'Dongongora keenya sirreesinee biyya jabduu dhaloota hegeree dhaalchisuuf hojjenna'- MM Abiy Ahimad

Ministirrii Muummee Abiy Ahimad waggoota dhufan keessatti, "Dongongora keenya sirreesiinee biyya gaarii dhaloota hegeree dhaalchisuuf hojjenna," jedhan sirna hundeeffama mootummaa Paartii Badhaadhinaa gaggeefamaa jiru irratti.

MM Abiy Ahimad Itoophiyaan isin hin dagattuu jechuun miseensota raayyaa ittisa biyyaafi qaamolee nageenyaa haala qabatamaa amma jiruun aarsaa lubbuu kaffalaa jiruuf galata qaban ibsuun haasaa isaanii eegalan.

''Biyyi yeroo humni ishee hankaaku guutuu addunyaatti kan dagalee taataniif lammiileen Itoophiyaafi jaallattootni Itoophiyaa galatoomaa,'' jedhan.

Ta'iiwwan seenaa Itoophiyaa darbee eeruun guddummaa biyya Itoophiyaa kan dubbatan MM Abiy, filannoon amma dhaaba isaanii gara aangootti fidee seenaa Itoophiyaa keessatti filannoo haqa qabeessa kanaan dura ta'ee hin beekneefi deeggarsa uummataa jabaa qabu akka ta'es himaniiru.

Itoophiyaan kan badhaadha taatu qophii uummatni qabaniin jedhan. ''Yeroon Itoophiyaan itti badhaadha taatu amma'' jedhanii, ''gaafatamni kun amma nurra jira'' jedhan.

Daanqaaleen osoo isaan hin dhaabiin imala gara badhaadhinaa amma akka eegalanifi uummatni gahee akka bahu gaafataniiru.

''Filannoon Waxabajjii darbee hanqinoota kan hin qabne guutummaatti milkaahaa ture jedhamuu baatus sadarkaa tokko fulduratti nu tarkaanfachiiseera'' jedhan.

Filannichi rakkoolee nageenyaa, Koviidiifi dhiibbaa qaamolee alaan qoramee akka milkaahe dubbatan.

Injifannoo amma dhaabni isaanii argate of eeggannoon itti fayyadamuun rakkoolee jiran furuf akka hojjetanis himan.

Danqaalee biyya mudatanii jiran tokkummaan akka keessa darbuun barbaachisu ibsaniiru.

Ootummaan isaanii warra isaani deeggareef qofa osoo hin taane agarsiistuu waliin jireenyaa fi tokkummaa biyyaa akka ta'u himaniiru.

'Waliigalan alaa galan..'

''Waliigalan alaa gala jedha Oromoon'' kan jedhan MM Abiy, ''Marii biyyaalessaa hunda hammataa akka gaggeessanis himan. Kanneen kana keessatti hirmaatan ''humnoota mariin rakkoo keenya fura jedhan hunda'' akka ta'us dubbatan.

Waayee waraana Tigraay kan kaasan MM Abiy, badii humnootni TPLF biyya irratti raawwatan tarreessaniiru.

"Jireenya biyyaaf warra balaa ta'an,'' dura dhaabbachuun kutannoo isaanii ta'uus himan.

Qaama nageenyaa fedhu biyyaalessaafi nageenya, daangaa biyyaa eegu akka ijaaranis himan.

Waliigaltee biyyaalessaa uumuuhaafis waloon kan hojjetan ta'uu kaasuun, "Dhimmoota walitti nu buusan duubatti dhiifnee kan walitti nu fidan irratti xiyyeeffannee qindoominaan ni hojjenna," jedhan MM Abiy.

Dhiibbaa gama dippiloomasiin Itoophiyaa mudatee jiru irratti yoo dubbatan ammoo, hariiroon biyyoota biroo waliin qaban gaarii akka ta'u murannoo qabaatanis dantaa fi birmadummaa biyyaa haala dabarsee kennuun akka hin taane beeksisan.

''Biyya fedha biyyaalessaa ishee eeggattee jiraattu,'' akka taatu akka hojjetanis himan.

Hidha Haaromsaa humna lammiilee Itoophiyaa walitti hidhe qofa osoo hin taane naannolee kaaniifis abdii akka ta'es himan. Hidha kana haaluma karoorfameen akka xumuramus beeksisan.

Biyya gara badhaadhinaatti geessuuf diinagdee keessatti hojiilee hunda galeessa hojjechuun akka barbaachisu himaniiru.

''Qaalayinsa jireenyaa amma mudateen namootni galii gad aanaa qaban rakkoo hamaaf saaxilamuu ni beekna. mootummaan haaraan xiyyeeffannoo kennee kan hojjetu keessaa tokko rakkoo qaalayinsa jireenyaa furuudha.''

Uummata rakkoo keessaa baasuuf waan eegalan xumuruufis xiyyeeffannoo akka kennan himan.

Malaammaltummaafi hanna hambisuuf kutannoo qabaachuus ibsaniiru.

'Dongora keenya sirreeffannee...'

''Dongongora keenya sirreesiinee biyya gaarii dhaloota hegeree dhaalchisuuf hojjenna. Waggootni shanan dhufan hojiilee amma dura eegallee kan firii itti arginu ta'a.''

''Waggootni dhufan jechi 'Itoophiyaa' jedhu kan hin njifatamne jechu akka ta'e yeroo itti agarsiifnu, miidhama isheerraa yeroo itti bayyanattu ta'a.''

''Itoophiyaan awwaara ishee ofirraa dhadhahattee yeroo kaatu humni kamuu fuuladura ishee hin dhaabatus'' jedhaniiru.

Waggoota dhufan keessatti abdii keenya bal'ifnee qormaata keenya xiqqeessinee...badhaadhina biyya keenyaa ni milkeessina,'' jedhan

'Imaanaa nutti kenname hin dagannu...'

MM Abiy imaanaa nutti kenname galmaan ga'uuf dhimmamnee hojjenna jechuun, kanaaf ammoo haarsaa barbaachisuufi gaafatullee ni kaffalla jedhan.

"Rakkoofi imimmaan ummata keenyaa haquuf boqonnaa malee ummata waliin ni hojjenna," jedhan.