Dureewwan biyyoota Afrikaa sirna ijaarsa mootummaa irratti maal dhaaman?

Dureewwan biyyoota Afrikaa sirna hundeeffama mootummaa haaraa Itoophiyaarratti argaman uummataafi MM Abiyyiin baga gammadde jedhanii deeggarsa mootummaa Itoopiyaaf qaban ibsan.

Dureewwan Afrikaa kunneen ergaa baga gammaddanii erga dhaamanii booda, mootummaan haaraa hudeeffamee kun nagaa buusuufi biyyattii gara tokkummaatti fiduudhaaf hojjechuu akka irraa eegamu cimsanii dhaamaniiru.

Yugaandaa

Pireezidantiin Yugaandaa Yuweerii Musevenii mootummaa haaraa filattaniif baga gammaddanii jedhan.

Waggoota 60 darbaniif siyaasa Afrikaa ilaalaafi irratti hirmaachaan ture kan jedhan Museveniin, rakkoon Yugaandaas mudatee ture rakkoo siyaasa sabummaati jedhan.

''Siyaasaa sabummaa dhiifnee gara siyaasa fedhaatti yeroo ceenu rakkoo furre'' jedhan.

Siyaasni Itoophiyaa kan sabummaarratti xiyyeefate gara siyaasa fedhaa (politics of interest) akka ce'u gorsan.

Sudaan Kibbaa

Pireezidantiin Sudaan Kibbaa Salvaakiir Mayaardiit gama isaaniin kaniin as dhufe ummata Itoophiyaa dubbisuuf injifachannoo argattaniif MM Abiy argataniif baga gammaddan jechuuf jedhan.

Itoophiyaan haadha keenya kan jedhan Salvaa Kiir, osoo Itoophiyaan hin jiraannee Sudaan Kibbaa akka ammaa kana hin taatu turee jedhan. Rakkoon amma biyya keessa jiru karaa nagaan akka furamus gorsaniiru.

Bara bulchiinsaa Itoophiyaa darban keessa Sudaan Kibbaa deeggarsa Itoophiyaarraa argachaa turan yaadachiisan.

''Yeroo hunda isin waliin dhaabanna. Bakka deemtan mara ni deemna,'' jedhan.

Jabutii

Pireezidantiin Jibuutii Ismaa'eel Umar Giillee seenaa guddaa Itoopiyaan keessa dabarte yaadachuun bu'aa bayii keessa dabarteen ammoo cimtee bahaa jirtii jedhan.

''Amma Itoophiyaan biyya nagaa keessoo qabdu taatee arguu feena,'' jedhan.

Biyyootni hundii haala rakkisaa keessa ni darbu kan jedhan pireezidantiin Jibuutii Itoopiyaan jabduu taatee itti fuftii amantaa jedhu qabna, jedhan.

Itoophiyaan rakkoo keessoo ishee mudate futee araarriifi nagaan akka bu'u kan tumsan ta'uus hubachiisan.

Pirezedantii Jabutii Ismaa'el Omaar Giilee dubbii sirna muudamaa kana irratti taasisaniin, Itoophiyaan fakkeenya 'Paan Afrikaanizimiiti jedhan.

Gama dinagdeetiinis gahee Itoophiyaan Qaxanaa kana keessatti qabdu kaasuun, "Itoophiyaan ofiishee waliin nagaa akka buustuufi guddummaa duraan qabdi turte akka haaromsattuuf," gaafataniiru.

Seenaa badaa waraanni Qaxanicha keessatti qaqqabsiise eeruun, Itoophiyaan "Ijoollee ishee waliin akka haraaramtuuf"fi gara nagaatti akka deebituuf yaadachiisaniiru.

''Itoophiyaan bara baraan haa jiraattus,'' jedhan.

Keeniyaa

Pireezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaa uummata fi MM Abiyyiin baga gammadde jedhan.

Keeniyaan ummata Itoophiyaa waliin ta'uun naannoo misoomaafi guddinaa gochuuf akka hojjetan ibsan.

Mootummaa Itoophiyaa akka deeggaranis himan. ''Warri si filates warri si hin filannes uummata keeti uummata kana tokkoomsuuf hojii hojjettu ni deeggarra,'' jedhan.

Itoophiyaan haadha keenya hunda keenyaati nagaa qabaachuu qabdi. Itoophiyaa nagaa qabduufitasgabbii qabdu, akkasumas Afrikaa nagaa, tasgabbiifi badhaadhina qabdu arguu feena jedhan.

Naayijeeriyaa

Pireezidantiin Nayijeeriyaa Mahaammaduu Buhaarii ''bu'aan filannoo Waxabajjii darbee fedha uummata Itoophiyaa isa sirrii agarsiisa' jedhan.

Danqaalee Itoophiyaa mudatan ni beekna kan jedhan Buhaariin, ''uummatni kun walitti dhufee nageenyaafi tasgabbii akka argatu mootummaa kana ni deeggarra,'' jedhan.

''Naajiyeeriyaan walabummaa biyya Itoophiyaafi daangaa ishee ni kabajjii, hariiroo waliin qabanis cimsuuf kutattuudha'' jedhan Buhaariin.

Somaaliyaa

Pireezidantiin Somaaliyaa Mohaammad Abdullaahii Farmaajoo gama isaaniin uummatni dhaaba sirriin bakka nu bu'a jedhaniif sagalee isaanii kennuu isaafii mootummaa ijaarameef baga gammaddan jedhaniiru.

''Hangan dhiyeenyaan Abiyyiin beekutti Abiy hooggana waan uummatni irraa eegu bahuuf kutatee hojjetuudha'' jedhan Farmaajoon.