Eebla 15: Guyyaa Yaadannoo Gootota Oromootti eenyufaatu yaadatama?

Madda suuraa, DABESA GEMELAL
Guyyaan Gootota Wareegamtoota Oromoo waggaa waggaan Eebla 15 bakka garagaraatti sirnoota garagaraan yaadatamee oola.
Guyyaan yaadannoo gootota Oromoo biyya keessatti ifatti kan kabajame bara 2019 waltajjii istaadiyeemii Ambootti qophaa'erratti ture.
'Gootota fi Wareegamtoota' Oromoo Eebla 15 yaadachuuf sababa kan ta'e ammoo hooggantootni olaanoon ABO 10 ta'an, hayyuu duree fi itti aanaan isaanii bara 1980tti gara Somaaliyaa osoo deemanii bakka Shiniggaa jedhamutti haala sukkanneessaan ajjeefamuudha.
''Eebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo jedhamee kan moggaaffame bara 1984 koreen giddu-galeessaa ABO Dirree Bahaa ture walgahii godherratti murtii dabarseeni,'' jechuun hayyuu-dureen duraanii Adda Bilisummaa Oromoo dhiyeenya du'aan boqotan Obbo Galaasaa Dilboo BBCtti himanii turan.
Akeekni murtee kanaas, ''gootota keenya yeroo adda addaatti qabsoo keessatti wareegaman qofa qofaan yaadachuun gahaa waan hin turreef, hunda isaanii bakka tokkotti yaadachuufi" jechuun Obbo Galaasaan bara 2019 BBC'tti himan.
''Jalqaba diddaa gabrummaa sabni Oromoo baadiyaatti godhe, achirraas olguddatee jaarmiyaan gurmaayee, booda kanammoo jabaachaa dhufee sadarkaa qeerroon Oromoo falmaatii asiin gahe - kanneen bakka tokkotti yaadachuu kan jedhutu akeekamee murtiin sun darbe,'' jedhan Obbo Galaasaan.
Waa'ee taatee ka'umsa kabaja guyyaa kanaa ennaa dubbatan ''hoogganoonni dhaabichaa gariin biyya alaa waan jiraniif, walqunnamtiiniis ulfaataa waan tureef, isaan sana qunnamanii, egeree dhaabichaarratti waliin mari'atanii nutti deebi'uuf bobba'aniitu wareegaman,'' jedhu.
Wareegamuun hoogganoota kanneenii dhiibbaan dhaabicharratti uume guddaa tahuu dubbatu Obbo Galaasaan. ''Dhaabicha jireenyaafi dhabamuu jidduu seensise,'' jedhu.
"Warra gaafas Dirree sana turre, filannoo lama qabna turre. Qabsicha dhiisanii wareega isaaniis gatii dhorkanii biraa deemuu ykn ammoo itti cichanii hanga hireen isaan qunname nuunis qunnamutti, qabsicha itti fufuu ture," jedhu.
"Akkasiin murteeffannee qabsoonis, dhaabnis jiraachuu danda'e," jechuun yaadatu.
Hooggantoota ABO olaanoon yeroo sanii kanneen akka Magarsaa Barii, Gadaa Gammadaa, Abboomaa Mittikkuu, Yiggazuu Bantii, Muhee Abdoo fi Faafam Dooyyoo kanneen ajjeefaman keessaati.


'Guyyichi Oromoo maraan yaadatamuu qaba'
Bara 2019 wayita guyyaan yaadannoo kun biyya keessatti ifatti kabajame qindeessaan koree ayyaanichaa kan ture qondaalli ABO wayita ammaa mana hidhaa jiru Lammii Beenyaa, guyyaan kun waggoota dheeraaf ABO fi namoota dhaabichaattii dhiyeenya qabaniin hogganoota dhaabichaa Shiniggaatti wareegaman yaadachuuf haa kabajamuyyuu malee, namootni yaadataman hoogganoota kana qofa miti jechuun BBCtti dubbatee ture.
Jalqabbii kabaja guyyaa kanaa yoo ibsu ''humni hidhattoota Somaalee yeroo sana ture warri Musliima ta'an gara tokkotti warrimmoo Kiriistaana ta'an gara tokkotti akka goran ajajanii, warra Kiristaana ta'an irratti tarkaanfii fudhachuuf yeroo jedhan, hoogganoonni ABO yeroo sanii, amantaan adda hin baanu jedhanii waan mormanif, bakka tokkotti wareegaman,'' jedha.
''Guyyaan kun baroota Oromoon bilisummaa isaatiif, mirga isaatiif, haqa isaatiif falmachaa ture keessatti, kanneen mana hidhaa keessatti qaamni isaanii hir'ate fi kanneen akkaataa garaagaraan aarsaa kaffalan kan itti yaadannuudha'' jedhe Lammiin.
Ayyaanni kun ayyaana Oromoon hundi seenaa isaa fi qabsoo isaa keessatti gootota darban itti yaadatu ta'ee Oromoo maraan yaadatamuu qaba jedhe.

Madda suuraa, Lammi Beenyaa
Haalli ajjeechaa qondaalota olaanoo ABO kan bu'uura guyyaa yaadannoo kanaa ta'ee bifa gahaa ta'een qoratamee beekamuu qaba kan jedhu Lammmiin, reeffi isaanii gammoojjii itti ajjeefaman irraa ka'ee kabajaan Oromiyaa keessatti awwaalamuu qabaa jechuun dubbatee ture.
Gootota Oromoo hunda maqaan isaanii qoratamee siidaan yadannoo dhaabachuufi qaba yaada jedhus hirmaattootni guyyaa yaadannoo kanaa BBC'tti himaniiru.
Akka naannoo Oromiyaatti guyyaan yaadannoo gootota Oromoo manneen hojii mootummaa cufaa godhamee ayyaana Oromoo ta'ee osoo kabajamee yaada jedhus kaasee ture.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas ta'e kan federaalaa kabaja Guyyaa Gootota Oromoo kanaaf beekamtii hin kennine.
Ayyaanichi bara 2019 maaliif Ambootti qophaa'e?
''Mormii dheeraa sirna cunqursaa kuffisuuf taasifamaa ture keessatti wareegama Obbo Daraaraa Kafanii kaffalan irraa qabee hanga Jaagamaa Badhaanetti magaalaa wareegama guddaa kaffalteefi seenaa qabeettii waan taateef Amboon filatamte,'' jedha yeroos walitti qabaa koree saganticha qopheessuu kan ture Lammiin.
''Bara 2014 fincila xumura gabrummaa magaalaa kana keessatti gaggeeffameen qeerroon 78 guyyaa tokkotti magaalaa itti wareegamaniidha.''
Mormii guddaa sirna ADWUI irratti magaalaa Ambootti dhoowee, naannolee Oromiyaa kaan dhuunfateen aarsaan guddaan magaalaa kanatti kaffalamuu isaas yaadachuufi maatiin waareegamtootaas sirna kanarratti akka qooda fudhatan barbaadameeti jedhameera.
Guyyaan yaadannoo Gootota Oromoo Eebla 15 biyya keessatti yeroo jalqabaaf bara 2019 Istaadiyoomii Magaala Ambootti wayita kabajamee ture, uummatni hedduun aanaalee ollaa fi naannolee biraarraa dhufan kumaatamni irratti hirmaatanii turan.
Hayyuu duree ABO Obbo Daawud Ibsaa, Itti aanaa dura taa'aan KFO Obbo Baqqalaa Garbaa fi keessummoonni hedduunis argamanii turan.
Jala bultiin ayyaanichaa waajjira olaanaa ABO Magaalaa Finfinnee Gullalleetti argamutti dabalatee Amboo fi magaalaalee kaanittis dungoo ibsuun gootota Oromoo qabsoo uummatichaa keessatti aarsaa kaffalan yaadachuun kabajamee ture.
Bara sana barataa mana barnootaa qophaa'inaa Amboo kan ture Yeroos Yeeyyii ''Oromoon akkuma gaafa gootasaa yaadatu korma qalee korma koo jedhee yaadatu, bakka barataa Jaagamaa Badhaanee itti ajjeefametti, korma qaluun gootota keenya yaadanne,'' jechuun BBCtti himee ture.
Kanaan dura dhoksaatti gootota wareegaman yaadachaa turuu kan hime barataan kun, ifatti walitti qabamuun yaadachuu isaaniitiin, miirri hirmaattota ayyaanichaa fi akka dhuunfaatti isa bira ture miira gammachuu akka ta'ees tures dubbata.
Guyyaan Gootota Oromoo yeroo jalqabaaf ifatti bara 2019 biyya keessatti erga kabajameen booda baroota itti aanan itti hin deebi'amne.
Haata'u malee biddoowwan gara garaatti namoonni dhunfaan ykn gareen ta'uun duungoo ibsuufi sirnoota birootiin guyyaa kana yaadachuu itti fufaniiru.



















