Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sababiin hanqina kitaaba barataa Naannoo Oromiyaatti mudatee maali?
Bara barnootaa haaraa kanatti Naannoo Oromiyaatti barattoonni mana baruumsa sadarkaa 1ffaa hanqina kitaabatiin rakkataa jiraachuu maatii fi barsiisonni BBCn dubbise himatan.
Barsiisonni manneen baruumsaa garaagaraa irraa BBCn dubbise akka jedhanitti, addumatti sirna barnootaa haaradhaan wal qabatee kitaabni maxxanfamee isaan qaqqabuu dhabuu irraa kan ka'e isaanis ta'ee barataa irratti dhiibbaa fidaa akka jiru himan.
Barsiisaa Makonnin Tulluu Magaala Finfinneetti kan argamu Mana Baruumsa Generaal Waaqoo Guutuu keessatti barsiisa.
Hanqinni kitaabaa jiraachuu irraa kan ka'e barattoonni bilbila qaban soofti koppii isaa fudhatanii akka itti fayyadaman hima.
"Kitaabni maxxanfamee dhufe hin jiru, sooft koppii isaatu barsiisota qaqqabe. Amma kitaabni dhufutti kanumatti fayyadamaa nuun jedhan," jedha barsiisaa Makonnin.
Barattootaf ammoo gabatee gurraacha irratti harkaan barreessuun yeroo barsiisotaa akka fudhataa jiruu fi barattoonni illee waan dubbisanii irraa hojii manaa fi gilgaala hojjatan waan hin qabneef rakkataa jiraachuu hima.
Godiina Shawaa Kibba lixaa Aanaa Walisootii maatin maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan ammoo ijoollen isaanii baadiyyaatti baruumsa sadarkaa 1ffaa baratan moobayila bitatanii kitaaba soofti koppii akka achirraa dubbisan mana baruumsaatii gaafatamuu himan.
"Kanaaf ammoo nuti qarshii ijoolledhaaf ittiin mobaayilii binnu hin qabnu," jedhan abbaan ilmi isaanii kutaa 8ffaa baratu tokko.
Godiina Shawaa Lixaa Aanaa Meettaa Roobii mana baruumsa Garbii Guttootti barsiisan maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate ammoo qajeelcha barsiisatiin ala kitaabni barataa akk isaan hin geenye kaasa.
"Qajeelchi barsiisatuu soofti koppiidhan dhufee inni filaashii irraa koppii ta'ee barsiisotaaf kennama. Barataan ammoo kitaaba irraa baratuyyuu hin qabu, rakkoo guddaa keessa jirra," jedha barsiisan kun.
Biiroon Barnootaa Oromiyaa maal jedhe?
Biiroon Barnoota Oromiyaa gama isaatin rakkoon jiraachun himuun, kunis kitaabota karikulamii haaraa maxxansiisun kan wal qabatudha jedhe.
Sadarkaa Hogganaa Itti Aanaa Biirotti Gorsaa BBO kan ta'an Obbo Efreem Tasammaa akka jedhanitti rakkoon kan mudate sirna barnootaa haaradhaan wal qabatee kitaabolee haaraa maxxansiisudhaan akka wal qabatu himan.
"Sirni barnootaa haarawee, bara barnootaa 2015 kanatti sirni barnootaa haaraan kitaabni sadarkaa biiroo naannoleetti akka qophaa'u godhamee hojiirra oolee jira.
Akka naannoo keenyatti kitaabota miliyeena 74 tu nu barbaachisa," kan jedhan Obbo Efreem rakkoo hanqina kitaaba barataa mudate kanaaf kitaabota hanga kana yeroo gabaabaa keessatti maxxansiisuun rakkisaa akka ta'e himan.
Barsiisonni yaada isaanii BBCtti himan akka jedhanitti hanqinni kitaabaa kan mudate barattoota kutaa hunda akka hin taane himan.
Obbo Efreemis kuni sirrii ta'uu himanii maxxansa kiraabota sirna barnootaa haaraa kana bara barnootaa kanaa fi isa itti aanutti gargar qoodun akka maxxansiisaa jiran dubbatu.
"Manni maxxansaa biyyattii keessa jiru yeroo gabaabaa keessatti kitaabota kana hunda nuuf qaqqabsiisuu waan hin dandeenyef [kitaabota] kutaa 1ffaa, 3ffaa, 5ffaa fi 7ffaa akka barana hojiirra oolu taasifnee jirra," jedhan.
Kanneen hafan kutaan 2ffaa, 4ffaa, fi 6ffaan ammoo bara dhufuu kaasee hojiirra akka oolu fi bara kana kitaabuma isa duriitin akka baratan godhamuu himan.
'Kitaabonni miliyeena 27 maxxanfamanii jiru'
Barattoota bara kana kitaaba sirna barnoota haaran barataniif ammoo kitaabonni miliyeena 27 maxxansaaf ajajamanii kanneen maxxanfaman barattoota bira akka gahuuf geejibsiifamaa akka jiranii fi kaan ammoo mana maxxansaa keessa jala jalaa maxxanfamaa bahaa jiraachuu himan Obbo Efreem
Barattoonni baadiyaa moobaayilii bitachuun kitaaba softikoppii isaa achi irraa akka fayyadaman gaafatamaa jiru jedhanii komii maatin kaasaniif ammoo, "Keessumaa ijoollen magaalaa fi itti fayyadama moobayilaa beekan yoo itti fayyadaman hammeenya hin qabu.
Garuu baadiyyaatti barattoonni dirqamaan moobayila fayyadamuu qabu kan jedhu jiraannan dogoggora jedhan."
Obbo Efreem akka jedhanitti hanga kitaabonni kun bira gahutti barsiisonni softkoppii irraa barattoota akka barsiisaniifi manneen barnootaa keessattis hanga danda'ame koppii akka ta'uuf dursee leenjifi hubannoon kennamuu himan.
Yeroo dhiyoo keessattis kitaabonni kunneen manneen barnootatti akka raabsamuun wal gahan kaasan Obbo Efreem.