Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan sagalee qondaaltota waraanaa Jarman walgahiirraa dhoksaan waraabde ifa goote
Raashiyaan waraabbiin sagalee qondaaltoonni Jarman wayita walgahiirratti waa’ee miisaa’eloota fageenya dheeraa imalan Yukireeniif kennuufi iddoowwan xiyyeeffannoo Raashiyaarratti haleellaa raawwachuuf mar’atan butuu amante.
Hojii Gaggeessituu Buufata TV mootummaa Raashiyaa waraabbii sagalee qondaaltoota waraanaa karaa viidiyootiin gaggeeffamee sana miidiyaalee hawaasaarratti gadi dhiisan.
Loltoonni Jarman riqichi Keerichi jedhamuufi Kirimiiyaa kan Raashiyaa humnaan of jala galchiitee fi Raashiyaa waliin wal quunnamsiisu, attamiin rukutamu akka danda’u yoo mari’atan dhagahamu.
Sagaleen butame kun ifa taasifamu hordofuunis namoonni siyaasaa Raashiyaa kanneen ‘‘diina cimaadha’’ jedhaniin haleellaa karoorsaan ta’u kan mirkanneessuu jedhan.
Sagalee butame ilaalchisee mootummaan Jarma Olaaf Shaalzii Sambata kaleessaa akka dubbataniitti, ‘‘taateen kun dhimma cimaa waan ta’eef haala saffiisaa, of eeggannoo qabuufi gadi fageenyaan qorannoon gaggeeffamaa jira’’ jedhan.
Barruun Jarman Deer Ispiigil jedhame tokko akka gabaaseetti, konfaransiin qondaaltoota waraanaatiin karaa viidiyootiin gaggeeffame kan marsariitii quunnamtii waraanaa nageenyummaansaa eergameerratti osoo hin taane, waltajjii intarneetii Weebeksi jedhamurratti kan gaggeeffame jedhe.
Sagaleen daqiiqaa 38 dheeratuufi butame ifa kan taasise itti gaafatamtuun Buufata TV mootummaa Raashiyaa, Maargaariiti Siimoonyaan, Jarman Kiraayimiiyaa irratti haleellaa raawwachuuf karoora baafachaa akka turte kan mirkaneessuudha jette.
Sagalee butamee sanarratti, qondaaltoonni waraanaa haala humnootiin Yukireen itti miisaa’eloota Taawuras, kan Jarmaniin oomishaman itti fayyadamaniifi dhiibbaa qabaachu malurratti yoo mari'atan dhagahamu.
Dubbi-himaan Raayyaa Ittisaa Jarman, mariin icciitii qondaaltoota humna qilleensaa biyyattii butamuu AFP’f mirkanneessuun, haata’u malee sagalichi osoo gadi hin lakkiifamiin dura sirreefamni akka irratti hojjatame mirkanneessuun akka hin danda’ame dubbatan.
Dubbi-himaan Ministeera Dhimma Alaa Jarman, Maariyaa Zaakaaroovaan, Jarman dhimmacharratti ‘atattamaan’ ibsa akka kenniituuf gaafatan.
‘‘Gaafii deebiisuu diduuf yaaliiwwan taasifaman waantoota waraabbii sagalee irratti jedhaman akka amanuutti lakkaa’ama’’ jedhan.
Itti gaafatamaa Itti aanaan Mana maree Nageenya Raashiyaa fi Michuu Puutiin kan ta’an Dimitirii Meediveedeev toora Teelegraamaa irratti, ‘‘morkiitoonni bara keenyaa kan ta'an Jarmanoonni diina keenya cimaa ta’aniiru’’ jechuun dubbatan.
‘‘Jarmanoonni waa’ee qiyyeeffannaawwan biyya keenyaafi ummata keenyarraan miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu danda’u of eeggannoofi bal’inaan daangaa keenyarratti haleellaa raawwachuuf yoo mari’atanii fi yoo filatan agarre’’ jedhan aanga’aa olaanaan kun.
Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeey Laavroov Sambata kaleessa akka dubbataniitti, mariachi ragaa qabatamaa ‘‘karoora daba’’ qondaaaltoota Jarman saaxile jedhan.
Yukireen waraana Raashiyaan waliin gaggeessituf misaa’eloota taawurs jedhaman kan fageenya km 500 ta’u imaluun haleellaa raawwachu danda’an Jarmaniin akka kennamuuf barbaaddi.
Mootummaan Jarman garuu misaa’eloota kennuun wal dhabdee hammeessuu danda’a jechuun hayyamamaa osoo hin ta’iin hanga amma turte.
Faransaayiifi Biritaaniyaan garuu misaa’eloota isaalp ykn istoorm jedhamaniifi fageenya km 250 irratti maadhee qiyyeeffannoo haleelluu danda’an Yukireeniif kennaniiru.
Namni siyaasaa paartii mormiituu Jarman, Roodiriik Kiisweetar waraabbiin sagalee dabalataa osoo hin butamiin hin hafne jechuun akeekkachiisan.
‘‘Mariiwwan gara biraa hedduun Raashiyaadhaan butamaniiru, boodarra haala Raashiyaaf faayidaniin ifa bahuu danda’u’’ jechuun sabaa himaa Jarman tokkootti dubbatan.
Itti dabalunis mariin ‘‘qondaaltoota waraanaa yeroo kanatti ta’e jedhamee ifa kan taasifame, fedhii ta’e wayi milkeeffachuudhaaf ta’u’’ jedhanii kan tilmaaman namni siyaasaa kun, kunis ‘‘Jarman miisaa’eloota taawuras Yukireeniif akka hin kenniine taasisuuf’’ jedhan.