Waa'ee alaabaa reeffi Obbo Galaasaa Dilboo ittiin gaggeeffamee maatiin maal jedhu?

Madda suuraa, OBN Afaan Oromoo
Hayyu dureen duraanii ABO Obbo Galaasaa Dilboo kan tasa Roobii halkan Kamisatti bari'u lubbuun isaanii darbe, sirni awwaalchaa isaanii Sanbata Eebla 02, 2022 Finfinnee bataskaanaa Kaateediraalii Qiddisti Sillaaseetti raawwateera.
Haata'u malee sirna awwaalchaa isaanii irratti sanduuqni reeffa isaanii alaabaa Itoophiyaa magariisa, keelloo fi diimaa jidduudhaa urjii cuquliisa qabuun maramee mul'achuun miidiyaa hawaasummaa irratti muffii uumeera.
Maatiin Obbo Galaasaa Dilboo dhimma kanarratti dubbisne 'sirna awwaalchaa mootummaatu qopheesse, nuti alaabaa akkasii haata'u jechuu hin dandeenyu ture, ammoo gaggeessaa gaariitu godhameef' jedhu.
Namoonni muraasni miidiyaa hawaasummaa irratti 'alaabaa inni umurii isaa guutuu qabsaa'eef dhiisanii, alaabaa inni irratti qabsaa'aa bahe itti uwwisan' jechuun qeeqa mootummaa irratti dhiyeessan.
"Alaabaa jireenya isaa guutuu ittiin ibsamee jiraate illee lagataniinii kanaan maranii geggeessan" jechuun qondaalli duraanii ABO Yaayyaa Bashir fuula feesbuukii isaarratti barreesseera.
"Jaal Galaasaa Dilboo, kan Oromoof wareegama qaalii baasee fi alaabaa Oromoo ol qabuuf jiraate akkasiin reeffi isaa geggeeffama jedhee abju'adhee hin beeku" kan jedhan ammoo Aadde Dunee Silgaati.
"Gaddi koo dachaa tahe" jechuun reeffi Obbo Galaasaa alaabaa Itoophiyaan maramee awwaalamuutti mufii qaban ibsatan.
Sagantaa yaadannoo Obbo Galaasaa Dilboo Hawaasni Oromoo Minisootaa Dilbata qopheesse irratti waahillan qabsoo isaanii akkasumas namootni haala adda addaan Obbo Galaasaa beekan hedduun, dhimma kanarratti mufii qaban yoo ibsatan dhagaa'ameera.
Maatiin maal jedhan?
Ilma obboleessa Obbo Galaasaa Dilboo ta'uu BBCtti kan hime Tasfaayee Baqqalaa; "sirna gaggeessaa reeffa isaa isaantu [mootummaa] qopheesse gatii ta'eefii nuti mormuus hin dandeenyu, seerumaan gaggeeffameera" jedhe.
Maatii keessaa "waa'ee alaabaa namni gaafate hin jiru" kan jedhu Tasfaayeen, "reeffa ganama fidanii, achitti irratti uffisanii, gara sagantaa awwaalchaa deemame, namni itti cinqamee gaafate hin jiru" jedhe.
"Birrii keetiin pirogiraama akka kanaa gochuu waan hin dandeenyeef...alaabaa akkasii akkasii jechuuf dandeettii isaas, hunduma isaa gochuu hin dandeenyu ture," jedhe.
Haata;u malee maatiin sirna gaggeessaa Obbo Galaasaa Dilboof godhamerraa komii akka hin qabne hima Tasfaayeen.
"Wanti guddaan namatti tolu ammoo kan baay'ee itti gammadne, Afaan Oromootiin 'Galaasaa Dilboo nabsii haa maaru' jedhamuu isaati. Achitti ta'ee hin beeku wanti akkasii, isa duraadha kun," jedha.
Itti dabaluunis "seerumaan gaggeesanii, saragallaadhaan" jedhe.

Madda suuraa, Oromia 11
Haata'u malee sagantaa yaadannoo Hawaasni Oromoo Minisootaa Obbo Galaasaaf qopheesse irratti, Obbo Galaasaan eessumatti akka oolaniif kan dubbate namni maqaa hin himanne tokko, "bakka sanatti wanti ta'aa ture, fokkisaa ture" jedhe.
"Yeroo reeffi manaa bahu, waanuma reeffa Hacaaluurra gahaa turetu kan isaarras gahe jechuudha" jechuun dubbata namni kun.
"Alaabaan qophaa'e jira ture, alaabaan sun akka didameefi akkasuma humnaan akka inni kun ta'ettin quba qaba. Siyaasaadhaaf wanta dalagametu jira, kanatti maatiin hedduu gaddee jira," jedhan namni kun.
Aanga'oota mootummaa dabalatee jaallan qabsoo Obbo Galaasaa Dilboo waa'ee alaabaa reeffi isaanii ittiin maramee gaggeessaan godhameefii wanti jedhan hin jiru.
Waa'ee du'a isaanii ...
Halkan Obbo Galaasaa Dilboo boqotan bilbilaan waliin haasa'uu kan himu Tasfaayee Baqqalaa, "nagaa kooti naan jedhee, irbaata nyaatee rafuu osoo jiruu jidduutti, sa'aatii 5:30 yoo ta'u, hospitaalan deema shufeera naaf waamaa jedhe" jechuun haala ture ibsa.
"Miilluma isaatiin mana jireenyaa isaatii gadi bu'ee, makiinaa seenee hospitaala balbalarra yoo gahu of wallaale" jedha.
Hospitaala erga seenanii booda gilikoosiin kennameefii yaala argachaa akka turan kan himu Tasfaayeen lubbuun ooluu hin dandeenye jedha.
Waggaa tokko dura akkasuma onnee dhukkubsatanii qorichi kennameefii akka fayyanis hima.
Boqochuu isaanii guyyaa sadi dura gara Harargee, Baddeessaa imalanii akka deebi'an hima miseensi maatii kun.
Jaala qabsoo Obbo Galaasaa Dilboo kan ta'an Obbo Leencoo Lataa yaada BBCf kennaniin sababni du'a isaanii rakkoo fayyaa onnee ta'uu akka malu himan.
"Rakkina onnee kana durumayyuu qaba, baadiyyaa bu'ee rakkoo uummataa dhagahuu, cinqaa dhagahuutu itti jarjarse natti fakkaata'' jedhan Obbo Leencoon.
Sirna awwaalcha Obbo Galaasaa Dilboo irratti MM Abiy Ahimad dabalatee aanga'oonni mootummaa olaanoo, namoonni siyaasaa bebbeekamoo fi jaallan qabsoo waggoota dheeraaf waliin qabsaa'an argamaniiru.















