Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Moqaadishoo: Guyyaa yaadannoo haleellichaatti himatamaan du'an adabame
Namichi balaa boombii seenaa Somaaliyaa keessatti isa hammaataa ta'e duuba jira jedhamee himatame guyyaa yaadannoo balichaa waggaa tokkooffaarratti du'aan adabame.
Hasan Adaan Isaak konkolaattota balaa kana geessisuuf qophaa'an keessaa isa tokko kan ta'eefi magaalaa Moqaadishoo keessatti konkolaachisaa ture jechuun manni murtii ibseera.
Namoonni 600 ta'an wayita konkolaataan wantoota dhohaniin guute naannoo sochiin itti heddumaatutti dhohu lubbuu isaanii dhabaniiru.
Bakka balaan sun gahettis sirni yaadannoo guyyaa kaleessaa gaggeefameera.
Moggaasni ''14 October junction'' jedhus guyyicha yaadachuuf moggaafameera.
Qaamni badii kanaaf itti gaafatamummaa fudhate jiraachuu baatullee, gareen Alshabaab balaa kana geessisuu akka hin oollee wantootni akeekan jiru.
Sanbata duraa magaala Baayidawaatti haleellaa boombii lubbuu namoota 20 galaafate Alshabaab anatu raawwate jedheera.
Oduu biroon balali'iinsi xayyaaraa kan daldalaa waggoota 41 tokko booda kan jalqabaa ta'e Finfinnee fi Moqaadishoo gidduutti raawwateera.
Xayyaarri dhuunfaa daandii xiyyaaraa biyyoolessaa Itoophiyaa Finfinnee ka'ee buufata xayyaaraa Adeen Aaddee Sanbata darbe qubateera.
Karoora torbanitti si'a afur balali'uuf qabame keessaa kun isa jalqabaati.
Kunis hariiroon biyyoota ollaa lameenii fooyya'aa dhufuu isaaf agarsiistuuwwan dhiheenya kana mula'ataa jiran keessaa tokko.