Obbo Galaasaa Dilboo jaallan qabsoo isaaniin akkamiin ibsamu?

Hayyu dureen Adda Bilisummaa Oromoo duraanii Obbo Galaasaa Dilboo kan duuti isaanii Bitootessa 31, 2022 dhagaahame ''qabsaa'aa jabaa, obsa guddoo qabu ture'' jedhan jaallan qabsoo isaanii.
Obbo Leencoo Lataafi Obbo Araarsoo Biqilaa du'aan boqochuu Obbo Galaasaa Dilboo ilaalchisee yaada BBC'f kennaniin, Obbo Galaasaan qabsaa'aa gameessa obsaafi hubannoon beeekamaniidha jedhan.
''Galaasaa ABO waliin bu'uuressine. Inni dirree bahaatti gaafatamaa ture, animmoo dirree dhiyaattin gaafatamaa ture. akkanitti quba walqabna'' jechuun akkamiin akka wal baran Obbo Leencoon himan.
Sana booda yeroo mootumaa ce'umsaa ijaaruuf gara Finfinnee dhufan Obbo Galaasaan ''alaqaa koo ture. Dhiyeenyatti walbeekna'' jedhan.
''Waayee qabsoo baay'ee dhiphata ture, waa'ee uummataa yeroo hundumaa kaasa ture. Ammas hanga lubbuun isaa dabartutti waanuma uummataa hojjechaa ture'' jedhu obbo Leencoon waayee amala addaa obbo Galaasaa yoo dubbatan.
Harargeetti dorgomanii mana maree bakka bu'oota Uummataa keessatti dhuunfaan teessoo kan qaban Obbo Galaasaan, uummata isaan filate waliin wal-arguuf Harargee turanii deebi'anii guyyaa lama gidduutti lubbuun isaanii darbuu obbo Leencoon himaniiru.
''Rakkina onnee kana durumayyuu qaba'' qaba kan jedhan obbo Leencoon, sababni du'a isaaniis rakkoo fayyaa onnee kana akka ta'uu malu himaniiru.
''Baadiyyaa bu'ee rakkoo uummataa dhagahuu, cinqaa dhagahuutu itti jarjarse natti fakkaata'' jedhu.
Qondaalli ABO kan biroon Obbo Araarsoo Biqilaa ALA bara 1978 dirree qabsootti walbaruu himanii, Harargee, Arsiifi Baalee keessa qabsoof socho'aa akka turaniifi murannoofi obsi isaanii adda ta'uu BBC'tti himan.
''Uummatni Oromoo jabaatee of beekee, mirga isaatiif falmatu murannoo fi abdii guddaan nama hojjechaa ture.''
''Uummata Oromoof gaafa tokko ifti ni baati'' jechuun bara dukkanaa sana keessa nama abdii horu turees jedhu.
''Oliinis gadiinis biyyi ollaas diina yeroo ture qabsoon Oromoo danqamtee rakkina hamaa keessa yeroo galtetti, takkaa abdii hin kutanne guyyaa tokko wayitti ni baana, haa hojjennu ofii dabarree dhaloonni dhufu ifa xiqqoollee taatu arguu qaba jedhee murannoo akkasiin beekama.''
Bara 1981 wayita hoogganni olaanaa ABO qabsoof osoo socho'anii ajjeefamanii booda hanga bara 1989 korri sabaa ABO lammaffaa gaggeeffamu miidhama xiinsamuu dhaabicha mudateefi qaawwa hooggansaa ture duuchuun gaheen taphatan olaanaa ta'uu obbo Leencoofi Araarsoon ragaa bahu.
''Jaallan Shinniigaatti wareegaman namni bakka bu'ee akka dura taa'aa dhaabaatti dhihaafi bahatti gaggeessaa ture isa,'' jedhu obbo Araarsoon.
''Seenaa qabsoo ABO keessatti kora sabaa dirree bahaatti gaggeeffamee namni jalqabaa hayyu duree jedhame Galaasaadha'' jedhu obbo Leencoon.
Obbo Galaasaan bara 1955 Naqamteetti dhalachuufi maqaan dhalootaan maatiin baasaniif Yohaannis Bantii akka ta'e obbo Leencoon ni yaadatu.
Obbo Galaasaan bakka itti dhalatan irra baha Oromiyaatti baddaafi gammoojjii keessa uummata qabsaa'aniif waliin hariiroo gaarii waan qabaniif irra caala beekamuu jedhu obbo Araarsoonis.
Qabsoon isaanii irra hedduun gara Baha Oromiyaa naannoo Harargee waan ta'eef, irra caalaatti kan beekaman gara Harargeettidha. Qabsoofi jiruu baqaa biyya ormaa waggoota hedduun booda waggoota sadii dura erga biyyatti deebi'anii filannoo waliigalaa bara darbe gaggeeffameen Harargeetti teessoo paarlaamaaf dorgomanii injifatan.
''Gaaffiin qabsoo Obbo Galaasaas kan hunda keenyaas hin deebine garuu itti dhiyaachaa jirra'' jedhu obbo Leencoon.
Jaallan qabsoo, maatiifi uummata Oromoof jajjabina kan hawwan jaallan qabsoo obbo Galaasaa, qabsoon Oromoo bakka amma gahe kanaan gahuuf aarsaa guddoo kaffalaniin yaadatamu jedhu obbo Araarsaan.
Obbo Leencoonis gama isaaniin Oromoon addatti erga lubbuun darbee walfaarsa jedhanii qoodni obbo Galaasaan qabsoo Oromoo keessatti bahan akkaan guddaa ta'uus dubbataniiru.
Gaggeessaa gameessa qabsoo Oromoo obbo Galaasaa Dilboof koreen hundaaye ibsa kenneen awwaalchi obbo Galaasaa Bataksaana Kaatediraali Qulqulluu Sillaaseetti Sanbata xiqqaa dhufu Ebla 2, 2022 akka raawwatu ibseera.















