Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'EUn gochawwan humnootiin Tigraay raawwatan qeequu dhabuun mootummaa Itoophiyaa muufachiise' -Amba. Diinaa
Gochaalee humnootiin Tigraay naannolee Affaar fi Amaaraa keessatti raawwatan Gamtaan Awurooppaa (EU) akka qeequ mootummaan Itoophiyaa gaafate.
Guyyoota muraasa dura Komishinarri walta'iinsa idil-addunyaa Gamtaa Awurooppaa Yuutaa Urpileenin Ministira Mummee itti-aanaafi Ministira Dhimma Alaa Dammaqaa Mokonnin walin kan mari'atan yemmuu ta'u, maricharratti dhimmootni garaagaraa ka'uun himameera.
Marichafi dhimmoota waqtaawaa biroo irratti midiyaaleef ibsa kan kennan dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii, haala waqtaawaa biyyattiifi kutannoo mootummaan Itoophiyaa gama gargaarsa namoomaa lammiileef qaqqabsiisuutin qabu komishinarittiif ibsamuu dubbatan.
Kana malees, dhiittaa mirgoota namoomaa lola Kaaba biyyattiin walqabatee raawwatameera jedhamerratti qorannoo Abbaan Alangaa Waliigalaa Itoophiyaa (kan amma Ministeera Nagaa jedhame) fi dhaabbileen Gamtaa Afriikkaafi Biyyoota Gamtoomanii (UN) waliin ta'uun taasisaa jiran irrattis ibsi kennamuu Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.
Bu'aan qorannoo sarbama mirgoota namoomaa ilaalchisee taasifames ji'a Sadaasa 2021 akka ifoomfamu dubbataniiru.
Gama biratiin Obbo Dammaqaa Mokonnin gochaalee humnootiin Tigraay naannolee Affaar fi Amaaraa keessatti raawwatan Gamtaan Awurooppaa akka qeequ gaafachuun isaanii himameera.
"Sochii garee kanaa kaasuu dhiisuu yookin immoo xiqqeessuu yookin immoo dhoksuutu mul'ata. Kun immoo dhiibbaa uumu qaba. Kanaaf, dhimma kana kaasanii qeequun akka barbaachisu itti himaniiru," jedhan Ambaasaaddar Diinaan.
Fedhiiwwan Gamtaa Awurooppaa…
Marii Komishinarri walta'iinsa idil-addunyaa Gamtaa Awurooppaa Yuutaa Urpileenin Ministira Mummee itti-aanaafi Ministira Dhimma Alaa Dammaqa Mokonnin walin taasisan irratti fedhiiwwan Gamtaa Awurooppaa maalfaa akka ta'an ka'uun himameera.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Mufti, "fedhiin Gamtaan Awurooppaa qabu inni tokko mariin hunda galeessaa akka adeemsifamuuf," jedhan.
Dabalataan mirgootni namoomaa akka kabajamanfi dhiittaawwan mirgoota namoomaa qaama walabaan akka qorataman kunneen jedhan fedhii Gamtaa Awurooppaa ta'uun himameera.
Waraanni Naannoo Tigraay kan Sadaasa 04, 2020 eegale amma waggaa guutaa jira.
Sababii waraanaa kanaatinis lammiileen kumaatama hedduu ta'an lolicha baqachuun gara Sudaan kan imalan yoo ta'u, kanneen miliyoonaan lakkaa'aman bakka jireenyaa isaaniirra buqqa'uun gabaafameera.
Kanneen 350,000 ta'an ammoo hir'ina nyaataa cimaa keessatti kan argaman ta'uu dhaabbileen gargaarsa namoomaa dhiheenya himaniiru.