksaa ta'edha. Wiirtuun kun lafa irraa gara maayilii 4,000 kan fagaatu yoo ta'u, carraaqqii cimaan godhamus, saayintistoonni hanga ammaatti bira gahuu hin dandeenye.

Kanaafuu, iccitii isaa hiikuuf yaaluun qorattoonni tokko tokko sochii dambalii kirkira lafaatiin yoo pilaaneetii kana keessa raafamu madaalu.

Akkaataan dambaliiwwan kunneen itti deeman, wiirtuu keessoo dabalatee gosa meeshaa akkamii keessa akka sochoʼan kan argisiisu siʼa taʼu, wanta miila keenya jala jiru fakkii kaasuuf gargaara.

Xiinxalli haaraan kun akkaataa dambalii kirkira lafaa bara 1991 fi 2023 gidduutti bakka tokkotti irra deddeebi'ame irraa argame ilaaleera. Sun akkaataa wiirtuun keessaa yeroon jijjiiramaa jiru agarsiisuuf gargaareera.

Yunivarsiitii Kibba Kaalifoorniyaatti saayintistiin lafaa kan ta'an Profeessar Vidaale, yaada waggoota sanatti naannoo bara 2010tti wiirtuun keessaa saffisa isaa hir'ate jedhu deeggaruuf ragaa dabalataa argataniiru.

Ifni kaabaa naannootti kan uumamu yeroo paartiikiliin aduu dirree maagneetii lafaa kan wiirtuu pilaaneetii keenyaa wajjin walqabatu waliin walqunnamudha

Madda suuraa, Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Ifni kaabaa naannootti kan uumamu yeroo paartiikiliin aduu dirree maagneetii lafaa kan wiirtuu pilaaneetii keenyaa wajjin walqabatu waliin walqunnamudha

Haata'u malee, gareen isaa ragaa jijjiiramaa boca wiirtuu keessoo argateera.

Daangaa wiirtuu keessaa fi alaa irratti kan ta'u fakkaata, bakka wiirtuun keessaa bakka baqinaa itti dhihoo jirutti. Dhangala'aan wiirtuu alaa akkasumas dirree harkisaa walqixa hin taane irraa harkifamuun difoormeeshinii fiduu danda'a.

Yunivarsiitii Biyyoolessaa Awustiraaliyaa irraa kana ta;aniifi qorannoo kana keessatti kan hin hirmaannee Prof. Hurvoy Tukaalcheech, barreeffamni kun ''yaad-rimee hawwataa caalaatti qoratamuu qabu'' kenna jedhan.

Saayintistoonni "amaloota meeshaalee barbaachisoo ta'an muraasa kan akka safartuu dhagala'aa (viscosity) wiirtuu keessaa, saayinsii ammayyaa keessatti kan baay'inaan hin beekamne keessaa tokko ta'e irratti, tilmaama odeeffannoo qabu akka kennan" gargaaruu danda'a jedhen.

Yeroon booda wiirtuun alaa dhangala'aan qorruudhaan gara wiirtuu keessoo isa jabaa ta'etti qorraa ta'aa jira, garuu guutummaatti jabaa ta'uu isaa dura waggoota biliyoonaan lakkaa'aman fudhata.

Jireenyi lafarra jiru xumura jechuu ta'uun isaa hin oolu jechuun ni danda'ama, garuu yeroo sanatti pilaanetiin kun Aduudhaan liqimfamuu hin oolu.

Gaheen hojiin Prof Vidaale, qaama qorannoowwan ogeeyyii addunyaatiin waan hundee ykn (core) dachee keessatti ta'u qorachuu fi falmuudha.

"Saayinsii keessatti akka waliigalaatti hanga hubannutti wantoota kanneen ilaaluuf yaalla," jedhu Prof Vidaaleen.

"Argannoon kunis jireenya keenya guyyaa guyyaa irratti dhiibbaa tokkollee hin qabaatu, garuu dhuguma waan keessoo dachee keessatti ta'aa jiru hubachuu barbaanna," jechuun dabalataan ibsan.

Jijjiiramni kun jijjiirama dirree maagneetii lafaa wajjin kan walqabatu ta'uu danda'a.

"Waggoota kurnan darban muraasa keessatti dirree maagneetii yeroo adda addaatti ni socho'a ture, sunis waan daangaa wiirtuu dachee keessootti argaa jirru waliin kan wal walqabate ta'u isaa beekuu barbaanna," jedhan.

Prof Vidaale argannoowwan kana yaada ijoo tarii wiirtuun keessoo dachee yeroo dhiyootti naanneffamuu dhaabuuf deemaa jedhu irratti of eeggannoo akka godhamu gaafataniiru.

Akkasumas itti dabaluudhaan, wantoonni hin mirkanoofne hedduun jiraachu kaasan.

"Jijjiirama kana sirritti hiikuu keenyaaf %100 mirkanaa'aa miti," jechuun daangaaleen beekumsa saayinsii yeroo hunda jijjiiramaa jiraachuu kaasaniiru.