Jaappaan maanguddoota umuriin isaanii waggaa 100 olii gara 100,000 qabaachuun riikardii galmeessite

Madda suuraa, Getty Images
Jaappaaniitti baay'inni lakkoofsa umuriinsaanii waggaa 100 ykn isaan ol ta'e ta'anii sadarkaa olaanaa galmeessisuun gara 100,000tti dhiyaachuu mootummaan biyyattii beeksise.
Waggaa 55ffaaf walitti aansuun rikoordii haaraa kan galmeesse yoo ta'u, hanga Fulbaanaatti lakkoofsi namoota waggaa dhibbaa biyyattii keessatti 99,763 ta'uu ministeerri fayyaa Jimaata darbe ibseera.
Baayyina kana keessaa ammoo dubartoonni %88 ol ta'u.
Jaappaan ummata umurii dheeraa addunyaarratti qabdu yoo ta'u, yeroo baayyee nama lubbuun jiru addunyaa irratti umuriin isaa guddaa ta'e ta'een beekamti.
Qorannoowwan tokko tokko lakkoofsa dhugaa namoota waggaa dhibbaa addunyaa guutuutti ni mormu.
Akkasumas hawaasa saffisaan dullooman keessaa tokko yoo ta'u, jiraattonni yeroo baayyee nyaata fayya qabeessa ta'e soorachuun beekamu.
Biyyattiitti lakkoofsi namoota dulloomanii baayyee ta'us baayyinni dhalootaa garuu gadi aanaadha.
Jaappaanitti namni umuriin ishee guddaa ta'e dubartii ganna 114 Shigeko Kaagawaa jedhamtu yoo taatu, magaalaa Yaamaatokoriyamaa, naannawa Naraa jedhamu jiraatti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gama biraatiin ammoo, dhiirrri umuriisaa guddaa ammoo Kiyotaakaa Mizunoo kan jedhaman yoo ta'u umuriinsaanii 111fi magaalaa qarqara galaanaa Iwaataa irraayi.
Ministirri fayyaa Jaappaan, Taakamaaroo Fukokaan dubartoota 87,784 fi dhiirota 11,979 umuriinsaanii waggaa 100 ol jiraachuusaaniitiin baga gammaddan jechuun ''gumaacha waggoota dheeraaf guddina hawaasaaf taasisaniif galata guddaa qaban'' ibsaniiru.
Lakkoofsi kun kan iftoome Guyyaa Maanguddoota Jaappaan Guraandhala 15niin dura yoo ta'u, guyyaa biyyaalessaa kanarrattis namoonni waggaa dhibbaa ol jiraatan haaraan xalayaa baga gammaddanii fi kubbaayyaa meetii ministira mummeedhaan badhaafamu.
Bara kanas namoonni 52,310 ta'an ulaagaa kan guutan akka jiran ministeerri fayyaa beeksiseera.
Bara 1960mota keessa lakkoofsi ummata Jaappaan biyyoota G7 kamiyyuu keessaa namoota umuriinsaanii waggaa 100 ol ta'e keessaa isa gadi aanaa ture. Haata'u malee, waggoota kudhan keessatti haala ajaa'ibaatiin sun jijjiirameera.
Mootummaan yeroo bara 1963 qorannoo namoota umuriinsaanii waggaa 100 jalqabu kanneen waggaa 100 fi isaa ol ta'an 153 qofaa turan.
Bara 1981tti ammoo lakkoofsi sun gara 1,000tti kan ol guddate yoo taʼu, bara 1998tti 10,000 ture.
Umuriin jireenyaa olka'uun kun irra caalaansaa du'a dhukkuba onnee fi gosoota kaansarii beekamoo,kan akka kaansarii harmaa fi piroostaatiitiin du'an xiqqaachuu irraa kan ka'edha.
Jaappaan furdina garmalee gadi aanaa qabdi. Kunis xiqqeenya dhukkuboota lamaan kanaaf gumaacha guddaa kan qabu yoo ta'u, nyaata foon diimaa xiqqaa fi qurxummii fi kuduraalee baay'inaan soorachuun kan ka'edha.
Furdinni garmalee keessattyuu dubartoota irratti baayyee gadaanaadha. Kunis dubartoonni Jaappaan warra dhiiraa caalaa umurii dheeraa jiraachusaanii waliin kan wal qabatuudha.
Baay'inni sukaaraafi soogiddaa addunyaa guutuu keessatti nyaata keessa kan seenuu yoo ta'u, Jaappaan kallattii biraatiin deemte . Kunis karaa ergaa fayyaa hawaasaatiin namoonni soogidda akka hir'isan amansiisuudhaan kan milkaa'eedha.
Haata'u malee, dhimmichi waa'ee nyaata qofa miti. Ummanni Jaappaan maanguddummaa keessa sochii taasisuu, maanguddoota US fi Awurooppaa caalaa miilaan deemuu fi geejjibaa uummataa fayyadamuu barbaadu.
Raadiyoon Taayisoo, shaakalli garee guyyuu, bara 1928 irraa eegalee qaama aadaa Jaappaan yoo ta'u, miira hawaasummaa akkasumas fayyaa hawaasaa jajjabeessuuf kan hundeeffamedha.
Sochiin qaamaa daqiiqaa sadii kun televijiiniin kan tamsa'u yoo ta'u, gareewwan hawaasaa xixiqqootu guutuu biyyattii keessatti shaakala.
Haata'u malee, qorannoowwan hedduun sirrii ta'uu lakkoofsa umurii waggaa dhibbaa addunyaa irratti shakkii kan kaasan yoo ta'u, dogongorri daataa, galmeen ummataa amanamaa hin taanee fi ragaan dhalootaa dhabamuu lakkoofsa olka'aa ta'eef sababa ta'uu akka malu kaasu.
Odiitiin mootummaan galmee maatii Jaappaan irratti bara 2010tti godhe namoota umuriinsaanii waggaa 100 fi isaa ol ta'uun tarreeffaman 230,000 ol kanneen lakkaa'uun hin danda'amne kan argate yoo ta'u, garuu muraasni waggoota kudhan dura du'aniiru.
Lakkoofsi dogoggoraa kunis haala galmee walitti fufiinsa hin qabnee fi maatiiwwan tokko tokkos sooramasaanii argachuuf jecha du'a firoota maanguddoota dhoksuuf yaaluu danda'u jedhame shakkaman irraa kan ka'e ta'uu ibsameera.
Qorannoon biyyoolessaa kun kan jalqabame reeffa Sogen Kootoo, nama Tookiyoo keessatti umuriinsaa waggaa 111 ta'e jedhamee amanamu, erga du'ee waggaa 32 booda mana maatiisaa keessatti erga argamee boodadha.












