Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministeera Naga: Buqqaatonni miliyoona 1.2 qe'eetti deebi'an
Namoonni sababii walitti bu'insaafi rakkoo nageenyaan buqqa'anii turan miliyoona 1.2 ta'an qe'ee isaaniitti deebi'aniiru jedhan Ministeerri Nagaa Itoophiyaa Aadde Mufariyaat Kaamil.
Aadde Mufariyaat, MM Abiy Ahimad fi aanga'oota ol-aanoo naannolee Oromiyaafi Uummatoota Kibbaa waliin buqqaatota Gujii Lixaa aanaa Qarcaatti dhiyeenya gara qe'ee isaaniitti deebi'an erga daawwatanii booda ture kan kana dubbatan.
Bakka bu'oonni buqqaatota Gujii fi Gede'oo tokkummaa qaban ibsanii, rakkoo meeshaa jireenyaaf isaan barbaachisu isaan mudate kaasaniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PhD) tokkummaa isaanii akka cimsataniif jajjabeessanii, hir'ina jiru ammoo mootummaan akka guutuuf himuu isaanii Waajirri Ministeera Muummichaa ibseera.
Jilli Ministiri Muummeen durfamee hawaasa kana daawwates meeshaa ijaarsa manaa dhiyeeseeraaf.
Biyyuma ofii keessatti namoota qe'ee isaaniirraa buqqa'aniin Itoophiyaan Afrikaa irraa adda duree akka taate, dhaabbanni lammiilee biyyasaanii keessattii qe'eerraa buqqifaman duuka bu'ee gabaasu IDMC jedhamu gabaasa ji'a kana baaseen agarsiseera.
Namoota qe'eesaniirraa buqqa'an keessaa garri caalaan walitti bu'iinsa sabummaa bu'uura godhatee uumamuuni jedha gabaasichi.
Tattaaffii mootumman nagaaf tasgabbii busuuf hojjechaa jiruun maatiin qe'ee isaniitti deebi'aa kan jiran ta'us manneen isaanii barbada'uufi ammallee bakka deebi'anitti nagaan amansiisaan dhibuun rakkoo ta'uu gabaasichi ereera.
Jaarmiyaan 'Refugees International' jedhamu torbeewwan muraasan dura gabaasa baaseen mootummaan namoota qe'eefi qabeenya isaaniirraa buqqa'an fedhii malee dirqisiisee deebisaa jira komii jedhu dhiyeessee ture.
Aanga'oonni mootummaa garuu namoonni qe'ee isaaniitti deebi'an fedha guutuun ta'uufi haalli itti deebi'anis ulaagaa idil-addunyaa bu'uura godhachuun ta'uu himu.