Filannoo Itoophiyaa: Mootummaa haaraa har'a hundeeffame kan yeroo kaaniirraa maaltu adda taasisa?

Har'a Fulbaana 4, 2021 manni maree bakka bu'oota ummataa Itoophiyaa haaraan walgahuun Ministira Mummee waggoota shanan dhufaniif biyya bulchu muuduun bara hojiisaa eegaleera.

Kana hordofuunis caasaan hojii raawwachiftuufi miseensoonni kaabiinee Ministirri Mummee hogganan keessa hojjataniif kaadhimamtoonni ifatti mana mareetti dhiyaachuun raggaasifaman.

Filannoo biyyaaleessaa marsaa jahaffaa Waxabajjii 14 darbee gaggeeffameen Paartii Badhaadhinaa kan MM Abiy dura ta'ummaan hoggananii mana maree federaalaafi naannooleetiin sagalee caalmaa argachuun filatameera.

Kunis MM fi paartii isaaniif waggoota aangoo shan kan dabaluuf yoo ta'u, paarlaamaa har'a hojiisaa eegalu keessattis kun ni calaqiisa jedhamee eegama.

Filannoo biyyaaleessaa marsaa lamaan gaggeeffameen kan marsaa jalqabaa A L I Waxabajjii 14, 2013 gaggeefameen, bu'aansaa guutummaatti baramanuun har'a manni maree bakka bu'oota ummataa bulchiisa haaraa hundeessuu danda'e.

Marsaa lammaaffaan torban darbe A L I Fulbaana 20, 2014 gaggeeffameen bu'aansaa Boordii Filanootiin raggaasifamee ifa taasifamu baatulleen, filannoo kana duraatiin qabxiin teessoo mana maree waan barameef, haaluma seeraatiin torban dhuma baatii Fulbaanaatti mootummaa haaraan ni hundeeffama.

Manni maree bakka bu'oota ummataa Jahaffaan yaa'iisaa jalqabaa har'a gaggeeffatus, teessumawwan 547 qabu keessaa Paartii Badhaadhinaa 410 mo'achuun ifa taasifamuunsaa ni yaadatama.

Bara aangooo mana maree bakka bu'oota ummataa kanaan dura turaniitiin paartiin biyya bulchaa ture ADWUI teessumawwan 547 haala gutummaan jechisiisuun paarlamaa to'atee ture.

Tibbana garuu, naannooleefi eddoowwan filannoo ture itti-gaggeeffameetti bu'aan fuulduratti kan beekamu ta'ulleen, bu'aa kanaan dura ifa taasifameen paartileen mormitootaafi dorgomtoonni dhunfaa hanga tokko paarlaamaatti makamaniiru.

Paarilaamaa haaraa keessatti Paartiin Badhaadhinaa olaantummaa qabachuun teessuma hedduu qabatulleen, odeeffannoo hanga ammaatti jiruun teessummni 11 miseensoota paartii mormituun, afur ammoo dorgomtoota dhunfaatiin qabameera. Paartilee siyaasaa filannoo keessatti dorgaman 47 keessaa sadan isaanii teessuuma 11 kan argatan yoo ta'u, isaanisi ABIN teessuma shan, IZEMA teessuma afur, fi Paartiin Dimokiraasummaa Ummata Geediyoo teessuma lama argataniiru.

Kana malees, dorgomtoota dhunfaa 125 keessaa afur teessuma paarlaamaatiin mo'ataniiru. Isaanis gorsaa MM Diyaaqoon Daani'eel Kibirat, hundeessitootaafi miseensoonni ABO duraanii Obbo Diimaa Nagawoo fi Obbo Galaasaa Dilboo, akkasumas Ustaazi Kaamiil Shamzsuti.

Naannoolee Somaaleefi Hararii bakka filannoon ture itti raawwatmeetti bu'aan waan hin beekamneef bakka buutoonni hundeeffama mootummaa haaraa kanatti hin argaman.

Akkasumas, naannoo Tigraay kan bara darbe waraan keessa eegaleettis filannoon waan hin gaggeeffamneef teessoowwan 38 duwwaa turu.

Mana maree har'a hundaa'u keessatti olaantummaa kan qabu dura taa'aan Paartiin Badhaadhiinaa MM ni hundeessa.

Haaluam kanaanis MM Abiya Ahimad aangoo ministira mummee isaanii akka itti fufan eegamaa jira.

Kana malees, naannoolee torban darbe keessa buchiinsa isaanii hundeessan irratti akkuma hubatame, kaabinee motummaa federaalaa keessattis paartileen mormitu eddoo ni argatu jedhamee eegama.

Tibba hundeeffama mana maree naannoolee Oromiyaa, Amaaraa, Kibbaafi magaalaa Finfinneetti mul'ateetti, sadarkaa murtaa'een paartileen mormitootaa aangoo akka qooddatan taasifameera.

Kanaaf, kaabinee haaraa hundeeffamu keessatti paartileen mormituu hammatamuu danda'u. Haaluma kanaanis, paartiin IZEMA kan filannoon qabxii olaanaa argata jedhamee eegamee ture, aangoo kaabinee qodachuuf tilmaamni olaanaan kanneen kennameef keessatti argama.

Yaa'isaa hundeeffama motummaa federaalaa haaraan dura kan gaggeeffate IZEMAn Paartii Badhaadhiinaa waliin hojjachuuf gaaffii dhiyaachuufii kan ibse yoo ta'u, kanas irratti mari'achuun fudhachuu himeera.

Kanaanis tarii dura taa'aa paartiichaa dabalatee aanga'oonni siyaasaa paartichaa tokko tokkoo aanga'oota motummaa federaalaa garaa garaaf akka muudaman eegama.

Haaluma walfakkaatunis, kanneen dhunfaan dorgomuun filataman keessaas kaabinee mootummaa federaalaafi aangoowwan biraatiif ramadamuf carraa jiraachutu himama.

Egaan kun hundi kan raawwatamu erga miseesnoonni paarilaamaa walgahuun Ministira Mummee ragaasisuun ministiroota waajjiraalee garaa garaa hogganan ragaasifamanii booda. Ittaansees Ministirri Mummee haala amma biyyattiin keessatti argamtuufi hojjiiwwan ijoo waggoota shanan dhufan raawwataman ilaalchisuun haasaa ni taasisu.

Bulchiinsi federaalaa har'a hundeeffamus sirna kanaan dura tureen adda ta'e akka qabaatu himamaa jira.

Haaluma kanaanis erga MM mana marichaatiin filatamu haasaa taasisuun walga'iin paarlaamaatti taasifamu xumurameen booda, muudamni ministirootaafi kaabinee ministirootaa muudamaniin booda, qophiin biraa addabaabaayii Masiqalaatti akka jiraatu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaa jiru.

Kanaan walqabatees, sirna hundeeffama mootummaa haaraa kanarratti hirmaachuuf jecha aanga'ooni olaanaafi dureewwan biyya alaa Dilbatarraa kaasee Finfinnee galaa jiraachu himamaa jira.