Maanguddoon Arsii Galmee Dinqisiisoo Afrikaarratti galmeeffaman

Maanguddoo Abbaadaaluu Jaarsoo

Madda suuraa, OBN

Maanguddoon umrii dheeraa qabu jedhamanii dhimmi isaanii gabaafamaa ture Obbo Abbaadaaluu Jaarsoo Galmee Dinqisiisoo Afrikaan galmaa’an.

Dhaabbati buufata isaa Finfinnee godhate kuni ''riikardii Abbaadaaluu galmeessuu keenyaan baay’ee gammadnerra” jedhe.

Godina Arsii Lixaatti jiraataa Aanaa Nansaboo kan ta’an maanguddoon kun, torbeewwan muraasa dura ‘umurii waggaa 180 lakkoofsisaniiru’ jedhamuun miidiyalee biyya keessaan waa'een isaanii gabaafamee ture.

Galmeen riikardii kun garuu umurii isaaniin osoo hin taanee baay’ina maatii horataniin akka galmeesse hojii gaggeessaan dhaabbatichaa Obbo Ashannaafii Alam BBC'tti himaniiru.

“Odeeffannoon jalqaba nu qaqqabe ‘maanguddoo umurii waggaa 180ti’ kan jedhudha. Haa ta’u malee waggaa 180 ta’uu isaanii mirkaneeffachuu hin dandeenye,” jedhan.

“Haa ta’u malee, qorannoowwan tokko tokko taasifneen Abbaadaaluun maatii 500 ol akka horatan odeeffannoo arganne,” jechuun himu.

Obbo Ashannaafiin Dilbata Waxabajjii 18, 2023 gara aanichaatti imaluu BBC'tti himan.

Gareen Galmee Dinqisiisoo Afrikaa gara aanichaatti imalees maatii maanguddoon kun horataniiru jedhame qabatamaadhaan arguun mirkaneeffachuu isaanii himaniiru.

Maatii Obbo Abbaadaaluu Jaarsoon horatan 500tti siiqan qaamaan arguu kan dubbatan Obbo Ashannaafiin, “kunneen jiran kan nuf mirkaneesse Waajjira Aadaafi Tuurizimii aanichaa waliin ta’un lakkoofneerra.

Kan hafaniif immoo waan jiraachuu isaanii mirkaneessu qabannee deebinerra” jedhan.

Riikardii Itoophiyaa

Maanguddoo Abbaadaaluu Jaarsoo maatii 500 ol horachuun ammatti akka Itoophiyaatti riikardii qabachuu isaanii dubbatu Obbo Ashannaafiin.

Namni baay’ina maatii horateen maanguddoo Abbaadaaluu caalu yoo dhufe riikardiin isaanii kan cabu ta’uu himan.

“Akka Itoophiyaatti kun isa jalqabaati. Kan biraa jiraachuu mala. Yoo jiraatee fi odeeffannoon yoo nu qaqqabe riikardiin Abbaadaaluu kan cabu ta’a,” jedhan.

Odeeffannoo harkaa qabaniinis lakkoofsi maatii maaguddoon kun horatan sadarkaa Afrikaatti lammaffaa akka ta’es dubbatan.

Dhimma umurii 'waggaa 180' hoo?

Maanguddoo Abbaadaaluu Jaarsoo qorannoo fayyaaf gara magaalaa Shaashamannee Hospitaala Malkaa Odaatti kan geeffamanii turan yoo ta’u, umuriin isaanii qorannoon beekuufis yaaliin taasifamaa akka jirus himameera.

“Dhaabbanni fayyaa (Hospitaala Malkaa Odaa) yaada ‘qorannoo Raadiyoloojiin beekuun ni danda’ama’ jedhu nutti himaniiru.

''Umurii maanguddoo kanaa mirkanneessuuf ammo bu’aa qorannoo kanaa kan ilaallu ta’a” jedhan Obbo Ashannaafiin.

Haalli qaamaa maanguddoo kanaa haala qaamaa namoota akka addunyaatti umurii dheeraa jiraachuun galmee dinqisiisoo irratti galmaa’aniin walfakkaataa akka ta'e dubbatu.

“Akka ilaalcha dhuunfaa kootti Abbaadaaluun waggaa 180 ta’uu baatanillee waggaa 130 yookiin 140 inuma ta’u,’’ jedhan.

Itti dabalunis, ‘‘Sababnisaas umuriin ilma isaanii inni shanaffaa waggaa 85dha. Ijoolleen Abbaadaaluu dulloomaniiru,” jedhan.

Maanguddoo Abbaadaaluu Jaarsoo

Madda suuraa, OBN

Gama biraatiin manguddoon kun yeroo ammaatti haala jireenyaa mijataa hintaane keessa akka jiran himuun deeggarsi yoo taasifameef gaarii akka ta’ullee dubbatan.

“Abbaadaaluun xiqqoo haala jireenyaa mijataa hintaane keessa akka jiran hubanneerra.

''Qaamni isaanii haala mijataa keessa akka hinjirre bifa beeksisuun, mana citaa xiqqoo keessatti isaan agarre,” jedhan Obbo Ashannaafiin.

Yeroo ammaatti ijjiifi gurri maanguddoo kanaa kan dadhaban ta’ullee ilkaan fayyaalessa qabaachuu himan.

“Ilkaan isaanii hoomaa hintuqamne; guutuudha. Waan dheedhii ni sooratu.

''Ilkaan ijoollee isaanii garuu inni jalaa hundi dhumeera. Haalli ilkaan isaanii nama ajaa'iba. Umurii kanaan akaawwii bareechanii nyaatu,” jedhan.

BBC'n waa'ee umrii isaanii waan adda baase hin qabu.