Obbo Abdi Mohaammad Umar irratti qorannoon dabalataa eeyyamame

Obbo Abdi Mohaammad Umar irratti qorannoon dabalataa eeyyamame

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa yeroo qorannoo dabalataa Pirezidantii duraanii Naannoo Somaalee irratti eeyyame.

Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti, Obbo Abdii dabalatee shakkamtoota afur irratti manni murtii poolisiif yeroo dabalataa guyyoota 10 eeyyameera.

Qorataan poolisii federaalaa mana murtiitti akka ibsetti ragaan namoota du'an 18 fi namoota miidhaan irra gahe 438 akkasumas meeshaa waraanaa 9 to'annoo jala oolchuu isaa dhaddachaaf ibseera.