Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Kan kanaan dura guyyaa alaabaa fakkaatu barana mallattoo Fannoon Gooftaa ta'eera' Abbaa G/maariyaam Nagaasaa
Manni amantiis ta'e amantiin kamuu alaabaafi ergama paartilee siyaasaa ta'uu akka hin qabne barnoonni amantii hunduu ni ajaja. Garuu Manni Amantii Ortodoksii Itoophiyaa yeroo hedduu alaabaa halluu magariisa, keelloofi diimaa ofirraa qabuun haguugamuudhaan beekamti.
Keessattuu wayita ayyaanaafaa bakkeen hundi alaabaa kanaan uwwifamee oola, kanaanis amantiin ortodoksii wayita qeeqamu argina.
Ayyaana Cuuphaa bara kanaarratti garuu haalonni waan jijjiiraman fakkaatu.
Keessattuu naannolee Oromiyaa magaalota adda addaa keessatti bakkeewwan taaboti itti ba'uu fi manneen amantii akka kanaan duraa alaabaa magariisa, keelloo fi diimaadhaan uwwifamee osoo hin taane halluu adii qofaan faayamanii mul'atu.
Uummannis kumaa kitilaan uffata aadaasaatiin faayamee ayyaanicha wayita kabaju mul'ata.
Ayyaanaa Cuuphaa baranaa maaltu adda godha?
Ayyaanni Cuuphaa galmee UNESCO irratti galmaa'uu fi guyyaa ayyaanaa alaabaa bakka hundatti fannisuun hafuunsaa ayyaana baranaa adda godha jedhan Miseensi Koree Mana Lubummaa Oromiyaa Malaa'ika Gannat Qomoos Abbaa Gabramaariyaam Nagaasaa.
''Ayyaanni Cuuphaa kanaan dura akka amantii Amaaraa qofatti ilaalamaa ture. Amma kan Itoophiyaa maraa, darbees ammoo qabeenya addunyaa ta'eera.
Kanaan dura qaama muraasatu dhuunfatee harkaa qaba ture. Bara kana UNESCO irratti galmaa'uu isaatiin garuu qabeenya hunda keenya ta'eera. Inumaa darbee galii tuurizimii nuuf argamsiisuurra ga'eera. Kun adda isa taasisa.''
'Kanaan dura guyyaa alaabaa fakkaata, amma garuu mallattoon 'Fannoo gooftaa' qofa ta'eera'
Manni amantii alaabaa kamirraayyuu bilisa ta'uu qaba kan jedhan Qomoos Abbaa Gabramaariyaam Nagaasaa manni amantii ortodoksii garuu alaabaa halluu magariisa, keelloofi diiimaatiin uwwifamuunshee dogoggora jedhan.
''Manni amantii akka waan mallattoo hin qabnee alaabaa mallattoo godhachuun sirrii miti. Mallattoon keenya 'fannoo gooftaa' keenyaati.
Kanaan dura wayita ayyaanni cuuphaa kabajamu guyyaa alaabaa fakkaata.
Bara kana garuu qabsoo taasifneen alaabaa hambisneerra, Keessattuu naannoo Oromiyaa keessatti.''
Manni amantii ergamni ishee amantii qofa ta'uu qaba kan jedhan Qomoos Abbaa Gabramaariyaam Nagaasaa,''Ergaa waaqaa dhiisnee kan paartii siyaasaa dabarsina yoo ta'e waaqa tuffachuu ta'a.
Mallattoo amantii keenyaa kan ta'e fannoo gooftaa keenaa dhiisnee alaabaa fannisna yoo ta'a waaqarra alaabaa caalchisaa jirra jechuudha.
Kun alaabaatti amanuu jechuudha. Kanaafuu, bara kana isa kana hambisuun nuuf milkaa'ina guddaadha'' jedhan.
'Oromoon bataskaana keessatti aadaasaan faayamee argameera'
Ummanni Oromoo saba guddaa aadaa, seenaafi afaan mataasaa qabu waan ta'eef kun hundi kabajameefii amantiisaa akka hordofuuf Koreen Mana Lubummaa Oromiyaa qabsaa'aa ture kan jedhan Qomoos Abbaa Gabramaariyaam Nagaasaa ayyaana cuuphaa baranaarratti isa kana arguu keenyatti guddaa gammadne jedhan.
"Oromoon amantii Ortodoksii hordofuu qaba, bataskaana keessatti argamuu qaba wayita jennu qullaa dhaabbachuu qaba jechuu miti.
Aadaa, seenaafi afaansaatiin boonee argamuu qaba. Akkuma gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos aadaa uffannaa fi afaan saba Israa'el keessatti barsiisaa ture sabni keenyas aadaa isaa gonfatee amantiisaa hordofuu qaba. Kun milkaa'ina bara kana arganneedha."
Gaaffiin Koree Mana Lubummaa Oromiyaatiin waggoota 16n darbaniif gaafatamaa tures kanuma kan jedhan Qomoos Abbaa Gabramaariyaam, "Dhugaan jiru amma waan mul'ateef Sinoodosiin Itoophiyaallee nu dura dhaabbachuu dhiiseera.
Kanaan dura akka waan nuti Naanoo Oromiyaa qabannee addatti fottoquuf socho'aa turreetti nu fudhatan. Kaayyoon keenya qabatamaan hojiidhaan wayita mul'achuu eegalu garuu nu deggeruu eegalaniiru," jedhan.
Oromoon mana amantiisaa deemuun iddoo itti qaana'uufi tuffatamu osoo hin taane iddoo itti ofitti boonee nama ofitti boonuun tajaajilamu akka ta'u gooneerra jedhan.
'Oromoon saba guddadha. Yeroo dheeraaf mataa gadi qabatee waaqeffateera. Ofitti qaana'ee of dhosseera. Amma aadaasaan boonee dhaqee waaqeffata.
Nama aadaa isaan boonutu isa tajaajila. Cuuphaa baranaarratti aadaa keenya keessa taanee uummata tajaajilleerra.'' jechuun gammachuu qaban ibsu Malaa'ika Gannat Qomoos Abbaa Gabramaariyaam Nagaasaa.