Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministirri Dhimma Alaa duraanii Somaaliyaa dhukaasa boombiin ajjeefaman
Ministeerri Dhimma Alaa Somaalee duraanii, Huseen Elabee Faahiyee, namoota dhukaasaa boombii magaalaa Moqadishootti qaqqabeen du'an shan keessaa tokko ta'uu ministeerri odeeffannoo biyyattii gabaaseera.
Obbo Faahiyeee ministera dhimma alaa ta'anii kan hojjetan yeroo Mohaammad Geheediin bara 2007'tti ministira muummee biyyattii turanidha.
Dhukaasni boombii isaan galaafate kun konkolaataa aanga'ootaafi miseensota seera baastotaa gara masaraa pirezedaantii geessaa jiru irratti kan dhohe ta'uu AFP'n gabaaseera.
Akka maddi oduu kun kan qondaalli poolisii fuula Tiwiiitera isaarratti baase waabeffachuun dubbatutti, poolisoonni "konkolaataa meeshaa dhohu fe'atee buufata poolisii irratti dhoosuudhaaf karoorfate," dhaabsisaniiru.
Dhukaasa boombii qaqqabe sanaan ammoo konkolaatonni hedduun gubataniiru. Suurri Moqaadishoo irraa argame akka agarsiisutti bakka dhohinsi itti qaqqabe kanarraa haaraa guddaatu uumamee ture.
Loltoonni al-Shabaab garee Al-Qaeda waliin hidhata qaban mormii mootummaa qabaniif yeroo hedduu Moqaadishotti haleellaa gaggeessu.
Gareen kun bara 2011 magaalattii keessaa ari'amanis biyyattii bakka bal'aa garuu to'atanii jiru.