Ugaandaa: Museveeniin miseensota paarlaamaa maqaa koronaavaayirasiin maallaqa ofiif ramadanitti dheekkaman

Paarlaamaa Yugaandaa

Madda suuraa, AFP

Pirezidaantiin Yugaandaa Yuweerii Museveenii miseensota paarlaamaa duula farra koronaavaayirasii gaggeessina jechuun doolaara miiliyoona 2.6 ofiif ramadanitti dheekkaman.

Miseensonni paarlaamaa maallaqa kana kan ofiif ramadaniif hawaasa bakka bu'an itti dhiyeenyaan gargaaruuf jedhaniiti.

Pirezidanti Museveeniin garuu koreen hojii duula farra koronaavaayirasiif hundaa'e osoo jiruu miseensonni paarlaamaa maallaqa hanga kana ofiif ramaduun qaanii guddaadha jedhan.

Torbee darbe paartii mormituu keessaa miseensa paarlaamaa kan ta'e Firaansiis Zaak maallaqa ofiif ramadee hawaasa bakka bu'eef meeshaalee garaagaraa waan dhiyeesseef hidhamee ture.

Mormitoota qofa osoo hin taane miseensota biroos adabbii walfakkaataatu eeggata jedhan Pirezidaanti Museveeniin.

Yugaandaa keessatti namoonni 79 koronaavaayirasiin kan qabaman yoo ta'u biyyattiin hanga Caamsaa 05, 2020tti sochii uummataa uggurtee jirti.

Maalaawwiin harka qalleeyyii gargaaraa jirti

Madda suuraa, AFP

Maalaawwiin ammoo gamasheetiin namoota harka qalleeyyii ta'an maallaqaan deggeruu eegalteetti.

Pirezidaantiin biyyattii Peter Mutharika namoonni kutaa biyyattii koronaavaayirasiin garmalee miidhaman keessa jiraatan maallaqaan akka deggeramaniif ajaja dabarsaniiru.

Haala kanaan tokkoon tokkoon lammiilee kunneeniif ji'aan maallaqi biyyattii kuwaachaan 30,000($47) ni galaaf jechuudha.

Akka pirezidaantichi jedhanitti sagantaa kanaan namoonni miiliyoona tokko ta'an kan deggeraman ta'a.

Biyyi baay'ina uummataa miiliyoona 18 qabdu maalaawwiin,hanga ammaatti lammiileenshee 36 koronaavaayirasiin qabamaniiru.

Buufata boba'aa Naayijeeriyaa

Madda suuraa, AFP

Naayijeeriyaaf Fundiin Maallaqaa Idil-Addunyaa doolaara Ameerikaa biiliyoona 3.4 deggersaan kenneef.

Erga weerara koronaavaayirasii utubaa diinagdee Naayijeeriyaa kan ta'e boba'aan oomishi isaa garmalee hir'ateera.

Afriikaa keesaa weerara Koronaavaayirasii ittisuuf Fundii Maallaqaa Idil-Addunyaarraa maallaqa guddaa argachuudhaan Naayijeeriyaan kan jalqabaati.