Jaagamaa Badhaanee: Guca qabsoo barattoota Oromoo Amboo

Jaagamaa Badhaanee

Madda suuraa, Maatii

Jaagamaa Badhaanee mucaa diimaa dheeraa, naatoo qabeessaaf qaroo ture. Barreeffama mimmiidhagsee bocuun beekama. Qabsoo barattoota Oromoo Amboo keessatti ammoo dargaggeessa bifa addaatiin yaadatamudha.

Jaagamaan ALI’tti bara 1979 Oromiyaa, Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo, Ganda Qulliitiif Birbirsa jedhamutti maatii qotee bulaarraa dhalate. Obboleeyyan dubaraa lamaa fi dhiiraa shan kan qabu yoo ta’u, inni nama torbaffaa ture.

Jaagamaan obboleeyyansaa kaanirraa nama qaroo akka ture dubbatu obboleessisaa hangaaa, Obbo Hayiluu Badhaanee. Barnootasaa sadarkaa 1ffaa magaalaa Amboo M/B Sadarkaa 1ffaa Cariitti, sadakaa 2ffaa ammoo Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Ambootti barachaa ture, hanga waggaa 20n kana hajjeeffameetti.

Jaagamaa Badhaanee nama akkamii ture, sochii diddaa barattoota Oromoo sagaltamoota keessatti maal gumaache? Maaliif ajjeefame fi akkamiin yaadatama? Gaaffiilee kanneeniif deebii argachuuf BBC’n Hiriyaa Jaagamaa fi maatiisaa dubbiseera.

Ofii Jaagamaan eenyuudha?

“Kutaa tokko barataa turre. Manaanis naannoodhuma tokko jiraataa turre. ALI’tti bara 1992, gubachuu bosona Baaleefi oduu ‘wellisaa Hirphaa Gaanfuree ajjeefameera’ jedhuun mormiin barattootaa gara diddaa cimaatti” akka jijjiirame hima hiriyaan Jaagamaa Obbo Warquu Fayyeeraa.

Jaagamaafi Warquun waliin mana barumsa sadarkaa tokkoffaa Cariitti barataa turan. “M/B sadarkaa lammaffaatti gaafa fincilli ka’u nutis birmannee deemna. Umuriidhaan ijoollee taanus, gahee keenya inuma bahanna ture” kan jedhu Warquun, diddaa bara sana ture keessatti hirmaachaa akka turan yaadata. Yeroo sanaa kaasee Jaagamaa waliin michuu lubbuu akka turan dubbatan.

Bara 1994’tti jeequmsi walfakkaataan itti fufe. Jaagamaafi Warquunis humnoota mootummaatiin qabamuunis Masaraa Mootummaa Ambootti, Waajira Poolisii Godina Shawaa Lixaatti, Waajira Poolisii Magaalaa Ambootti, Mana Sirreessaa Godina Lixa Shawaatti waliin hidhamaa turan.

Yeroo mana murtiitti dhiyaatan, dararaa mana hidhaatti isaaniirra gahu ibsuuf, fakkii Tiishartii adii irratti boca. Jechama ‘Namni abdii kutu hin mo’u’ jedhamuunis beekama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baroota 1995 fi 1996’s finciluma walfakkaataa keessa waliin dabarsan. Bara 1996 fi 1997’f Jaagamaan akka hin baranneef bulchiinsi mana barumsaatiin ganna lama adabame. Bara 1998 ammoo humnoota mootummaatiin ajjeefame.

Du’a Jaagamaa hordofee manneen barnootaa fi kutaalee Oromiyaa gara garaa keessatti diddaan babal’ate. Jaagamaa Badhaanee ji’a Onkoloolessaa erga ajjeefamee booda seensa mana barumsaa inni irratti ajjeeffame qofa osoo hin taane, manni barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Amboo cufameetu bahe.

Bara sana barataan tokkollee osoo mana barnootaa deemee hin baratiin warri qormaata biyyoolessaa fudhatan qofti qoraman. Ajjeefamuunsaa bara Miidiyaan hawaasaa hin turetti kutaalee baadiyaa fi magaalaa Oromiyaa gara garaatti ijoo dubbii ta’ee ture.

Barataan mana barumsaa bakka inni itti ajjeefame irra darbee yoo seenee barate ''dhiigni Jaagamaa galaana ta’ee haa nyaatu, lafeensaa qoraattii ta’ee haa waraanu'' jedhamee abaarame. Hanga har’aatti namni achirra tarkaanfatee mana barumsaa hin seenne; hin baanes. Seensi mana barumsichaa karaa biraatiin saaqame. Jaagamaan erga wareegamee baatii Onkoloolessaa kun waggaa 20ffaa ta’us hima hiriyaansaa Warquun.

Suura Jaagamaafi hiriyaa isaa karra mana-barumsaa Amboorratti

Madda suuraa, Obboleessa Jaagamaa, Haayiluu

Jaagamaan akkamiin gara qabsootti seene?

“Jaagamaan barataa qaxalee ture. Daree baratu keessatti barattootaafi barsiisota biratti hariiroo gaarii qaba ture. Bifaan, amalaan baay’ee bareedaadha. Yeroo sana dhaabni karaa nagaa qabsaa’u baay’ee hin beekamu.

Nu kan jalatti hiriirru dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo ture. Namni ergama fidu jiraachuu mala‘‘ jechuu taatee yeroo sanaa yaada Warquun.

Jaagamaan bara 1994 irraa eegalee qabsoo barattoota Oromoo keessatti nama gahee guddaa bahachaa turee fi hamma gaafa ajjeeffamuutti nama gatii baasaa ture ta’uu hima hiriyaan Jaagamaa kun.

‘Rakkina biraa qabdamoo miidhama qotee bulaatu akkanatti si boochise?’

Jaagamaan ijoollummaa irraa eegalee miidhama qotee bulaa fi faalama naannootiif quuqama qabaachuu kan himan, obboleessasaa Obbo Hayiluu Badhaanee akkasiin mudannoosaa yaadatu.

Yeroos qotee bultoonni midhaan barandaatti gatanii galu turan sababii gatii hin baafneef. Gatiin xaa’oommoo mi’aa ture. Midhaanuma oomishe gurguree gatii xaa’oo kafala. Isumaan ammoo ijoolleesaa magaalatti barsiisa. Qe’eesaas ittiin bulcha.

Yeroo sanatti gandoonni baadiyaa Aanaa Amboo hedduun mana barnootaa sadarkaa lammaaffaa waan hin qabneef, barattoonni magaala Amboo dhufuun mana kireeffatanii torbaniin ykn torbee lamaan gara baadiyyaatti deddeebi’anii galaa fudhataa, ykn maatiin deddeebisaaf baratu.

Jaagamaanis qotee bultoota midhaan gurgurachuuf harree fi fardeeniin fe’anii magaala dhufan arge. Gatiin midhaanii jalaa bushaa’ee waan argeef gaddee akka boo’e yaadatu Obbo Haayiluun.

“Bara 1992 natti fakkaata, gatiin [midhaanii] haalaan kufe. Qotee bulaan keenya dararamaa jira. Yeroos Jaagamaanis midhaan oomishe gataa jira, itti fayyadamaa hin jiru jechuun akka waan namni du’eetti boo’e. Rakkina gara biraa qabdamoo miidhama qotee bulaatu akkanatti si boochise? jennaan, manatti na dhiisee bahe, ijasaa haxaawwatee‘‘ jechuun quqama qonnaan bulaaf qabu yaadata.

Itti dabalunis, “Kan si ajaa’ibu waa’ee faalama qilleensaa isatu [Jaagamaa] kaasa ture. Warra TPLF [Adda Bilisummaa Ummata Tigraay] hin jaalatu; umuriisaas kan gabaabse kanuma. Milkiin isaaniillee nutti badee, qilleensi Oromiyaa keessa jiru [faalamee], biyyi keenya gammoojjummaadhaan liqimfamtee jedhee dubbata.

“Mucaa nanaa kan si madaalu haasa’i ati daa’imadha; jarreen kun namarraa hin goranii [jedheen gorsa]. Ni doorsisu, qabanii hidhu. Egaa gaafa dhumasaa kan sodaatan nama qaqqabee, kan jibban nama dhaala jedhani. Waantan sodaadhe naan hafne” jechuun gaabbiidhaan haasa’u Hayiluun.

Sirna yeroo sana ture kan ‘TPLF’ akkanni hin jaalannee baakanis eenyu waliin maal akka hojjetu garuu akka hin beeknes dubbatu obboleessi hangafaa Jaagamaa. “Ijoolleen amma iddoo gaarii turan hedduunsaanii isaan geggeeffamaa kan turanidha” jedhu.

Kabbadaa Badhaasaa fi Jaagamaa Badhaanee

Madda suuraa, SM

‘Kan abdii kutu hin mo’u’

Jaagamaan maatiisaa, hiriyoota qabsoofi barsiisotasaa biratti jaalatamummaa guddaa qabaachuu kan himu hiriyaansaa Warquun wantota ijoo inni ittiin yaadatamu akkanaan ibsa.

“Jaagamaan barataa baay’ee jabaadha. Barreeffama bareechee barreessa. Barreeffama gurguddaa kanammoo harkaan bocuu danda’a. Kutaasaa keessatti barsiisotasaatiin baay’ee jaalatama. Mana hidhaa keessatti barreeffama gara garaa bocuudhaan, mana murtii gaafa dhaqe Abbaa Murtii fuuldura dhaabatee waan rakkoo barattootaa hunda dubbachuudhaan, mana hidhaa keessatti tiishartoota irratti jechoota gara garaa barreessee barattoota mana hidhaa jiran uffachiisee mana murtiitti ergaa ture’’ jedha.

‘‘Akkaataa itti gadi garagalfamanii lakkoofsa saddeet [8] hidhaman, suura sana irratti nuu kaaseetu Tiisharticha uffannee mana murtiitti [dhiyaanna]. Mana murtiitti abbootiin seeraa kuni maali jedhanii nu gaafatan. Kuni akkaata nuti itti gadi gara galfamnee reebamaa jirrudha, suurasaati jenneen. Eenyutu kaase jedhanii gaafa gaafatan otoo nuti deebii hin deebisiin, [Jaagamaan] fuulduratti bahee anatu boce jedhaan’’ jechuu ija jabinsaa yaadata.

Barreeffamni kunoo maal jechuudha, jennaan [Abbaan murtii], ‘Kan Abdii Kutu Hin Mo’u’ [jedhee deebiseef]. Namoonni tiishartiin sun birratti argame baay’eensaanii torbee lama lamaaf Masaraa Mootummaa Ambootti deebifamanii gadi garagalfamanii garafamaa turan, kaan ammoo baay’ee dhukkubsatanii hospitaala galanii ture jedha.

Jaagamaan mana sirreessaa keessatti namoota wal lolan walitti araarsuun, fuulduratti maal akka gochuu qabu, namni barate barataa jabaa ta’uu akka qabu, namni ergama fudhatee bahetti adda duree ta’uu akka qabu fakkeenya gaarii barattoota Ambootii nama ta’e turedha. Tokkummaa Oromoo uumuurratti gahee olaanaa qaba” jechuunis dabalee ibsa jedha Warquun.

‘Waa’ee biyyaa kan yaadu nama sammuu qabu’

Ijoolleen qabsoo barattootaa keessatti hirmaataa turan barnoota isaaniin illee namoota qaroo akka turan kan himu Warquun, “Jaagamaan mana barumsaa erga galee dareesaa keessaa [sadarkaa] sadaffaa gaditti bahee hin beeku. Nama kutaa sagaliif kudhan ennaa baratu kitaaba kutaa 11 fi 12 hojii manaa ijoolleedhaa hojjetudha’’ jechuun ciminsa hiriyaasaa yaadata.

‘‘Barataan sababa qabsootiin Ambotti hidhame kutaa 10nis haa ta’uu 12 qoramanii kan kufee ani beeku hin jiru. Waa’ee biyyaa kan yaadu nama sammuu qabu. Fincilatti kan hirmaatu duuriyyee otoo hin ta’iin barattoota baay’ee jajjaboodha. Sa’aatii itti wal arginee dhimma siyaasaa, dhimma fincilaa, dhimma dhaabaa [altokko] haasofna. Sa’aatii kanarraan kan hafe namni hundisaa kan barnootasaa qayyabatu ture’’ jedhan.

Fakkeenayaan yoo kaasus, ijoollee M/B Sadarkaa lammaffaa fi Qophaa’ina Ambootti boombii darbattan jedhamuun hidhaman kan akka Daggafaa Uumaa, Baqqalaa Uumaa, Kidaanuu Taammanaafaa gaafa Karchallee Ambootii dhaqanii qormaata fudhatan jedha.

‘‘Qabxiin qormaataa wayita dhufu ammoo, akka Godina Shawaa Lixaatti Karchallee Amboodha tokkoffaan. Ijoolleen qoramte digdamii tokkonuu qabxii olaanaa fiduudhaan yunivarsiitii galan. Baay’eensaanii amma doktarootadha, kaansaanii injinaroota beekamoodha” jechuun waa’ee qabsoo barattoota Oromoo ibsa.

Itti dabaluudhaan Obbo Haayiluun, “Abbaan keenya qotee bulaa waa maraanuu nama jaalatamanidha. Otoo akkasitti jaalatamanii abbaa keenya kan duubatti isa hambise barumsa dhabuusaati. Jaagamaan barnoota jaalatu akka baratuuf jechan “isa fudhadheen gara magaala Ambootti dhufe” jechuunis abjuunsaa barnootaan bakka guddaa ga’uuf akka ture ibsu.

“Bara 1997 keessa dhaaba mormituu karaa nagaa qabsaa’u jalatti hiriirree turre. Galgala galgala dhaaba Adda Bilisummaa Oromoof, halkan halkan dhaaba OBKO [Kongirasii Biyyaalessa Oromoo] jedhamuuf hojjenna. Filannoo ALI bara 1997 taasifame keessatti Shawaa Lixaa guutuusaa Paarlaamaaf dabarsinee.’’

Haata’u malee, mootummaan yeroo sanaa aangoo waan hingadhiisneef filannoo waggaa shanii eeguurra ‘‘bilisummaa Oromoo ariifachiisuu qabna jennee mari’annee gara fincilaatti seenne. Fincila sana koreedhan kan dursaa turre. Jaagamaanis koree sana keessa ture’’ jechuun haala ture kan ibsu Warquun.

Barataa Jaagamaa Badhaanee hiriyaa isaa waliin

Madda suuraa, Obboleessa Jaagamaa, Haayiluu

Jaagamaan akkamitti ajjeefame?

‘‘Bara 1998 “Onkoloolessa 30 sa’aatii afuriif walakkaatti jedhamee [fincilli] labsamee ture. Barattoonni sa’aatii booda dhufan nu jalaa hafu jennee waan yaanneef, kan ganamaafi kan waaree boodaatiin yoo walitti dhufne humna godhanna jennee waan yaanneef sa’aatii jahaaf walakkaatti jijjiirre,’’ jedha Warquun.

‘‘Akkuma jedhametti Jaagamaan lafa itti ramadame qaba. Namoonni isa faana ramadaman kan akka Shuumii Daandanaa fa’ii gareesaanii faana turan. Sa’aatii jahaatti akkuma jedhametti balbala M/B Sad.2ffaa fi Qophaa’inaa Amboorratti yeroo gadi bahamu, xiyyeeffannaa guddaan waan irra jiruuf, Jaagamaan dhaaba Adda Bilisummaa Oromoof hojjeta jedhamee waan shakkamuuf, akkumanni gadi baheen rasaasa jalqabaatiin rukutanii ajjeesan’’ jechuun haala itti ajjeeffame yaadata Warquun.

Jaagamaan erga rasaasaan rukutamee kufee booda “dhukaasa garmalee ture waan ta’eef, barattoonni irraa ol dacha’an Kabbadaan rasaasa akka bokkaatti roobu keessa dhaqee Jaagamaa akkuma lafaa olharkisuuf gadi jedhee jirutti, bobaasa jala rukutamee kufe. Daree tokko baratu ture. Kan isaan ajjeese poolisii Oromiyaa ture. Kan achi jiru qaamni biraa hin turre gaafas,’’ jedha.

‘Dhaddacharraa jilba keenyaan deemneetu baane’

“Gama mana murtiitiin homtuu isaanitti hin hafne. Achuma mana hidhaa keessatti bakki addaatti tikti haa ta’uuf malee, mana murtiitii waanni hambise hin jiru. Manni murtii umurii guutuu itti murteesse. Gaafasaan murteessan galatoomaa jechuudhaaf dhaddacharraa jilba keenyaan deemneetu bane” jechuun murtoo miseensa Poolisii Oromiyaa Jaagamaa ajjeese jedhamerratti fudhatame ibsu obboleessisaa hangafaa.

Kan ajjeechaa raawwate miseensa poolisii Oromiyaa ta’uu kan himan namni kun, “Dirqamni itti kennamee, itti yaadanii raawwadhu jedhaniitu ajjeesisani” jechuun ajjeechaansaa qaamota siyaasaatiin kan qindaa’e ta’uu fuulchu.

Fincila magaala Amboo keessa ture kallattiidhaan Addi Bilisummaa Oromoo hogganaa akka ture kan dubbatu Obbo Warquun, “Isaanis magaala qarqaratti lafa tasgabbii qabutti bahee midiyaaleedhaaf odeeffannoo akkan kennu natti himanii,” sana booda akka magaala gadhiisee bahe kaasa.

“Kallattiin Jaal Daawud faana kan wal quunnamaa turre. Isaan bahi kana booda miidiyaaleedhaaf deebii kenni jedhan. Miidiyaan jalqaba intarviiw godhe VOAti. Sana booda Sagalee Jarmaniif, Sagalee Bilisummaa Oromootiif, miidiyaalee hedduuf” ibsa kennuusaa ganna digdama duubatti deebi’ee yaadata Obbo Warquun.

‘Hin deebitu taanaan rasaasa tokkotu si gaha naan jedhani’

Obbo Hayiluun taatee guyyaa Jaagamaan itti ajjeefame sanaa akkasiin yaadatu: “Abbaa kiyya wajjin mana jireenyakoo utuma teenyee jirruu sagalee meeshaan dhaga’e. Wayi anaa! Yaa ijoolleekoo ammoo yaa obboleessa kiyyan jedha jedheen alatti gadi fiigee bahe. ‘Dubbiin kun gara Carii [M/B Sad. 1ffaa] odoo hin taane, M/B Sad. 2ffaa Ambooti’ naan jedhan namoonni.

“Garasitti ennaan imalu, miira kootu beeke akka dubbiin kansaa taate, itti gamu waan tureef. Durumayyuu aanga’oonni ‘hin deebitu taanaan rasaasa tokkotu si gaha naan jedhani’ naan jedheera. Rasaasni tokko edda na gaheemmaa bayeessa mitiiree, ani soddoma naa hawwiten se’e” jechuun waajira aanga’aa isa waamee dhiisee akka bahe itti himuu yaadata obboleessisaa.

Jaagamaan nama waan hunda icciitiin qabatu ta’uu kan yaadatan obboleessisaa kun, eenyummaa nama isa qoratee “kaabineedha naan jedhe malee maqaasaa natti hin himne; warra tikaa kana ta’uu hin ooltu” jedhan.

“Ijoolleen kiyya kan isarraa [Jaagamaa] baran jecha hin taane yoo namni jedheen natti hin himani. Deemteet namaan wal lola kan jedhamu tokko ni sodaatu” jechuun ibsu.

Barataa kutaa salgaffaa kan ture Jaagamaan, “Onkoloolessa 30 bara 1998, guyyaansaa Roobii, sa’aatii jahaaf walakkaatti” isumaa mana barumsaatii bahu balbala seensaa irratti rasaasa jalqabaa miseensi poolisii Oromiyaa itti dhukaaseen akka wareegame himu obboleessisaa.

'Kuuffiiyaa fi Tiishartii gurraacha namaafi suuqiirraa guuran'

Erga Jaagamaan ajjeefameen booda marii sirna geggeessaa isaaf malu jaallaan qabsoofi hiriyoota isaa waliin taasifame Warquun akkasiin yaadata.

“Ummanni magaala Amboo ijoolleesaa qofa miti kan inni qabsoo bilisummaa Oromoof gabbare; maallaqasaa guutuu gabbare. Namni kiisii keessaa maallaqa qabu homtuu hin hambifatu. Jalqaba koffiyaa gurraacha magaala hundarraa sassaabne. Lammata Tiishartii gurraacha suuqota jiran hundarraa funaanne.

''Sana booda shaamaa [huccuu] gurraacha xaaqaadhaan gurguramu guutuu magaala keessaa funaanne. Namni koffiyaa argate koffiyaa, [kaan] tiishartii, namni inni isaa qaqqabuu baate shaamaa [gurraacha] akka mormatti, addatti yookaan harkatti maratu goone. Namni awwaalcha Jaagamaatii dhufe hundumtuu wayyaa gaddaa qaba; sanaan beekama.

Dhaadannoo [diddaa] dhageessisaa, inni kaan [himaafii] geerara. Fardeen Amboo Qooraa fi Waddeessaa dhufan, himaafii geessinee awwaalle. Yeroo galuuf jennu hiriiraan dhaadannoon dhageessifamaa waan tureef, qaamni mootummaa dhaadannoo dhageessisuu hin dandeessan, karaarra deemuu hin dandeessan jennaan, humnaan cabsanii dhagaa itti guuruudhaan ijoollee baay’ee reebuun, boombii aaraa dhukaasuudhaan, meeshaa olqabanii dhukaasuudhaan magaala keessa wal ari’aa oolanii galgala dhiini gargar baase” jechuun waan guyyaa awwaalcha Jaagamaa ture yaadata.

“Duuti Jaagamaa Miidiyaa Hawaasaa amma jiru caala daangaa hamma daangaatti Oromoo mara dammaqse. Farda fe’atee ijoolleen keenya dhumte jedhee gara magaalaatti kan dhufe jira. Namni dhagahe hundumtisaa kan qaqqabe [awwaalchasaa gahe]. Kan hin qaqqabnemmoo magaala jiru keessatti karaa cufee, mana barumsaatti jeequmsa kaase” jechuun ajjeefamuun Jaagamaa Amboon alattis akka dallansuu guddaa uume ibsa.

‘Ambo miila tokkoon dhaabateetti waan ta’eef reeffa qabattanii nutti hin dhufinaa’

“Gaafa awwaalchasaa lafatu socho’e; awwaaratu olka’ee dhaabate” jechuudhaan guyyaa awwaalcha obboleessa isaanii kan yaadatan Obbo Hayiluun, “tarii kan Hacaaluu [artistii fi qabsaa’aa beekamaa duranii] yoo ta’e malee kan akkasii hin argine” jedhan.

Qorannaa reeffaatiif gara Finfinneetti geeffamuu qaba jennaan, “Samiin hin qotamu, aanga’oonni OPDO [Dhaabbata Dimokraatawaa Ummata Oromoo] hin himatamanii [yaada jedhu] ummanni waliigaleera waan ta’eef, anis akka nama maraatee [ta’ee] maal fidduun qorachiisa jedheen dide.”

Boodarra sossobbaa manguddootaatiin akka reeffisaa Finfinnee geeffames himan.

“Ambo miila tokkoon dhaabateetti waan ta’eef reeffa qabattanii nutti hin dhufinaa” jechuudhaan poolisii reeffa Jaagamaa qorachiisuuf isaan waliin imalarra jirutti ergaa himame akka dhaga’an dubbatu.

Reeffisaa magaala Amboo seenuuf naannoo mooraa Yunivarsiitii Amboo Kaampaasii Hacaaluu Hundeessaa ammaa gararraa gahu poolisii federaalaatiin akka dhorkamanis himu. Boodarra komishinarri tokko itti gaafatamummaa isaa akka fudhatan waliigaluun reeffisaa awwaalchaaf magaalatti seenuus dubbatan.

Namoonni addatti, harkatti huccuu gurraacha marachuudhaan boo’aa, dhaadachaa kaan ammoo ‘oofan, oofaan’ jechaa akka reeffa obboleessa isaanii simatan kan yaadatan Warquu Badhaanee miirri isaa jechaan kan ibsamu akka hin taane dubbatu.

“Kaadiroonni yeroo sana turan balbala Amboo kallatti afuriin namoonni akka magaala hin galle godhaa jedhanii namoonni qabamanii hidhaman jiru. Biyyi nagaa miti deebi’aa jedhanii Ambo karaa Goljaa, Wancii, Gudar kan dhufe” akka magaalatti hin seenne deebisuu ibsu.

Raafamaa fi naasuu guddaa keessa ta’uun qabsoo fi gootummaa, kutannoofi duutii Jaagamaa iddoo namoonni kuma hedduun lakkaa’aman fardeeniin, konkolaataan, lafoodhaan huccuu gurraacha uffachuun miira aarii fi xiiqiitiin guutamuun boo’an, himan, dhaadatan, oofanii jedhan argamanitti bakka awwaalcha Waldaa Makkaana yesuusii Ambootti Sadaasa 1 ALI bara 1998 awwaalame.

‘Ambo keessaa barataan mana barumsaa seenee barate tokkollee hin jiru’

“Ambo keessa guyyaa Jaagamaan wareegamee kaasee hanga ganni seenee manni barumsaa cufamutti manni barumsaa magaala Amboo keessaa jiru tokko barsiisaan seenee otoo hin barsiisiin, qormaata duwwaarratti ijoolleen kutaa 10 fi 12 kadhatamanii poolisiidhaan qoraman.

''Kanarraan kan hafe bara Jaagamaan du’e Ambo keessaa barataan mana barumsaa seenee barate tokkollee hin jiru. Fincilli ittuma fufe waan ta’eef, yeroo sanarraa kaasee hamma bara jijjiiramaatti magaala Ambootti barattoonni akka ta’utti baratanii hin beekan.”

Sana boodas bakkee gara garaatti fincilli barattootaa itti fufuu kan yaadatu Warquun, “Duuti Jaagamaa ajjeefamuu barattoota baay’eef sababa ta’e. Biyyaa ari’amuu ajjeefamuu barattoota baay’eef sababa ta’e. Ijoolleen kutannoodhaan akka meeshaa kaasanii bosona, dirree waraanaattillee seenan godhe.

''Walumaagala dhiigdi Jaagamaa dhangala’e falmii bilisummaaf har’a dargaggeessi Oromoo godhu, Oromiyaa keessatti biqilche. Jaagamaa jijjiirama har’a dhufe jedhame kanaafii, sirna TPLF Itoophiyaa keessatti ijaare deebisee Maqaleetti galchuu” keessatti gahee olaanaa qabaachuus dubbata namni kun.

“Guyyaa Jaagamaan wareegame waraanni [WBO] giddugala ni dhufa jedhamee natti himame. Ijoolleen har’a lubbuudhaan jiran gaaf sana waraana ta’anii dhufanii na qunnaman jiru. Fincilli akka eegamee ol waan dho’eef akka barbaadan deemanii waan tokko tokko gochuu hin dandeenye” jechuunis ibsa.

Jaagamaa Badhaanee

Madda suuraa, SM

‘Nama beekaniif haa ta’uu nama hin beekneef magaala guutuutu galaa geessa’

“Guyyaa awwaalcha Jaagamaa fincilli Oromiyaa maratti dhohee, namoonni hedduun magaalota Oromiyaa maratti miidhaa gurguddaan gahe keessaa Nuurasaa Girmaa mucaan jedhamu magaalaa Jalduutti ajjeefamee ture. Nuurasaan abbaasaatiif ilma tokkicha abbaan Nuurasaa Obbo Girmaanis naasuu du'a ilmasaaniitiin sammuunsaanii darbuun [maraachuun] ganna 18 ol rakkatanii otoo deebi’anii of hin bariin du’aan addunyaa kanarraa boqotan” jechuun yaadata Warquun.

Sana booda sagantaa ijoolleen Amboo baafatte, koreen fincila sana magaala Amboo keessa taa’ee hooggannu baafanne Oromiyaa maratu galmaan gaha. Nuti dhaabatti [ABO] beeksisna, dhaabnimmoo Oromiyaa maraaf waliin gaha. Kanaaf, Oromiyaa maratti sagantaa barattoonni Amboo baafatan guutuu hojiirra oolaa ture jedha.

''Sagantaadhuma nuti baasne, dhaabni warra komikeeshinii waliin qabuun dabarsaaf; sa’aatii walfakkaataatti fincilli ka’aa ture” jechuunis fincila barattoota Oromoo yeroo sana ture ibsa.

“Magaalli Amboo fincila xixiqqaadhaa kaaseetu kan guddachaa ture. Ummanni magaala Amboo kabaja qaba; barattootasaa yoo jalaa rukutaman yaalchisuudhaan, warra du’e awwaaluun, bira dhaabachuun, warra hidhame nama beekaniifi hin beekneef magaala guutuutu galaa baatee geessaa ture.''

Gaafa fincilli M/B keessatti ka’e, magaalli guutuun ijoolleen keenya dhumte jedhee dhagaa guurratee gara mana barumsaatti fiiga kan jedhu Warquun, haallii sun dargaggoota Amboo onnachiisee gara qabsootti fiduu dubbata.

''Lammata ammoo sagantaa dhaabni gubbaadhaa gadi baasu, barattoonni magaala Amboo ijaarsa bal’aa [jirurra] dhaabatanii gara tarkaanfiitti waan hiikaniif bal’inaan namnis walbiraa waan hin hafneef, dargaggeessi akka ta’utti ijaaramee waan jiruuf, Oromiyaa maraaf [fakkeenya] ta’e jedheen amana” jechuun haalaa yoos ture yaadata.

Bara 2018 yeroo Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad aangootti dhufetti haasaa yeroo gara garaatti magaala Ambootti taasisaniin qabsoo fi wareegamni ummanni Amboo taasise guddaa ta’uu kaasuun.

“Ambo Niyoork keenya bakka siidaa bilisummaa itti ijaarrudha,” jechuun ibsaniiru. Mana Barumsa Qophaa’ina Amboottis ganamaan argamuun haasaa barattootaaf taasisaaniin. “Niyoork deemuun, lafa siidaa bilisummaa deemuun, lafa handhuura qabsoo Oromoo deemuun keessummummaan hin jiru” jedhanii akka turan ni yaadatama.

Mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Amboo fi qabsoo barattootaa

Seenaa qabsoo fi diddaa barattoota Oromoo Amboo keessatti Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Amboo addumaan akka “madda qabsaa’otaatti” yaadatama jedha Warquun. “Namoonni bebbeekamoon lubbuun jiranis kan hin jirres, mana barnootaa sana keessaa bahan. Garuu hamma isaaf malu yaadatamaa hin jiru” jedha.

“Lafa Jaagamaa fi Kabbadaan irratti kufan, lafa dhiingi isaanii irratti dhangala’e ummanni magaala Amboo kaleessas, har’as kabaja qaba miilasaan irra hin ejjenne. Koreedhuma magaala keessa ijaaramee socho’utu halkan dhaqee cufe. Xalayaa gara garaa bittimsuudhaan namni achirraan [akka hin seenne] jedhameetu labsame. Hanga har’aatti balballi seensa mana barnootaa sun cufaadha; balbala biraa banuuni fayyadamaa turan,'' jedha haala karri sun ittiin tajaajila dhaabe yoo himu.

Sana qofa miti Fincila Diddaa Garbummaa [FDG]n walqabatee gaafa Jawaarfaa biyya galan, yoo naa milkaa’ee sirni kun kufee biyya dhaqe magaala Amboo lafa Jaagamaan itti wareegame kopheekoo baafadheen miilaan deema jedhee waadaa galee ture.

''Gaafa Jawaar dhufu anis guyyaa sana achan ture. Haacaaluunfaa, namoonni jajjaboon achirra turan. Konkolaataasaa keessatti kopheesaa baafatee miilasaadhaan deemee lafa sanatti dhaqee hirmii baafate,” jechuun hima Warquun.

Bulchaan gandaa Mana Barnootaa Qophaa’ina Amboo keessatti argamu bakkichatti ijaarsa tolchuus dubbata.

Karra itti ajjeeffaman sanarra suuraan Jaagamaa fi hiriyaasaa Kabbadaa wal cinaa taa’anii “Isin Oromoof Qaaliidha!” barreefamni jedhu kaartaa Oromiyaa fi mallattoon Odaa biratti bocamuun mul’atu.

Baroota mootummaan ADWUI biyya bulchaa turetti, Ambo akka burqaa diddaa Oromiyaatti ilaalamaa turte. “Magaala Amboo balbala tokkoon tokkoo namaatti hamma guyyaa har’aatti rakkoon namni itti hin galiin, sababa kanaan namni uffata gaddaa hin uffatiin hin turre.

Haata'u malee, namni duuba deebi’ee dookumantii tokko hojjetee, namoonni hamma kanaa qabsoo barattoota Oromoo irratti, sababa kana kanaaf ajjeeffaman jedhee qorate waan jiru natti hin fakkaatu” jedha Warquun.

“Bara TPLF [Adda Bilisummaa Ummata Tigraay] ADWUI [Adda Dimokraatawaa Warraaqsa Ummata Itoophiyaa] jedhee biyya kana qabaterraa kaasee ummanni Amboo aarsaa inni kafaleef bifa dookimentiitiin hojjetamee hin beeku. Dhuunfaa dhuunfaadhaan waanti xixiqqoon miidiyaa hawaasaarra, kitaabota xixiqqoorra, miidiyaalee irratti daqiiqaa soddoma, sa’aatii tokko wanti dubbatama ni jiraata; qindaa’ee akka kanatti ummata Amboo fi dargaggeessa Amboo akka dadhabbii isaatti, akka aarsaa kafaleetti [seenaan] hojjetamee [olkaa’ame] tokkollee hin jiru jedheen amana” jechuun dubbatu Warquun.

“Tarii namoonni kitaaba barreessan fuula tokko, lama ni barreessu. Ani amma lubbuunan jira, kitaaba [hin maxxanfamne] kudhanii olirratti waa’eekoo barreesseera,” jedha.

Guyyaa Jawaar Mohaammad yaadannoo ajjeechaa Jaagamaatiif miilaan Ambootti argame

Madda suuraa, SM Jawar

‘Obboleessi kiyya hannarratti miti kan du’e’

“Obboleessi kiyya hannarratti miti kan du’e. Sosochiin inni sochoose ammoo asii bahee Gimbii, Dambi Doolloo gahe” garuu yaadannoo isaa dhabuun akka isaan gaddisiise himu Obbo Hayiluun.

“Bara sana ijoolleen mana barumsaa lagatanii, gara bosonaatti baqatan. Baargamoo dheeraa muranii alaabaa ABO, suura isaa [Jaagamaa] wajjin mirmirsuun, ‘Gumaan Jaagamaa Badhaanee tasa badee hin hafu…’ jechuun waraqaa barreessanii magaalaa keessa facaafamaa ture'' jedhu.

“Gimbiitti nama guddaa tokkottu natti hime” jechuun ajjeefamuu obboleessa isaanii hordofee Oromiyaa keessatti diddaan akka babalate yaadatu obboleessi hangafaa kun.

“Abbaan kiyyaafi haati kiyya waan qotee bulaa tokkoof malu wanti isaan dhaban hin jiru. Akka ummata isaatiif jedhee darbeetti, qabsoo innii fi hiriyoonni isaa qabsiisantu ummata kanaa [sagalee ta’e]. Homaa hin jedhu, waanta garaa nama tuqu waanta baay’eetu jira. Jarreen maaliif ajjeesan, maaliif akka waan gaariitti ka’u godhu?”

Ammas taanaan maqaasaa kaasanii ummata keenyaaf wareegame jedhamee sirnaan yaadatamuu dhabuun isaa “kan qalbii nama cabsu” kan jedhan Obbo Haayiluun, “Saba isaaniitiif jedhanii kan wareegaman oolmaan isaanii dagatamuun irra hin ture'' jedhu.

Gaafa Jaagamaan ajjeefame, ijoolleen magaala Amboorraa gara baadiyyaatti bahuun iyyaa akka turan kan yaadatu Obbo Hayiluun “Haati keenya gaafa sana [ajjeechaa Jaagamaa] iyyaa iyya dabarsaa, Jaagamaa galaafatanii jedhanii” barattoota iyya dhageessisan irraa goodaatti dhaga’uus kaasa.

Naasuudhaan qoraattii laaftoo maasaatti ijaarame irratti kufanii garuu “waan migirri na waraanellee natti hin fakkaanne” jechuun akka dubbatan kan yaadatu Obbo Hayiluun, “hin oofkaltiyyuu hin seene” jedhu.

“Erga guyyaa gaafa sanaatii kaasee haati keenya boquunshee ol hin jenne. Abbaan keenyas ennaa waa’eesaa kaasan akka nama busaan qabee hurgufama. Baay’ee qalbiin isaanii cabe. Obboleessi keenya ‘Waquu Badhaanee’ sammuunsaa in tuqama jennee sodaataa turre.''

''Nu qofa miti, hiriyoonnisaa akka Caalumaa Mangistuu, Nimoonaa Caalii, Hayiluu Dalasaa, Farajaa Kuburee fi kaan gidiraa fi dararama hedduu dabarsan. Hin horoomuyyuu hin seene” jechuun ajjeefamuu Jaagamaatiin booda miidhaa qor-qalbii fi qaamaa hamaa firootaa fi hiriyoota akkasumas barattoota Oromoorra gahe ibsu Obbo Haayiluun.

Barataa Jaaamaa Badhaanee hiriyyootasaa waliin

Madda suuraa, Obboleessa Jaagamaa, Haayiluu

'Maraammartoo qabsoo Oromoo'

“Siyaasa biyya kanaa yoo xiqqaate waggaa kudhan, kudha shanan darban kana akka ta’utti itti hirmaadheera. Dhaabbileen [siyaasa] Oromoo sadiitu jiru. Badhaadhina, ABO fi KFO. Akka ilaalcha kootti sadan isaaniiyyuu dantaa ofii isaanii malee dantaa sabaa isaanii waan dursan natti hin fakkaatu'' jechuun komata Obbo Warquun.

''Gaafa walitti koottaa mari’adhaa jedhaman dantaa ofiisaanii, dhaabasaanii sharafuu hin barbaadani. Dantaa sabaa caala dantaa dhaaba isananii eegsisu. Kunimmoo ganna 27 Wayyaaneen biyya kana mite caala, waggaan arfan shanan amma darban kun Oromoo baay’ee miidheera jeheen amana” jedha Warquun.

“Lubbuu nama du’eetiin yoo herregame Oromoon waggaa shanii as kan ajjeeffame waggaa 27 hin ajjeefne, kan waggaa shanii asiitu caala. Dargaggeessi baay’een bosona seeneera. Gartokkeen ammoo KFO [Kongirasii Federaalistii Oromoo], gartokkeen Badhaadhina keessa jira. Gareen mooraa sadanuu jiru' jedha.

Haata'u malee ''ani jireenya koorraa kanan bare qabsaa’aan nama dantaa sabasaa dursu; nama fayidaa biyyaa dursudha. Inni jalqabaa fedhii dantaa ofii awwaalanii irra darbanii, kan dhaaba ofiis dhiisanii kan saba ofii dursuudha. Hiriyoota keenya baay’ee dhabneerra'' jechuun hiriyootasaa baay’ee jaaldhu rasaasaan dhubuufi inni mataansaa eegumsa Waaqatiin har'a gahu kaasa.

Hiriyoonnisaa qabsoo kaleessa hamaaf gaarii waliin dabarsan dhaabbilee siyaasa Oromoo KFO, ABO fi Badhaadhina keessa jiraachuu kan kaasu Warquun, meeshaa kaasanii bosona kan seenanis jiraachuu dubbata.

Hundimti isaanii “yoo saba kanaaf, yoo biyya kanaaf jedhan, dantaa ofii isaanii dhaaba isaaniirra darbanii dantaa biyya isaanii dursanii yoo danda’ame dibaabee tokko jalatti walarguu qabu. Kanaaf immoo haala mijeessuu kan qabu mootummaadha. Mootummaan akka afaaniin dubbatu osoo hin taane gochaan balbalasaa banee agarsiisuutu irra jiraata” jechuunis dhaama Obbo Warquun.

Itti dabalunis, “Har’as dhalli namaa akka baalaa harca’aa jira; dhiigni namaa akka bishaanii dhangala’aa jira. Reeffi namaa daggalatti bineensi nyaachaa jira. Kun ammoo waliigaltee dhabuu keenyaani; Oromoon tokkummaa dhabuu isaatiini'' jedhu.

''Ani amma mooraa ykn dhaaba kamiinuu hariiroo hin qabu, taa’eetuman taajjabaa jira. Walitti dhufuu qabu, garaa bal’achuu qabu jedheen amana” jechuun dhibdee nageenyaa jiruu fi jireenya hawaasaa hubaa jiru waloon akka furan gaafata hiriyaan Jaagamaa Obbo Warquu Fayyeeraa.