Waraana Tigraay: Warri Lixaa akkamiin MM Itoophiyaa waliin waldhaban

    • Barreessaa, Faaruk Chootiyaatiin
    • Gahee, BBC News

Itoophiyaan hariiroo US fi Gamtaa Awurooppaa (EU) waliin qabdu yeroo rakkoo godhate kanatti, mootummaan fincila gaarreen Tigraay irraa itti ka'e qolachuuf michuuwwan biraa barbaadutti jira.

Ameerikaafi EU'n lola waggaa tokkoof ture akka xumura itti tolchaniif mootummaafi diina isaa Adda Bilisa Baaasaa Ummata Tigraay (ABBUT/TPLF) irratti qoqqobbii kaa'uuf akeekkachiisaniiru.

Namoonni gariin lolli Kaaba Itoophiyaa hanga waraana waliinii boodarra Yugoslaaviyaa diige miidhaan isaa guddaadha jechuun yaaddoo qaban ibsu.

Osloo Niiw Yunivarsiitii Kolleejjii biyya Noorweey argamutti pirofeesara qo'annoo walitti bu'insaa kan ta'an Jetil Tironvool kuni jijjiirama xiyyeeffannoo mootummaa fideera jedhu.

''Mootummaan Itoophiyaa warra Lixaa malee raawwachuu nan danda'a jedhee yaada - meeshaa waraanaa Iraan, Turkiifi Chaayinaa irraa argachuun, liqaa Sa'udii Arabiyaafi Yunaayitid Arab Emireetis irraa, akkasumas kunuunsa siyaasaa Raashiyaafi Chaayinaarraa,'' jechuun himu.

Chaayinaafi Raashiyaan dhimma waraana waliinii irratti Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) yaada furmaataa tokkorrati akka wal hin galle dhorkeera jechuun akeeku.

Dabalataan, osoollee ifatti wanti mirkanaa'e jiraachuu baatus gabaasonni amanamoo waraanni Itoophiyaa haleellaa xiyyaaraa Tigraayitti raawwachuun lola irra aanuuf diroonii Iraaniifi Turkiitti oomishaman fudhachuu agarsiisan jiru.

Michuu nageenyaa ijoo

Xiinxaltuun Itoophiyaa buufati isaanii Kaanaadaa ta'e Ann Fitz-Gerald US fi EU'n mootummaa irratti ''tarkaanfii adabbii'' fudhachuuf jedhaniin yaadda'u himu.

''Hawaasni idil-addunyaa gama mootummaa Itoophiyaa seera qabeessa ta'e waliin dhaabbatuu qaba. Naannoleen sadan [Tigraay, Amaaraafi Affaar] walitti bu'insichaan miidhamaniiru.

''Badii TPLF raawwatee himuun meeshaa akka lafa kaa'u waamicha taasisuu qaba,'' jechuun gama mootummaa Itoophiyaatiinis ifattiifi yeroo yeroon akka dubbatu himan.

Pirofeesar Tiroonvol EU fi US yeroo MM Abiy bara 2018 aangootti bahan ''michuu tarsiimowaa dhihoo'' godhanii fudhachuu himu. Itoophiyaas immoo naannichatti ''michuu nageenyaa ijoo'' jedhanii fudhatan.

Kunis ulaa tajaajila geejjiba doonaa Galaana Diimaatti dhihoo waan jirtuuf, naannawa sochii hidhattootaa Islaamawaa waan jirtuuf akkasumas madda godaansa ijoo gama Awurooppaa waan taateefi jedhu.

''Hariiroon isaanii erga waraanni ka'e booda babbade. US fi EU'n haleellaa mootummaan raawwateeniifi haala beela fakkaatu Tigraay keessa jiruun komii ibsan,'' jechuun dabalanii ibsan.

UN uggura mootummaan Tigraay irratti kaa'e jedheen deeggarsi akka hin seenne taasisuun ummanni 400,000 ta'u haala beela fakkaatu keessa jira jedhe.

Xiinxalaan Gaanfa Afrikaa Ameerikaa jiraatan Fayisal Rooble yoo mootummaan adeemsa isaa hin laaffisne warri Lixaa ulaa deeggarsa namoomaa karaa Sudaan gara Tigraayitti uumuu yookiin naannoo Tigraayitti balaliin akka hin taasifamne dhorkun nyaanniifi qorichi qilleensarraa akka buufamu taasisuu danda'u jedhu.

Xiinxalaan Itoophiyaa jiraatan Wuhibeegzer Farradaa kuni ''dagabaasuu yookiin kolonii deeggarsa namoomaati'' akkasumas dhiibbaa dippilomasii ''to'annoo hinqabne'' jechuun akeekkachisu.

Mootummaan federaalaa Tigraay seenee deeggarsa namoomaa akka waliin gahu dhiibbaan silaa ta'u qabu TPLF irrattidha jechuun himu.

''Xiyyeeffannoon hawaasa idil-addunyaa Tigraay irratti qofa ta'u hin qabu,'' Naannoo Amaaraafi Affaar irrattillee ta'uu qaba jechuun haleellaan TPLF rakkoo deeggarsa namoomaa achitti uumuu dubbatu.

Dippilomasii gad-qabuu

Hoogganaan imaammata alaa EU Hoseeph Boreel torbee darbe akka ibsanitti deeggarsi misoomaa Itoophiyaaf taasifamu kan itti fufu ta'u himan.

Ta'us, akkuma qorannoon sarbama mirga namoomaa raawwatame jedhame irratti UN'n taasifamaa jiru ifoomsameen EU'n kanneenn lola keessa qooda fudhatan irratti qoqqobbii kaa'uuf karoorfachuu himan.

''Tigraay sarbama mirga namoomaa gareewwan hidhatanii yakka waraanaafi yakka farra namummaa akka meeshaatti dhimma bahaniin Tigraay miidhamteetti,'' jechuun dubbatan.

Pirofeesar Tiroonvol bulchiinsi Pirezidantii Ameerikaa Joo Baayidan tarkaanfiiwwan asiin gadi fudhachuuf ademaa jira jedhu:

  • Badiin Tigraayitti raawwate duguuggaa sanyiitimoo miti kan jedhu qorachuuf ''qorannoo seeraa'' ajajaniiru
  • Liqaa muraasa Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) fi Baankiin Addunyaa (WB) Itoophiyaaf kennamu ofitti akka qaban gaafataniiru
  • Biyyoota qaraxa malee oomisha isaanii gabaa Ameerikaa seensisan (AGOA) keessaa Itoophiyaa haquu yaada qaba. Kuni gama siyaasaafi diinagdee mootummaa Itoophiyaaf miidhaa guddaa qaba.

''Yeroo waraanni jiruufi akka lolli dhaabatuus dhiibbaan jiru kanatti, Itoophiyaan dippilomasii US fi Awuroppaatti cimsuun falmii irra aanuuf ni yaaddi jettee eegda, garuu faallaatu mul'ataa jira,'' jedhan Pirof Tiroonvol.

Dubbiin Pirof. Tiroovol isa mootummaan imbaasiiwwan 30 biyyoota addunyaa garaagaraatti qabu xiqqeessuuf yookiin cufuuf karoora isaa baatii Adoleessa keessa beeksise jechaa isaaniiti.

Mootummaan biyya wiirtuu diinagdee Baha Afrikaa kan taate Keeniyaafi Masrii kan dhimma hidha Abbayyaan waldhibdee qabduutti dabalatee imbaasii cufaa jira.

''Itoophiyaan wiirtuulee dippilomasii Afrikaa umrii dheeraa qaban qabdi. Haa ta'iu malee, inni kuni mootummaa kana keessatti jijjiiramaa jira,'' jechuun ibsu.

Xiinxalaa Gaanfa Afrikaa UK jiraatu Abdurrahmaan Sayidiif inni mootummaan imbaasiiwwan cufuuf ibse ''dippilomasii dijitaalaatti'' qajeeluun baasii xiqqeessuuf akkasumas ergama dippilomasii deeggartoota TPLF irraa ''qulqulleessuuf'' kan kaayyeffatedha jedhu.

''Biyyoonni Lixaa Itoophiyaa hin hubatan. Isaan mootummaa irratti qoqqobbii kaa'uf akeekkachiisaa TPLF'tti cimsaa jiru.

''Gamtaa Afrikaa isa mootummaan federaalaa daangaa birmadummaa biyyaarratti qabu kabajerraa baratuu qabu,'' jechuun himan.

Pirofeesar Tiroonvol dhiibbaan dippilomasii EU fi US irraa dhufu mootummaafi TPLF dhukaasa dhaabuun Gamtaa Afrikaa jalatti marii akka eegalaniif kan kaayyeffatedha jedhu.

Gamtaan Afrikaa erga kana dura yeroo waraanni eegale MM Abiy jaarsummaa looretii Nobelii Nagaa Eelan Joonsan Sarliif didanii booda pirezidantii duraanii Naayijeeriyaa Olusegun Obasaanjoo ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa gochuun muudeera.

''TPLF sochii araara nagaa kamuu fudhateera, sababoota hedduun garuu Obasaanjoo irratti shakkii qaba. Keessa tokko Obasaanjoon akkuma MM Abiy hordofaa kiristaanaa warra wangeelaati,'' jedhan Pirof. Tiroonvol.

''MM Abiy Obasaanjoo akka ergamaa addaatti simataniiru. Haa ta'u malee, hanga yoonaa adeemsa nagaaf of hin kennine,'' jechuun ibsu.

Qndaaltoni olaanoo EU fi US, Aleekis Rondoosiifi Maark medish, barruu Polotikoo irratti barreessaniin yoo lola dhaabuun hin saffisne Itoophiyaan akka Yugoslaaviyaa ni diigamti jedhanii akeekkachiisaniiru.

''Lolichi dippilomasiifi jaarsummaa adeemsa nagaa buusuu Deeytan bara 1995 waraana Boosniyaa dhaabuuf taasifame as hin mul'anne barbaada,'' jechuun barreessan.

Abdurrahmaan Sayiid garuu adeemsi nagaa buusuu ni milkaa'a kan jedhu ni shakku.

''Siyaasni Itoophiyaa yeroo hundaa tapha zeroon ida'uuti. Tokko isa kaan injifachuu qaba,'' jechuun himan.

  • Odeessaalee walfakkaata: