Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Raashiyaa - Yukireen: Taateewwan gurguddoo waraana guyyoota 100 guute
Har'a erga waraanni Raashiyaafi Yukireen kan addunyaa mara raase eegalee kunoo guyyoota 100 lakkoofsiseera.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii ragaa gaafa Kamisaa baasen, hanga yoonaa waraana kanaan namoonni 4,169 du'uu ibseera. Ta'us, kana caaluu akka danda'u amanama.
Pirezidantiin Yukireen guyyaa 100ffaa waraanni itti eegale sababeeffachuun ergaa dabarsaniin injifannoon keenya taati jedhaniiru.
Raashinaan gama ishiitin galma waraana kanaa muraasa akka galmeessiteefi galma ishee hanga milkeessituutti akka abdii hin kutanne ibsite.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) immoo waraana kana keessatti qaamni injifatu hin jiru jechuun ibse.
''Waraanni kunis ta'e waraanni kamuu injifataa hin qabu. Guyyoota 100 keessatti lubbuu darbe, manneen diigaman, hojii dhabamee ragaa bane,'' jedhan UN'tti qindeessaan Yukireen Amiin Awaad.
Daarektar Janaraalli Koree Fannoo diimaa Addunyaa Roobert Maardiinii ammoo miidhaa waraanni kun qaqqabsiise ibsuufillee ulfaataadha jedhan.
''Manneen jireenyaafi barnootaa, hospitaalonni manca'anii lammiileen nagaa gidiraa hamaa keessa darbuuf dirqamaniiru; lubbuun hedduus bade maatiin hedduus gargara hafaniiru," jedhan.
Gama kaaniin, Raashiyaan bulchiinsa Donbaasitti Yukireen irratti milkaa'aa jiraachuu Ministirri Ittisaa UK hime. Ta'us, dirree waraanaa kaanitti Raashiyaan milkaa'aa hin jirtu jedhe.
Dura Taa'aan Gamtaa Afrikaafi Pirezidantiin Senegaal Maaki Saal waraana kanaan dhiheessii midhaanii Afrikaarratti rakkoon akka qunname Pirezidantii Raashiyaa hubachiisaniiru.
Zeleniskiin maal jedhan?
Guyyaa 100ffaa waraanni itti eegale sababeeffachuun ergaa viidiyoon dabarsaniin akkana jedhan.
"Mo'ichi kan keenyadha. Humnoonni Yukireen hidhatan asuma keessa jiru. Ummanni biyya keenyaas asuma keessa jira. Kunoo Yukireen irraa diina qolachaa guyyoota 100 lakkoofsifneerra.
''Ammas irra deebiyeen jedha, mo'ichi kanuma keenyadha! Galanni Yukireeniif'' jedhan.
Zeleniskiifi gareen isaanii waajjira pirezidantii Yukireen gidduu magaalaa Kiyeev jiru fuuldura dhaabataniiti ergaa kana kan dabarsani.
Zeleniskiin waraanni kun jalqabamee guyyaa lamaffaa gaafa Guraandhala 25 bakkuma walfakkaataa dhaabatanii ''nuti harka hin kenninu diina keenya dura dhaabbanna malee'' jechuun dubbatanii turan.
Yeroo sanatti akka biyya gadi dhiisanii of baraaraniif biyyoonni warra Lixaa waamicha taasisaniifii turan. Isaan garuu, "Ani meeshaa waraanaan barbaada malee karaafi lafa itti baqatan miti,'' jedhanii turan.
Har'as, guyyoota 100 booda Zeleniskiin achuma jiru, waraannis itti fufeera.
Raashiyaa maaltu jira?
Dubbii Himaan Pirezidantii Raashiyaa Dimitirii Peskoov galmawwan Raashiyaa ijoo Raashiyaa keessaa tokko ummata Doneeskiifi Luhaansk jiran eeguu ta'u ibsaniiru.
''Eegumsa isaanii mirkaneesuuf tarkaanfiin fudhatameera. Bu'aan murtaa'aa argameera,'' jedhan.
Bakkeewwan hedduu waraana Yukireenirraa waan bilisa ta'aniif ummanni jireenya idileetti deebi'uu danda'a jedhan.
''Yaaliin kuni hanga galmi hunduu oppireeshinii waraanaa adda ta'en milkaa'uutti itti fufa,'' jedhan.
Raashiyaan yeroo ammaa gara Baha Yukireen irratti xiyyeeffachuun cimsitee haleelaa jirti.
Baqattoonni deebi'aa jiru
Lammileen Yuukireen akkuma waraanni kun jalqabeen biyyaa baqachaa turanis daa'ima waraannni jalqabee guyyaa lamaffaatti dhalatee baqatan dabalatee biyyatti deebiyaa jiru.
Garuu magaalaa waan hedduu keessaa barbadaa'eetti deebiyan.
Haati daa'ima guyyaa 100 Viktooriyaan Yuukireen maal fakkaatu keessatti daa'imni kee guddata laata jedhamtee gaafatamtee akkas jette:
''Biyyi keenya baay'ee gaariidha. Tarii garuu daa'imman keenya magaalaa bareedduu, karaa bareedaafi biyya bareedduu keessatti akka nuuf guddataniif gatii kaffaluu qabnu nu barbaada ta'a.
''Amma biyyatti deebineerra. Ummata biyya biyya koo kanaan galatoomaa jechaa ammas cimina Yukireen itti fufsiisaa jechuun barbaada,'' jette.
Xiinxalli UK maal jedhe?
Donbaas naannoo kibba-baha Yukireen kan argamu yoo ta'u bakka hidhattoonni Raashiyaa deeggaran waggoota saddeet darbaniif mootummaa Yukireen waraanaa turanidha.
Akka ibsa UK'tti, Raashiyaan naannoo Luhaanisk, walakkaa Donbaas jechuudha, keessaa 90% to'atteetti.
Akka kanaan itti fufnaan torban lama keessa guutummaatti akka to'achuu dandeessu tiksi UK ibseera.
Milkaa'inni kuni ''baasii olaanaan'' akka milkaa'e ibse. Taatullee, galmi waraanaa ijoo Raashiyaa tokkollee hin milkoofne jechuun hime. Raashiyaa kana ni mormiti.
Pireidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii akka jedhanitti waraani Raashiyaa daangaa Yukireen keessaa 20% to'ateera.
Gaafa Kamisaa Barreessaa Olaanaan Nato Jens Stoltenberg biyyoonni Lixaa waraana dheeratuuf Yukireen deeggaruuf akka qophaa'an gaafataniiru.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii lakkoofsa namoota du'an ibseen alatti 4,982 miidhamuu beeksise. Duuni kuni du'a daa'imman 67 dabalata.
Haa ta'u malee, lakkoofsi waliigalaa kana caaluu akka maluu danda'u ibse. Kunis, bakkeewwan ammallee lolli jirutti odeeffannoo namoota du'anii mirkaneessuu waan hin dandenyeefi.
Taateewwan gurguddoo erga waraanni eegale mudatan keessaa:
- Guraandhala 24: Raashiyaan waraana guutuu Yukireen irratti bante.
- Bitooteessa 30: Raashiyaan haleellaa Kiyiiv irratti raawwattu dhaabuu himtee xiyyeeffannaa gara baha Yukireeniitti taasifte.
- Ebla 13: Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan loltoonni Raashiyaa Yukireen keessatti duguggaa sanyii raawwataa jiru jechuun himatan.
- Ebla 21: Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin magaalaa buufata galaanaa Maariyupool 'bilisa baafamu' beeksisan.
- Caamsaa 9: Putiin guyyaa Injifannoo irratti Raashiyaan diddaaf akka qabsaa'an gaafachuun garuu waa'ee karoora Yukireen keessatti lola cimsu hin dubbanne.
- Caamsaa 18: Filaandiifi Siwiidiin weerara raashiyaatiin booda miseensummaa Nato'tti makamuuf iyyatan.
- Caamsaa 20: Raashiyaan buufata oomisha sibiilaa Maariyupool guutummaan to'achuu labsite.
- Caamsaa 26: Erga waraanichi eegalee namoonni miilyoona 14 ta'an Yukireen keessaa baqachu UN beeksise.