Walitti bu'insa, buqqa'uufi deebii mootummaa Federaalaa

Lammiilee kuma dhibba hedduu ta'an naannoo Somaleerraa buqqa'an alatti ji'oota darban keessa dhalatttoonni Amaaraa dhibbaan lakkaawwaman Beenishaangul Gumuz irraa buqqa'aniiru.

Lammiileen magaalaa Baahirdaar jiran kun mootummaan naannichaa furmaata nuuf tahu nuu kennuu hin dandeenye jechuun xalayaa komii isaanii qabatani torbe darbe minitira muummeef xalayaa barreessun isaanii gabaafameera.

Isaan lafaafi deeggarsa ittiin of ijaaran barbaadanis naannichi garuu lafa dhufaniti deebi'u yookiin immoo firoottan isaanii aanaalee naannichaa keessatti argamanitti makamuu akka ta'e dubbatu.

Itti gaafatamtoonni mootummaa naannichaa tokko tokko BBC'tti akka himanitti, qonnaan bultoonni dhalattoota naannichaa hedduu naannolee biroo keessa jiratanis, namoota qe'ee isaaniirraa buqqa'aniif lafaa fi horii ittiin of ijaaran laachun ergaa dogoggoraa akka hin dabarsine sodaachuun kana gochuu irraa of qusachuu hin oolle jedhu.

Mootummaan Itiyoophiyaa namoota qe'ee isaanii irraa buqqa'an ilaalchisee madda rakkoo isaa furuufi buqqaatota gara lafa jireenyaa isaanitti deebisuu, akka furmaata dursaatti akka fudhatu ni himama.

''Ji'a saddeet guutuu hojii malee teenye,'' kan jedhan haati ijoollee lamaa Lujumaa Mahammad, wal dhabdee naannoo Somaalee fi Oromiyaa gidduutti uumameen qe'ee isaanii irraa buqqa'anii godina Shawaa Bahaa, Baatuutti qubatan.

''Akka sangaa sooramuu akkasumaan taa'uun rakkisaa dha. As hojiin homaa hin jiru,koottaa kana hojjedhaa kan nuun jedhu dhabne.''

Buqqaatonni baay'atan

Koomishinarri Sodaa Balaa Biyyaaleessaa obbo Mitikkuu Kaasaa lakkofsi namootaa sababii goginsaa fi waliitti bu'insaan buqqa'anii gara miliyoona tokkoo ni ta'a jedhu.

Yeroo baayyee namooti sababii goginsaan buqqa'an gara naannolee baadiyyaa bishaan gahaan jirutti akka qubatan ta'u.

Haa ta'u malee, lakkoofsi namoota sababii walitti bu'insa gandoota Oromiyaafi Soomalee wal daangessan irraa buqqa'aan kuma dhibba saddeet caala.

Kanneen keessaa lammiileen naannoo tokko gadhiisanii gara biraatti buqqa'an dhibbeentaa 33 qofa.

Warri hafan garuu naannoo isaanii osoo hin gadhiisin walitti bu'insa uumame sodaachuun qofa gandoota isaanii irraa kan baqatani dha jedhu obbo Mitikkuun.

Karaa biraatiin ammo walitti bu'insa dhihoo kana naannoo Saboota, sab-lammootaa fi Ummatoota Kibbaa fi godina Gujiitti uumameen baayyeen buqqa'uu isaani Obbo Mitikkuun ni dubbatu.

Sababii garaagaraan namoonni buqqa'uun Itiyoophiyaaf waan haaraa miti.

Balaawwan uumamaaa kanneen akka goginsaafi lolaa, beela, waraanaa fi wixineewwaan misoomaa mootummaan baasu, baayyeen jireenyaafi qe'ee isaanii irraa buqqaasaa turaniiru.

Lakkoofsi lammiilee sababii walitti bu'iinsaan buqqa'an hanga bara 2008 dhibbantaa 26 qofa akka ture qorannoon Maahaarii Taaddalan qoratame ibsa.

Qorataan mirga namoomaafi bulchiinsa ummataaa Obbo Mahaariin Itiyoophiyaan seera ifaa hawaasa saaxilamoo kan akka daa'immaniifi godaantotaaf hojjetu buqqaatootaaf waan hin qabneef, lammmilee buqqa'aniif da'oo gahaa tahe dhiyeessuu rakkisaa taasisa jedhu.

Deebisuufi Qubachiisuu

Mootummaan federaalaa walitti bu'insa saboota gidduutti uumaman kan fakkaataniifi baay'ee kan buqqaasanif kan qulqullessu, deeggarsa kennuufi hojiiwwan deebisanii dhaabuufi ijaaruu dhaabuusaa ni ibsa.

Ministeerri federaalaa Dhimmoota Misoomaa Horsisee Bultootaa hojiiwwan kana ni tumsa, leenjii ni kenna, walitti dhufeenya saboota gidduu ni gabbisa, gumiiwwan nagaa komii ka'u furu jedhamanis ni taasisa.

Ministeerichatti daariktara jeneraalaa akeekkachiisa walitti bu'insaan duraafi furmaata dhaabbataa, obbo Nigaatuu Abdisaan furmaati inni jalqabaa walitti bu'insawwan bakka jiranitti dhaabuu yoo ta'u kana milkeessuuf immoo poolisii fi raayyaan ittisa biyyaa waliin akka hojjetan ni dubbatu.

Namoota qe'ee isaaniirraa buqqa'an ilaalchisee ''Meeqatu hafee, meeqatu deebi'ee? Kan jedhu hordofnee kan ragaa sasaabu nu dha. Namoota deebi'uu barbaadaniifi kan hin barbaannees addaan baafne galmeeffanne qabna,'' jechuun obbo Nigaatuun BBC'f ibsu.

Ragaa jirurratti hundaa'uun kanneen deebi'uu hinbarbaanne bakkeewwan filatamanitti qubachiisuu fi deebisanii dhaabuu itti gafatamummaasaa mootummoota naannoleetu fudhata.

Obbo Mitikkuun akka jedhanitti, daangaa Somaalee fi Oromiyaatti, walitti bu'iinsa sodaachuun kan baqatan keessaa namoonni kuma 300 ta'an gara qe'ee isaaniitti deebi'aniiru.

Kannneen deebi'uu hin barbaadin namoonni kuma 20 ta'an ammo aanaalee filataman keessatti ''manneen yeroof'' ijaaramaniif keessa akka qubatan godhamaniiru.

Hojii kana raawwachiisuuf Oromiyaa keessatti iddoowwan kudha tokkoo fi naannoo Somaaleetti immoo iddoowwan saddeet filamanitti ijaarsi manootaa dhumaa gaafa deemu maatiiwwan haaraan akka itti galan ni taasifama jedhan.

Hojii rakkisaa buqqaatota deebisanii dhaabuu mootummoota naannolee raawwataniif mootummaan federaalaa baajata qarshii miliyoona dhibba saddeet ramaduusaa kan himan komishinarichi qarshichi lammiilee sababii walitti bu'insaan buqqa'aniif qofa oolas jedhaniiru.

Sodaa fi Shakkii

Sababii walitti bu'insa daangaa Somaalee fi Oromiyaatti uumameen lammiilee buqqa'an manneetii jireenyaa yeroof ijaaraman keessa kan jiran yoo ta'u komii hojii dhaabbataa isaan jiraachisu dhabuufi manni jireenyaa mijachuu dhiisu ni dhageessisu.

Xiinxaltoonni fi namooti yaada kennan haalli buqqaatonni itti quubsaman rakkoo hawaasumma buqqaatota irratti fiduu danda'a jedhu.

Dhalattoonni Amaaraa naannoo Benishaangul Gumuz irraa buqqa'an immoo walitii bu'insi mootummaan hiikamee, erga nagaafi tasgabbiin bu'ee booda, dubbiin irra deddeebi'ee ka'aa waan tureef lafa buqqa'anitti deebi'uu akka hin barbaanne himu.

Obbo Mitikkuun mirga socho'uu heerri mootummaa lammiiwaniif kenne caqasanii yeroo keessa tasgabbin dhalatee jarri buqqa'anis carraan iddoosaanitti deebi'uu guddaa ta'uu ni dubbatu. Kanaafimmoo muxannoowwan darban akka ragaatti dhiyeessu.

Sirni Federaalizimii biyyattiin itti caasefamte jijjiirama sirna ummataa bakkaa bakkatti socho'uu lammiiwwaniin uumamu hin jajjabeessu kan jedhu immoo qorannoo Mahaarii Taddalaati.

Namoonni naannoo tokkoo yookiin dhalattoonni saba tokkoo baay'inaan naannoo biraa keessa yeroo jiraatan sirna ummataa fi aangoo siyaasaa carraa warraaqsu qaba.

Mootummaan yeroo baay'ee buqqa'insa sababii walitti bu'insaan dhalatu irra dibee akka darbu kan qeeqamu yoo taheyyuu amma garuu sadarkaa kanarra waan darbe fakkaata.

Qondaaltota sadarkaa gad aanaa irra jiran itti gaafatamoo gochuunis mul'ataa ture. Baayyachuun buqqaatotaafi rakkoowwan wal qabtanii dhufan mootummaa naannolee irra darbee furmaata mootummaa federaalaa gaafateera.