Hayyu dureen duraanii ABO, miseensi Paarlaamaa Itoophiyaa Obbo Galaasaa Dilboo du'aan boqotan

Dura taa'aa ABO Qaama Ce'umsaa kan turanii fi filannoo Itoophiyaa bara 2021 irratti hirmaachuun paarlaamaa keessaa teessuma kan argatan Obbo Galaasaa Dilboo, du'aan addunyaa kanarraa boqochuu miseensi maatii BBC'f mirkaneessaniiru.
Obbo Galaasaan halkan keessa ''dhukkuba tasaa isaan mudateen boqotaniiru,'' jedhan miseensi maatii dubbisne kun.
Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, du'aan boqochuu Obbo Galaasaatti gadda itti dhagahame ibsaniiru.
"Oromiyaan birbirsa cimaa tokko dhabdee jirti. Gameessa qabsoo bilisummaa Oromoo, jabaa gaafa rakkoo umriisaa guutuu Oromoof wareege, Jaal Galaasaa Dilboo du'aan addunyaa kanarraa boqochuun gadda cimaa natti dhagahame ibsaa, Ummata Oromoo maraaf jajjabinan hawwa," jechuun ergaasaanii karaa Feesbuukii Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannochaan dabarsan.
Waggoota dheeraaf dhaaba Adda Bilisummaa Oromootti hayyu duree ta'uu fi gulantaa adda addaarratti hojjechuun kan tajaajilan Obbo Galaasaa Dilboo, erga dhaabicha keessaa ba'aniis abdii kutatanii hin teenye.
Filannoo baranaa irratti namoota dhuunfaan dorgomanii teessuma mana marii bakka bu'oota ummataa argatan muraasa keessaa Obbo Galaasaan tokko ta'aniiru.
Gameessi siyaasaa kun Adda Bilisummaa Oromoo bakka hedduutti caccabe kana suphanii sirreessuun ulfaataa akka hin taanee fi kanaaf ammoo tooftaa fi tarsimoo fooyya'aa qabaachuu akka feesisu cichanii abdiidhaan dubbataa turan.
''Qabsoon dhaabaa akka barbaadamutti hin deemne jedhanii harka maratanii hin taa'amu'' jedhan Obbo Galaasaa Dilboo BBC'tti yoo dubbatan.
Teessuma mana marichaa kan mo'atan aanaalee Godina Harargee Bahaa sadii Gola Odaa, Qumbii fi Malkaa Bal'oo bakka bu'uuni.
Obbo Galaasaan eenyu?
Waggaa sadii dura Itoophiyaa keessatti jijjiirama siyaasaa dhufe hordofee waamicha humnoota siyaasaa biyya alaa turaniif taasifameen dhaabbileefi hoggantoota siyaasaa biyyatti deebi'an keessaa tokkodha.
Yeroo waggaa sadii dura deebi'an turtii BBC Afaan Oromoo waliin taasisaniin waayee isaanii akka kanaa gadiitti ibsan:
Kanan dhaladhe Godina Wallagga Bahaa magaalaa Naqamteetti. Barnoota kiyya sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa lammaffaas kanan baradhee achuma magaalaa Naqamteetti.
Bara 1974'tti ammoo Yunivarsitii Finfinneen seene. Barnoota bara jalqabaa osoo hin xumuriin, Dargiin aangootti waan dhufeef qabsoodhaaf gara Somaalee deemne.
Boodarra Mootummaan Somaalee gara biyyaatti waan nu deebiseef, biyyatti deebinee dirree hidhannootti dabalame. Saniin booda jireenyikoo ABO waliin itti fufe jechuudha.
Gama maatii ilaaluun obbolaa laman qaba. Gama kiyyaan sababuma qabsoo kanaan hin fuune; maatiis hin godhatiin hafeera. Abbaankoo, haatikoo, adaadaan koos bakkuma ani hin jirretti na jalaa du'aniiru.
Du'a isaanis dirreedhuma qabsootti natti himame.
Erga bara 1992 sababiidhuma qabsootiin biyyaa baanee amma waggoota 27 boodan gara biyyaatti deebi'e.
Yeroo chaartaraa bara 1991 sana konfaransii jalqaba taasifamee ture sanarratti akkuman hirmaadheen, guyyaa lama booda waanin dhukkubsadheef yaalaaf gara Awurooppaan deeme.
Yaala argadhee bara 1992 gara biyyaatti deebi'e. Sana boodas haalli ture babbadee waan tureef deebinee gara qabsoo hidhannootti deebii'uun dirqama ture. Anis qabsootti makamee sochii itti fufee.
Yeroo cehumsaa sanatti anatu hayyu duree ABO ture.
Obbo Galaasaan waggoota dheeraaf ABO Hayyu durummaan alatti gulantaalee adda addaa irrattis tajaajilaa turani.













