Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Raashiyaa - Yukireen: Maakroon ''Raashiyaa hin salphisiinaa'' jechuun Yukireeniin aarse
Ministirri Dhimma Alaa Yukireen erga Pirezidantiin Faransaayi Emaanu'el Maakroon Raashiyaan weerara raawwatteef salphifamu hin qabdu jechuu hordofee, deebii kennaniiru.
Maakroon Pirezidantii Vilaadmiir Putiin ''dogongora cimaa'' kan jedheen keessaa karaa bahuun qabaachuun murteessaadha jedhaniiru.
Garuu Dimitiroo Kulebaa Raashiyaan ''ofumaa of salphiste'' jechuun michoonni bakka isheef malu kaa'uu qabu jedhan.
Maakiroon kana dura waraana dhaabsisuufi mariin nagaa akka gaggeeffamu walitti fiduuf yeroo garaa garaatti Putiin waliin bilbilaan mari'atanii ture.
Faransaayi faallaa US fi UK, Raashiyaa waliin mariicha itti fufuuf yaalii taasisaa jirti.
Ministirri Dhimma Alaa Yukireen Kulebaa toora tiwitara isaanii irratti akka jedhanitti, ''Raashiyaa salphisuu akka dhaabaniif waamicha taasisuun Faransaayiifi biyyoota biraa waamicha walfakkaatu taasisan salphisa'' jedhan.
Yukireen Raashiyaan daangaa hiratu omaatuu Yukireen irraa argachu hinqabdu jetti. Weerarri Raashiyaa Yukireenirratti taasifte biyyoota addunyaatiin balaaleeffatameera.
Kana duras Maakiroon miidiyaalee biyya keessaatiin hogganaan Raashiyaa ''qofaa of baaseera'' jedhanii turan.
''Akkan yaaduuttii fi akkan itti himeetti, innis dogongora seenaa fi cimaa ummataaf, ofii isaatiifi seenaa keessatti turu raawwateera'' jechuun dubbatan.
"Nama tokko adda baasuun waan tokko, garuu sana keessaa deebisanii bahuun daandii gara biraati'' jedhan.
Ministirri Mummee Xaaliyaanii Maari'o Diraagi Maakroon waliin hiriiruun Awurooppaan ''mariiwwan amanamo ta'an muraasa'' barbaaddi yaada jedhu akeekaniiru.
Waraanaa cimaa Severodonesk keessaa
Magaalaan baha Yukireen Severodonetsk amma adda waraanaa lolli cimaan itti gaggeeffamaa jiru taatee jirti.
Loltoonni Yukireenis taankiiwwan, haleellaawwan qilleensaa Raashiyaan raawwataa jirtu dura cimsanii dhaabbataa jiru.
Magaalattii to'achuun humnootii Raashiyaatiifi michootasaanii foxxooqsitoota naannichaatiif akka naannoo Luhansk qabatan kan dandeessisu ta'a.
Foxxoqsitoonni naannichaa eddoowwan bulchiinsa Doneesk keessaa hedduu to'ataniiru.
Bulchaan naannichaa Yukireen Serhiy Haa'ida'i humnootiin isaanii harka shantama Severodonesk deebisanii to'achuufi akka itti fufan himan.
''Meeshaalee waraanaa fageenya dheeraa gahaa Lixa irraa akkuma arganneen, bakka qabannee jirruu irraa haleellaawwan isaanii ofirraa deebisuu dandeenya. Achiinis, loltoonni Raashiyaa akka baqatan amana,'' jedhe.
Ameerikaan sirnawwan rookkeettii dheerina fagootti dhukaafamaniin akka Raashiyaa of irraa ittisaniif Yukireeniif kennuuf karoorfachuunshee ni yaadatama. Akkasumas UKnis baatiirii rookeettii hedduu ergiteef.
Severodonesk dhaabbata kemikaalaa guddaa qabdi. Isaaniis xaa'ootu ittiin oomishama. Magaalaan Lysychansk ammoo magaalaa Yukireen lammaffaa boba'aan keessatti qulqullaa'dha.
Kanaafuu maagaaloonni lamaanuu qabachuun Raashiyaadhaaf baay'ee murteessaa ta'a.
Waraanni naannichatti gaggeeffamaa jiruun magaalaa Severodonesk irra jiraa kan barbadeessee yoo ta'u, garuu ammoo lammiileen nagaa kumaatamaan lakkaa'aman ammalleen lafa jalatti dahatanii jiru.
Bulchaan magaalittii Ha'idaa'i akka jedhaniitti humnootiin Raashiyaa Yukireen akka loltoota isheetiif meeshaa hin dhiyeessineefi deeggarsa namoota nagaan hin geenyee dhorkuuf jecha riqicha lagarraa rukutte.
Taateewwan biraatiin ammoo:
- Waraanni Raashiyaa xiyyaara waraanaa Yukireen meeshaalee waraanaa fe'ee deemaa ture dhiheenya buufata Odeesaa Galaan Gurraachaatti rukutu beeksiise.
- Raashiyaan ammalleen haleellaa qilleensaan buufata magaalaa Mykolaiv kan dhiheenya Odesaatti argamtuu rukutuu itti fuftee jirti.
- Bulchiinsa Doneesk keessatti ammoo Gadaamii Sviatohirsk Laavraatti bataskaana mukaan ijaarame irra jireessi isaa ibiddaan barbadaa'eera. Kanaafis Yukireen haleellaa qilleensaa Raashiyaa yoo himattu, Raashiyaan ammoo haaluun loltootuma Yukireen balaaleeffate.