Chaaditti waldhabdee namoota lama jidduutti umamee hordofee namoonni 100 ajjeefaman

Kaaba Chaad bakka warqeen bifa aadaatiin itti baafamuutti waldhabdee namoota lama jidduutti mudate hordofuun kanneen 100 ta'an ajjeefamuufi hedduun madaa'uu mootummaan biyyattii beeksiise.

Waldhabdee namoota lama jidduutti umamee babalachuun 100 kan ta'an du'anii namoota 40 ta'an irra ammoo miidhaan qaamaa sadarkaa garaa garaa akka qaqabuuf ka'umsa ta'e.

Wal dhabdeen naannawaa lafa albuudi warqee baafamutti namoota jidduutti umamee to'annoon ala ta'un, du'aatiifi miidhaa kanaaf sababa ta'usaa ministirri Ittisaa Chaad Daawuud Yaayaa Biraahiim maadda oduu Faransaay kan ta'e AFPtti himaniiru.

Bakki walitti bu'insi kun itti umamees, gaara Chaadiifi Liibiyaa dangeessu Kutii Bugudii bakka jedhamutti kan argamu lafa albuudi warqee keessaa baafamuutti. Bakka kanatti guutuu Chaadiifi biyya ollaa irraa namooni karaa aadaatiin warqee baasan walitti qabamu.

Walitti bu'insi sukaneessaan kun kan mudate torban darbe keessa yoo ta'u, iddoon isaa magaalaa guddoo biyyatii irraa fagaatee kan naannawa daangaatti argamu waan ta'eef oduun isaa kan dhagahame tureeti.

Waa'ee walitti bu'insichaafi miidhaa qaqqabee jalqaba wayita dhagahameetti, mootummaan Chaad magaalaa guddoo biyyattii Niijaanaa irraa karaa kaaba bahaatiin kilomeetira kuma tokko fagaatee bakka argamutti garee loltootaa tokko erguun dhagahameera.

Erga gareen loltootaa guddaan garasitti ergamee bakkicha gaheen booda tasgabbiin uumamuun Ministirri Ittisaa madda odichaatti himeera.

Ministirichis dabaluun, walitti bu'insi namoota 100 akka du'aniif sababa ta'e kun kunis kan umamee namoota albuunda baasuuf biyyoota allaa Chaad ta'an kan akka Moortaaniiyaa fi Liibiiyaadhaa dhufan jidduuttidha.

Walitti bu'insi sukkaneessa kana hordofee Kurii Bugudii bakka jedhamuutti hojii warqee baasuu adda citeera jedhame.