Itoophiyaa: Daa'imni kudhaama mormaa waliin ni dhalachuu dandeessii?

Gabaasa Amhara Mass Media'n baaseen, Bulchiinsa Hawaasa Awwii, aanaa Daangilaatti, buufata fayyaa Abbaa Daraatti daa'imni mormasheerraa mallattoo addaa 'waan kudhaama fakkaatu' qabdu dhalachuushee himeera.

Gabaasichi 'daa'imni gaafa Onkololeessa 27 dhalatte kuni mallattoo kudhaamaa hordoftoonni amantii Kiristaanaa mormatti keewwattee dhalatte jechuun haati nutti himte' jedha.

Miiidiyaaa hawaasummarrati dhimmi kun dubbii ijoo namoonni irratti haasa'anii fi falmanis tahee jira.

Dhugumaan daa'imni kudhaama waliin ni dhalatti?

Yuunivarsiitii Madda Walaabuu, Hospitaala Riifaraalaa Gobbaa kan hojjetan Doktar Ol'aanaa Waaqwayyaa, afaan saayinsiitiin yeroo hiddi handhuura daa'imaa (umbilical cord) yeroo morma daa'imaatti maramu 'nachul cord' jedhama jedha.

Kan naannoo Amaaraatti ta'e kun hiddi handhuuraa mormatti maramuu ta'uu fi dhiisuun hin baramne.

Hiddi handhuuraa daa'imaa (umbilical cord) kuni ujummoo nyaatni haadharraa daa'imatti darbu yoo sababii sochii daa'imaatiin ala lama sadii morma daa'imaatti maramuu ni danda'a.

Haa ta'u malee kan miidiyaa hawaasumma irratti argine al tokko qofaa kan maramedha jedhan.

Taateen hiddi handhuuraa mormatti maramuun gadameessa keessattiifi adeemsa ciniinsuu irratti kan daa'ima ajjeesuu danda'udha jedha doktar Ol'aanaan.

Nagaatiin kan dhalachuu danda'anis yoo ogeessi fayyaa harka galchee yoo isa mormatti marame baase qofadha jedhu.

Haa ta'u malee daa'imni osoo hiddi handhuuraa mormatti marame irraa osoo hin bahiin dhalachuun, carraa baayyee xiqqoo ta'e yoo taheyyuu, daa'imni nagaan dhalachuu ni malu jedheera.

Erga dhalatee boodas akkuma daa'ima kaani handhuurri irraa citee guduunfamuun kunuunsi barbaachisu kennamnaafin waanti yaaddessu hin jiru takka dhalannaan.

Hiddi handhuuraa kun gadameessa keessatti handhuuraa hanga mormatti maramutti walqabataadha. Mormaaf handhuuratti gargar citee daa'imni jiraachuu hin danda'u jedha Dr Ol'aanaan.

Erga dhalatee booda daa'imni gaafa handhuuramu irraa citeetu mormarratti hafuu garuu ni danda'a jedheera.

Hiddi handhuuraa kun yeroo baayyee halluu dhiigaa kan ujummoo dhiigaa 'veenii' akka gurraachaa, kan 'artarii' immoo diimaa waan taheef, erga gadameessa keessaa baheen booda, halluu wal-makaa qabaachuu ni danda'a jedheera.

Akka qorannoon 2018'tti Ameerikaatti taasifame agarsiisutti, daa'imman hidda handhuuraa isa mormatti maramu waliin dhalatan harka 12 ni ta'u.

Ulfi harka 20-30 ta'anis daa'imti isaanii waanta akkasii qabaachuu danda'u.

Yeroo baayyee kan dhalatan kan al tokko qofa itti marame yoo ta'an, daa'imni gadameessa keessa ta'ee geejibni dhiigaa yoo dhaabbate daa'imni du'uu danda'a.

Kanaan alatti garuu ijoollee nagumaan dhalatan, yeroo baayyee garuu hakiimni isa mormarra jiru akkuma mataan mucaa gadameessa keessaa baheen irraa baasuu ni danda'a jedha.