Waa'ee Obbo Galaasaa Dilboo aanga'oonni mootummaa fi kaan maal jedhan?

Madda suuraa, OMN
Qabsaa'aan Oromoo gameessi Obbo Galaasaa Dilboo du'aan boqochuutti gaddasaanii kan ibsatan qondaaltonni Itoophiyaa fi namoonni bebbeekamoon kaan, duuti nama kanaa biyyattiif miidhaa guddaadha jedhan.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad gaddasaanii erga ibsatanii booda, akkatti Obbo Galaasaa beekan akkanaan ibsan.
''Obbo Galaasaan yeroo warraaqsa barattootaarraa eegalee bilisummaa fi walqixxummaa uummata Oromootiif guddoo qabsaa'aniiru,'' jedhan.
''Keessumaa yeroo qabsoof Somaalee keessa turanitti rakkoofi gidiraa hedduu akka dabarsan natti himanii turan.''
Obbo Galaasaa Dilboo qondaaltota siyaasaa jijjiirama biyyattii keessatti dhufeen affeeramanii gara biyyaatti deebi'uun qabsoo karaa nagaatti seenan keessaati.
Filannoo Itoophiyaa bara 2021 irrattis dhuunfaan dorgomuun miseensa paarlaamaa ta'aniiru.
''Hamaafi gaarii bu'aa bayii qabsoo keessatti isaan mudate kaasuudhaan dargaggoonni lamaanirraayyuu akka baratan ifaajaa turaniiru,'' jedhan MM Abiy.
Obbo Galaasaan boqochuun biyyattiif kasaaraa guddaadha, keessattuu ammatti baayyee barbaachisu turan jedhan Ministirri Muummee Abiy.
''Obbo Galaasaan nama callisan, hubataa, waan godhan kan sababaan madaalaniifi dubbii nagaaf eenyummaa mijatu nama qaban turani. Obbo Galaasaa kan dhabne yeroo itti baay'ee nubarbaachisanittidha. Waaqayyoo lubbuusaanii nagaadhaan haa boqochiisu.''
Afa-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa Obbo Taaggasaa Caafoo, miseensi mana marichaa fi hayyu dureen duraanii ABO Obbo Galaasaa Dilboo du'aan boqachuutti gadduu ibsaniiru.
Caffeen Oromiyaas qabsaa'aan Oromoo gameessi, Obbo Galaasaa Dilboo boqachuu isaanitti gadduusaa ibseera.
Af-yaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan: ''Qabsaa'aan Oromoo gameessi, cunqursaa halagaaf falli qabsoo hidhannooti jedhee kaleessa saba isaarraa falmaa ture, Hayyuu Dureen duraanii ABO, Miseensi Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa har'aa, Jaal Galaasaa Dilboo dhibee tasaa isaan mudateen lubbuun darbuu isaaniitiin Caffeen Oromiyaa gadda guddaan kan itti dhagahame tahuu,'' ibsaniiru.
Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa boqochuu Obbo Galaasaa Dilboon gadda itti dhagahame ibsanii, duuti qabsaa'aa buleessa kanaa akka birbirsa jigeeti jechuun ibsan.
"Oromiyaan birbirsa cimaa tokko dhabdee jirti. Gameessa qabsoo bilisummaa Oromoo, jabaa gaafa rakkoo umriisaa guutuu Oromoof wareege, Jaal Galaasaa Dilboo du'aan addunyaa kanarraa boqochuun gadda cimaa natti dhagahame ibsaa Ummata Oromoo maraaf jajjabinan hawwa,'' jedhan.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee gamasaaniin ''Umrii isaa guutuu bilisummaa uummataaf qabsaa'aa kan jiraate, namni siyaasaa hangafni Obbo Galaasaa Dilboo lubbuun darbuu isaaniitti gaddi guddaan natti dhaga'ameera,'' jedhan
Aadde Adaanach dhaamsa karaa miidiyaa hawaasummaasaanii dabarsaniin, ''Uummata keenya guutuuf, firoottan isaaniifi maatii isaanii hundaaf jajjabina onneerraan hawwaaf,'' jedhan.
Barreessaa Olaanaan IGAD Worqinaa Gabayyoo (PhD) ''Umurii isaanii guutuu qabsoo Oromootiif kan gumaachan Obbo Galaasaa Dilboo, Hayyu dureen duraanii ABO fi qabsaa'aan gameessi Oromoo, du'aan boqachuu isaaniitti gaddi natti dhaga'ame guddaadha. Lubbuun isaanii jannatatti haa qananiisu,'' jechuun gaddasaanii ibsan.
Namni siyaasaa gameessi Oromoo, qondaalli Kongireesii Federaalawaa Oromoo Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Galaasaa Dilboo ifaajee umrii guutuu saba kanaaf gooteef galanni kee jannata haa ta'u! nagaan boqodhu,'' jechuun ergaa gaddasaa ibsuu agarsiisu karaa feesbuukii isaa maxxanseera.
Obbo Galaasaa Dilboo dhibee tasaan halkan edaa Bitootessa 30, 2022 boqochuu maatiin BBC'f mirkaneessaniiru.















