Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Mootummaan Itoophiyaa Tigraayitti haleellaa xiyyaaraa gaggeessuu hime
Humni Qilleensaa Waraana Itoophiyaa bakka magaalaa guddoo naannoo Tigraay, Maqaleetti dhiyootti argamu wiirtuu leenjii loltummaa Agulaa'ee jedhamurratti haleellaa raawwachuu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa beeksiise.
Tajaajilli Komunikeshinii Mootummaa kun ibsa Dilbataa karaa toora tiwitaraatiin qoodeen, wiirtuun haleellaan xiyyaaraa irratti raawwatame kun bakka humnootiin TPLF seeraan ala loltoota keessatti leenjiisudha jedheera ibsichi. Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) dhaabbata mootummaan shororkeessummaan farrajjeefi kaaba Itoophiyaatti humnoota mootummaa waliin lolatti jirudha.
"Wiirtuun leenjii waraanaa kun kan gareen shororkeessaa kun itti namoota loltummaaf keessatti filatuufi itti leenjiisuudha,'' jedheera ibsi kun.
Haata'u amlee, haleellaa jedhame kana ilaalchisee gama humnootii TPLFn hanga ammaatti kan jedhame hin jiru.
Haleellaawwan qilleensaa kanaan dura raawataman:
Humni qilleensaa waraana Itoophiyaa magaalaa guddoo naannoo Tigraay, Maqaleetti haleellaa qilleensaa Kamis raawwateen namootni jaha ajjeefamanii, 20 ol madaahan.
Qindeessaan tajaajila yeroo balaa Hospitaala Ayideer Abbebee Haftuu tajaajila BBC Tigirinyaaf yaada kennaniin namoota haleellaa kanaan miidhaman 27 waldhaanaa akka jiran himan.
''Daa'imman dabalatee namootni jaha haleellaa qilleensaa kanaan du'aniiru'' jedhan.
Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaarratti ibsa baaseen, Humni Qilleensaa Itoophiyaa guyyaa Kamisa kutaa lammaffaa Masfin Industiriyaal Injiinaring rukkuteera jedheera.
Wiirtuun kun bakka TPLF itti meeshaa waraanaa suphatan ta'uus eereera Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa kun.
Miidhaa namoota nagaarratti haleellaa kanaan qaqqabe ilaalchisee mootummaan hanga ammaa waan jedhe hin qabu.
Dubbi himaan TPLF Obbo Getaachoo Raddaa halleellaan xiyaaraa Maqaleetti akka gaggeeffame himuun, miseensonni maatii lamaa hunduu sababa haleellaa qilleensaa kanaan ajjeefamuu suura mana haleellaa kanaan miidhame waliin maxxansaniiru.
"gareen ittisa humna qilleensaa keenyaa jeettii diinaaf deebii kennaa jiru," jechuun fuula tiwiitara isaaniirrattis baasanii turan..
Haleellaan xiyyaaraa mootummaan Itoophiyaa dhiyeenya naannoo Tigraay keessatti taasisu kun torban lamaffaa isaa kan qabate yoo ta'u, kan har'aa dabalatee si'a ja'a ta'uu isaati.
Haleellaa Dilbata darbe gaggeesseen wiirtuuwwan TPLF Maayitsabiriifi Aduwaatti argaman loltoota itti leenjifatuufi meeshaaleen waraanaa itti omisahata jedhu rukkutuus ibsee ture.
Wiirtuun Aduwaatti haleelame kan gareen shororkeessaa kun uffata Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa itti omishu akka ta'e Tajaajilli Komunikeeshinii Itoophiyaa himee ture.
Dubbii Himaan TPLF Obbo Getaachoon garuu deebii kennaniin haleellaan kun buufataalee waraanaa miti jechuun ibsanii ture.
Akka Obbo Getaachaw Radaa jedhanitti, haleellaan raawwate Maayitsabriitti hospitaala, Aduwaatti immoo warshaa huccuu rukute.
BBC'n madda walabaarraa himannaa gamaafi gamana jiru mirkaneessuu hin dandeenye.
Haleellaan qilleensaa kun wayita humnoonni Tigraay fi Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa naannoo Amaaraa Kibba Walloo keessatti lola jabaatti jiranitti raawwatamaa jira.
TPLF haleellaawwan qilleensaa mootummaan walitti aansuun raawwateen namoonni nagaa miidhamaa jiru jedha.
Haleellaa guyyaa jalqabaan qofa namoonni sadi du'aniiru jedha. Haleellaa Roobbii darbeen ammoo haadha ulfaa dabalatee namoonni saddeet madaa'anii hospitaala galuu ogeeyyiin fayyaa BBC'tti himanii turan.
Ministeerri Ittisaa Itoophiyaa ibsa baaseen humni qilleensaa humna lafoo Itoophiyaa deeggaruun Tigraay keessatti kuusaa fi suuphaa waraanaa, buufataalee leenjii, buufataalee ajajaa akkasumas konkolaattota loojistiksiifi qabeenya miliqsuurratti bobba'an barbadeessuurratti akka argamu ibseera.
Haleellaawwan kunneen namoota nagaa haala hin miineen rawwatamaa jirus jedhe.
Lolli kun mariin xumura akka argatu dhiibbaa gochaa kan jirtu Ameerikaan, haleellaan qilleensaa mootummaan raawwate lola hammeessa jechuun balaaleffattee jirti.
Waraana erga eegalee ganna tokko guutuuf guyyooti muraasni hafan kanaan namoonni kumaatamni yoo du'an, miliyoona lamaa ol qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.
Tigraay dabalatee naannoolee Amaaraa fi Affaar keessatti walumaagalatti namoonni miliyoona 7 ta'an ammoo deeggarsa namoomaa barbaadu