KFOn filannoo biyyaalessaa dhufurratti hirmaachuuf qophii taasisaa jiraachuu ibse

Asxaa KFO

Madda suuraa, KFO

Paartiin Koongrasii Federaalawaa Oromoo (KFO)n filannoo itti aanurratti hirmaachuuf murteessus gaafilee akka ''Mootummaa Cee'umsaa Waloo Oromiyaafi irra deebiin hundaa'uu boordii filannoo'' kanaan dura kaasaa ture akka hin dhiisne himeera.

Dirree siyaasaa filannoof mijataa ta'e ilaalchisee "wanti fooyya'e hinjiru" kan jedhe Koongirasiin Federaalawaa Oromoo, Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa ALI bara 2018tti adeemsifamu keessatti akka hirmaatu beeksiseera.

Barreessaa Olaanaan Paartiichaa, Obbo Xurunaa Gamtaa, "Wantumti filannoo gaggeessuu dandeessisu jiraayii kan jedhu nu yaaddeessuun alatti gama keenyaan hamma dandeenyu qophii gochaa jirra" jechuun BBC'tti himaniiru.

Filannoo kanarratti hirmaachuuf sababoonni garagaraa ka'umsa ta'uufii kan himan Obbo Xurunaan, isaan keessaa tokko seera biyyattii ta'uu himan.

"Paartiin tokko marsaa tokko calaaa filannoorra darbuun seeraan dhorkama" jedhan.

KFOn filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa "dhiibamnee keessaa baane" jechuun osoo irratti hin hirmaatiin hafuunsaa ni yaadatama.

Sababni lammaffaan filannoo marsaa 7ffaarratti hirmaachuuf itti murteessan immoo ''akka paartii siyaasaa tokkotti filannoorratti hirmaachuun aangoo mootummaa sadarkaa kamirrattuu qabachuu'' akka ta'e himaniiru.

"Yoo mo'anne ummata kana, biyya kana hogganuufi. Yoo mo'atamnemmoo qaama mo'ateen 'baga gammaddan' jechuufi. Yoo walqixa baanemmoo mootummaa waloo hundeeffannee qooda fudhachuuf kutannee kaaneerra," jedhan.

"Wanti fooyya'e hinjiru"

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dirree siyaasaa filannoo dimokiraatawaa gaggeessuu dandeesisu ilaalchisee filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaarra wanti fooyya'e akka hinjirre Barreessaa Olaanaan KFO Obbo Xurunaa Gamtaa dubbatu.

"Filannoo 6ffaa darberraa wanti fooyya'ee nus ta'e paartilee biraa hawwatu hinjiru. Haalli mijataan (enabling situation) hinjiru. Afaan guutee dubbachuu nan danda'a" jedhan.

Haalli biyyattii keessa jirus filannoo adeemsisuuf waqtii filannoo marsaa 6ffaan walbira qabamee yemmuu ilaalamu "dadhabsiisaa fi sodaachisaa" ta'uu eeruun "garuummoo waan ijaafii gurra qabatanii kan taa'an miti. Kanaaf itti deemuun barbaachisaadha" jedhan.

Akka fakkeenyaattis waajjiraalee paartichaa 206 keessaa yeroo ammaatti waajjiraaleen sadi qofti banaa ta'uu kan himan qondaalli KFO kun, miseensonnisaanii hidhaarra jiran jiraachuus dubbatan.

"Miseensonni keenya, caasaan keenya burjaaja'eera, miseensonni keenya baay'een hidhamaniiru, kan achi buuteensaanii bades jiru" jedhan.

Rakkooleen particha mudatan akka furamaniifis Boordii Filannoo fi qaamolee mootummaatti iyyachaa akka jiranis Obbo Xurunaan himaniiru.

Dabalataan paartichi imaammata qabsoo karaa nagaa hordofu qabatee socho'uun filannichaaf qophiilee garagaraa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Yeroo ammaattis paartichi miseensotasaa deebisee ijaaruuf hojjechaa jiraachuu kan dubbatan Obbo Xurunaan, "Boordiin Filannoo Biyyaalessaa haa xiqqaatu malee bajata nuuf kenneera. Kunneen kaadhimamtoota ta'uu danda'anif leenjii kennaa jirra" jedhan.

Haaluma kanaan "Akka KFO'tti naannoo Oromiyaa keessattis bakka Oromoon baay'atanii jiraatan keessatti filannoo kana keessatti ni dorgomna" jedhan.

Kana malees waltajjii paartilee afurii kan ta'e gama MADRAK'iin guutummaa biyyaatti akka hirmaatanis kan himan yemmuu ta'u, "Garuu sadarkaa maaliitiin hirmaanna kan jedhu ammatti hin murtoofne" jedhan.

Paartichi gaafilee kaasaa ture hindhiisne

Kongirasiin Federaalawaa Oromoo yeroo garagaraatti dhimmoota rakkoo siyaasaa biyyattiif furmaata ta'u jedhe kaasaa kan ture yemmuu ta'u, isaan keessaa tokkommoo Mootummaan Cee'umsa Waloo Oromiyaa hundeessuu kan jedhudha.

Kana malees, paartichi ibsa torbeewwan muraasa dura baaseen amantaa ummataa deebisuuf Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa irra deebiin akka hundeeffamu gaafateera.

Paartichi filannoorratti hirmaachuuf murteessus, gaafilee kunneenii fi kan biroo kan hindhiisne ta'uu kan himan Obbo Xurunaan, "gaafileen baay'een walbira deemuu danda'u malee tokko lafa buusanii, tokko qabatanii isa adeeman miti. Hundumtuu waan dagataman miti" jedhan.

Gama biraatiin KFO dabalatee paartileen siyaasaa Itoophiyaa keessa jiran garagaraa dhiphachuu dirree siyaasaan dabalataan haala naannoleen biyyattii tokko tokko lola keessa jiranfii tasgabbiin hinjirretti filannoo gaggeessuun rakkisaa ta'uu kaasaa turaniiru.

Mootummaan biyyattii bulchaa jiru gama isaatiin dirreen siyaasaa biyyattii fooyya'uu cinatti mootummaan paartilee siyaasaa morkattoota waliin michummaan hojjechaa jiraachuu gama angawoota isaatiin irra deddeebiin kaasaa tureera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa immoo filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaan bara 2018 keessa akka adeemsifamufi karaa ifaa fi hirmaachisaa ta'een akka adeemsifamuufis hojjechaa jiraachuu beeksisuunsaa ni yaadatama.