Hongee Booranaa: Qonnaan bultoonni Taltallee akka horiitti qotaa turan waanjoo/qambarrii lafa kaa'an maal jedhu?

Suuraa qonnaan bultootaa Ebla keessa akkaan qoodamee ture

Madda suuraa, Duba Burra

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa qonnaan bultootaa Ebla keessa akkaan qoodamee ture

Qonnaan bultoonni Godina Booranaa Aanaa Taltallee hongeen horii waan jalaa fixeef akka horii qambarrii mormarra ka'anii qotanii turan sangoota ittiin qotan isaaniif arjoomamu BBC'tti himan.

Aanichatti qonnaan bultoonni ganda Bilee Dandii osoo qotanii viidiyoon isaanii qoodame baatii Ebla keessa ijoo dubbii ta'ee ture.

Taatee rifaasisaa kana booda namoonni biyya keessaafi alaa gargaarsa isaaniif gochuuf sosso'aa turaniiru.

Hongeen waggoota 40 keessatti hamaadha jedhame biyyoota Gaanfa Afrikaa kanneen akka Itoophiyaa, Keeniyaafi Somaaliyaa hubeera.

Gabaasa UN Bitootessa keessa baasen, hongeen Oromiyaa fi Somaalee keessatti horii miiliyoona 1.5 fixee, uummata kuma 175 ol qe'eerraa buqqiseera.

Booranaan alatti Naannoo Somaalee, Gujii, Baalee, Affaariifi bakkeewwan Itoophiyaa biroos hongeen kuni hubeera.

Qonnaan bultoonni Taltallee kunneen sababa hongeen horiin waan jalaa dhumeef qotuuf akka dirqamuu himan.

''Amma erga sangaa arganne rakkoon hin jirtu,'' jedhan qonnaan bulaa Turaa Bobbaa kana dura ''namoota shan shaniin wal xamadnee akka qotiyyootti qotne," jechuun dubbatan kun.

Qonnaan bulaa biraa Kendee Boruullee ''Waan rakkoo bonaati lafa nu qochisiise'' jechuun dargaggoofi ijoollee waliin ta'un qotuu isaanii himan.

Qonnaan bultoonni akka horiitti qotuun isaanii erga ibsameen booda qondaaltonni aanichaa qonnaan bultoota 40 oliif lafa qochisiisuu isaanii ibsaniiru.

Kana dura Hogganaan Waajjira Qonnaa Aanaa Taltallee Obbo Biraanuu Amaaree aanichatti namoonni akka sangaatti gindii harkisuun dhugaa ta'uu mirkaneessaniiru.

Taatullee, garuu bal'inaan qonnaan bultoota danuu biratti waan raawwatame miti jedhan.

Akka qonnaan bultoonni kunneen jedhanitti qonnaan bultoota saddeet akkana qotaniif dabalatee qonnaan bultoonni kaan sangaa cimdii tokko tokko argataniiru.

Kanneen jiruu qonnaan bultoota kanaan gadduun gargaarsa godhan keessaa tokko immoo nama miidiyaa kan ta'e Abbaba Tolaa Fayyisaa kan Abbee Tokkichaaw jedhamuun beekamudha.

Waahila isaa kan ta'eefi gara Booranaa isa waliin imaluun gargaarsa kana kan kenne Gaazexeessaa Wubisheet Taayyee, ''Boo'un qofaa gatii hin qabu,'' jennee gargaarsa walitti qabuu eegalle jedhe.

Jibootii leenjisaa jirra

''Akka horiitti qotaa turre. Horiin nurraa dhumate, horii hin qabnu. Amma sangaa ya kennan. Cimdii tokko. Waamanii nu kennan malee eenyu akka ta'an hin beeknu. Garuu Finfinneerraa dhufan,'' jedhu Obbo Turaan.

Jiboota qonnaan bultootaaf kennaman

Madda suuraa, Kominikeeshinii Taltallee/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Jiboota qonnaan bultootaaf kennaman

Qonnaan bulaan kuni sababa hongeen sangaa afur dhabuu himan.

''Sababa bonaatiin sangaan dhumate. Maatiin kaanillee nubiraa dhumatti jennee walcamadnee qotne,'' jedhu abbaan ijoollee afurii waan keessa dabarsan yoo yaadatan.

Gaazexeessaa Aabbe Tokkichaaw maatii 29'f qotiyyoo 58 jechuunis qonnaan bulaa tokkoof qotiyyoo cimdii tokko gumaachuu hime.

Qarshii kana bituuf oolus hordoftoota miidiyaa isaa Yuutubirraa Haqqinnaa Saaq jedhamuun walitti qabuu BBC'tti dubbate.

''Booranni horiin beekamu horii dhabee namaan qotuun baay'ee gaddisiisa,'' jechuun qarshii walitti qabuu eegaluu hime.

Waahilli isaa Wubisheetis ''Yoo xiqqoomallee qotiyyoo sadii binne salphaa miti jennee haasofne. Qotiyyoo kudhan fudhannee deemnee nama kudhaniif kenninee deebina jennee turre.

''Hordoftoota Haaqqinnaa Saaq jedhamu yeroo haasofnu mee nuyis irratti hirmaachuu qabna jedhanii. Qotiyyoo kudhan miti qotiyyoo digdama haa ta'u osoo jedhanii jaatamaatti,'' ol guddate jedhe.

Qonnaan bultoonni hongeen itti hammaate gaafa roobni roobe lafa akka horii qotanirratti midhaan akka boqqolloofi misingaa facaasaniiru.

Qonnaan bultoota akka horii qotan dabalatee gargaarsa argataniiru

Madda suuraa, Kominikeeshinii Taltallee/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Qonnaan bultoota akka horii qotan dabalatee gargaarsa argataniiru

Sangaan argatan kan leenji'uu qaban akka ta'e himu Abba Turaan. ''Amma leenjisuutti jirra. Jibootiidha,'' jedhan.

Abba Kendeenis ‚''Hin leenjifne, lafallee hin qonne'' jechuun jibootii gumaachaan argatan leenjisaa akka jiran himan.

'Haati tokko na gaddisiisan'

Gaazexeessaa Abbabaa Tolaan kana dura Boorana dhaqee hin beeku. Taatullee, dhihoo deeggarsa kana kennuu yoo deemu lafti jiidhee waan tureef lafa hongeen hubellee hin fakkaatu jedha.

''Gargaarsi kun kutaalee Itoophiyaa garagaraa irraa walitti qabamuu isaanitti himne. Isaaniis kanaan guddoo gammadanii, nu simatani, nu galateeffataniiru,'' jechuun dubbate.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Hongee Baha Afrikaatti bineensota bosonaa fi loowwan galaafachaa jiru

''Keessattuu haala gaddisiisaa ta'en suuraan haadha tokkoo daa'ima dugdatti bataanii abbaan warraa isaanii immoo akkuma qotiyyootti wayita maarashaa harkisan kan mul'isu, haalaan qoodamee ture.

''Isaan qaamaan argannee maatii kanaafis qotiyyoo lama kennine. Maatii kanaan akkamiin haala akkanaan qotachuu murteessitanii jennee gaafannee turre.

''Isaaniis yoo xiqqaate roobni nuuf roobee otuu qotuu dandeenyu osoo qotuu dandeenyuu qotiyyoo dhabnuus beelaan hin duunu.

''Yaalaa, tattaafachaa hojjechaa duuna malee tasumaa harka hin kenninu jennee yaalutti kaane jedhanii nutti himan. Dhugumaan kuni baay'ee natti dhagahame. Wantan hin irraanfannedha,'' jechuun hime.