Haleellaa Kaappital: Kongirasiin US Joo Baayidan pirezedaantii kan itti aanu ta'uu raggaasise

Kongirasiin US Joo Baayidan kan filannoo pirezedaantummaa Sadaasa darbe mo'ate pirezedaantii biyyattii kan itti aanu ta'uu seeraan raggaasise.

Amma Joo Baayidan pirezedaantii Ameerikaa 46ffaa ta'uun isaa mirkanaa'eera. Haaluma kanaan Joo Baayidan Pirezedaantii, Kaamaalaa Hariis ammoo Pirezedaantii Itti-aantuu US ta'uu isaanii Kongireesichi raggaasiseera.

Sagaleen elektoraal kan mirkanaa'an erga Seeneetiiniifi Bakka Bu'uunni Mana Maree mormii filannoo kutaawwan Pensilveeniyaafi Arizoonaa kuffiisanii boodadha.

Marii idileen Kongiresiin Roobii gaggeessaa ture hokkara deeggartoonni Donaald Tiraamp gamoo Kaappitaal Hiil cabsanii seenuun raawwataniin addaan cite ture.

Haata'u malee, mareen addaan cite ture erga mormitoonni gamoo keessaa baafamanii itti fufuudhaan mo'achuu Baayidan mirkaneesseera.

Hokkara deeggartoonni Doonaald Tiraamp Waashingiteenitti uumaniin walqabatee qalbii addunyaa hawwachuu itti fufeera.

Aanga'oonni biyyooa addunyaa tokko tokkos yaada isaanii kennaniiru.

Ministirri Muummee Indiyaa Naarendraa Moodii akkas jedhan: "Oduu waa'ee jeequmsaafi hokkara Waashingiteenitti dhalate dhaga'uukootti nan gadda. Aangoo karaa nagaa walitti dabarsuun itti fufuu qaba."

Bulchituun Niiwuu Ziilaan Jasiindaa Ardeen tiwiitara isheerratti, "dimokiraasiin - mirgi filachuu namootaa, akka sagaleen isaanii dhaga'amu gochuufi murteen naga qabeessa ta'e akka taasifamuuf fedhuun - hokkaraan duuba deebiyuu hin qabu."

Ministirri Dhimma Alaa Jarman Hayikoo Maas ammoo deeggartoonni Tiraamp " dimokiraasii lafa godhanii irra deemuu dhaabaa," jedhan.

"Diinonni dimokiraasii suura taatee kana fakkaatu Waashingiteen DC irraa yeroo argan ni gammadu. Jechoonni kotaasisoo ammoo gara gocha hokkaraatti jijjiirama."

Joo Baayden eenyu?

Jooseef Robinette Baayidan Jr bara 1942tti Sikranton, Peensilveeniyaa keessatti dhalate.

Maatii lammii Ameerikaafi Ayerlaandi ta'anii amanii Kaatolikii keessatti ijoollee afur keessa isa hangafaadha.

Yeroo mana baruumsa sadaarkaa lammaffaa keessa turetti Joo Baayidan rakkoo haasaa qaba ykn giingee ture.

Giingummaa isaa injifachuufis batii hedduuf daawwitii fuldura dhaabbatee haasaa shakaalaa turee milkaa'eera.

Joo Baayidan Yunivarsitii Delawaariitti erga baraate booda Yunivarsitii Saayrakuusitti barnoota seeraa barachaa ture.

Boodarra haadha warraa isaa jalqabaa Neeyilaa waliin bultoo dhaabbatee Wilmington keessatti hojii siyaasaa isaa eegale.

Joo Baayidan bara 1972tti seeneetii US ta'uuf filatamuun yeroo aangoo isaa qabachuuf eegutti gaddi mana isaa seene.

Haatii warraa isaafi daa'imni isaa dubaraa Nawoomii balaa konkolaataan lubbuun isaanii darbe. Ilmaan isaa Bewuu fi Hunter ammoo hedduu miidhamanii ture.

Baaydeen seenetera paartii Dimokraatawaa ta'uun aangoo isaaf yeroo muudametti waada kan seene hospitaalaa keessa ijjoollee isaa lamaan bira ta'eeti.

Jalqaba filannoo pirezdaantummaaf kan dorgome bara 1988tti ta'us himannaa haasaa hogganaan Paartii Dafqaan Bultootaa Biritsih, Niyeel Kinook taasise fudhate jedhamuun irratti dhiyaate amanuun filannichaa keessa baa'eera.

Du'aa hadha warraa isaafi intalaa isaa boodaa Waashingitan keessa jiraachaa jireenya isaa sireeffatee ilmaan isaa lamaan guddisaa ture. Boodara baarsiistuu Jiil Jeekobs jedhamtuu waliin bultoo dhaabbachuun, intala Ashleey jedhamtu argataniiru.

Bara 2008tti paartii Diimokraatii keessatti filannoof dorgomuuf seenuun boodarra dhiisee Obamaa waliin filannoo irratti hirmaate.

Hagayya 23, 2008tti Obaamaan filannoo irratti Joo Baayden akka itti aanaa pireezdaantii isaa ta'ee akka dorgomu beeksise.

Filannoo kanas lamaan isaanii waliin ta'uun injifatanii marsaa lamaaf tajaajilaniiru. Bara 2015tti ilmi isaa Bewuu kansarii sammuun hubamee ganna 46tti lubbuun isaa darbe.

Kadhimaamtonni filannoo US 2020 Doonaald Tiraamp ,ganna 74 fi morkaataan isaa Dimookraatiikii Joo Baayden, ganna 77 dha.