Tarkiin karoora Fiinlaandii fi Siwidiin NATOtti makamuu akka mormiitu dhaadate

Madda suuraa, Reuters
Pirezedantiin Tarkii karoora Filaandii fi Siwidiin NATO'tti dabalamuu morman. Erdogan mormiisaanii kan dhageessisan biyyoonni kunneen miseensummaa NATO'tti dabalamuu erga ibsanii turtii sa'aatiiwwan muraasaa booda ture.
Reseep Tayib Erdogaan akka himanitti, biyyoonni Iskaandiniiviyaa lamaan jila isaanii gara Tarkiitti erganii amansiisuutu barbaachisa. Erdogaan biyyonni kunneen hidhattoota Kurdish simachuuf fedha qabaachuu isaaniitti mufachisuun hin oollee.
Komii Erdogaaniin duras, Siwidiin Raashiyaa Yuukireen weeraruun Awurooppaa keessatti yaaddoon umamuuf kan agrsiisuudha jechuun, haala qabatamaa kanaaf ammoo yada haaraatu barbaachisa jette turte.
Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin gama saatiin tarkaanfiin Fiinlaandii fi Siwidiin gartuu tumsa waraana waloo biyyoota 30 miseeensummaan of keessatti hammate kanatti dabalamuun Mooskoo kallattiin hin yaaddessu jedhan.
Haata'u malee, babal'achuun Nato Kireemliim irraa deebii akka kennamuuf himeera.
Erdogaan ibsaa Wixata Caamsaa 16, 2022 kennamerratti, biyyisaanii Siwidiinii fi Fiinlaand gartuu waraanaa waloo kanatti dabalamuu ni mormitii jedhan. Erdogaan Siwidiiniin ''iddoo dhaaabbileen shororkeessitootaa itti yaafamaniidha'' jechun ibsan.
'''Biyyonni lamaan keessa tokkoon isaaniillee dhaabbilee shororkeessittootaa irratti yaaada ifa ta'e hin qaban, akkamiti isaan amanna,'' jedhan Erdogaan.
Tarkiin biyyoota Iskaandeeviyaa lamaan miseensota Paartii Hojjattoota Kurdistaan (Kurdistan Workers' Party) jedhamaniif dahoo kenniti jechuun himatte. Garee hidhattoota PKK fi deeggartoota Fetulaa Gulen bara 2016 yaali fonqolcha mootummaa biyyattii kessatti kakaase shororkeessuummaan himatti.
Mootummaan Erdogaan iyyata biyyoota qoqqobbii irra kaa'anii turanii daangessuuf waadaa seenan. Bara 2019tti biyyoonni Iskaandeeviyaa lameen Ankaraa Siiriyaa keessa erga seentee qoqqobbii meeshaa waraanaa Ankaaraarra ka'aanii turan.
Ministirri Dhimma Alaa Fiinlaand Pekkaa Haavistoo paarlaamaa biyyattii Heeliskiitti ta'ameerratti ejjannoo Tarkii ajaa'ibsiifachuu hime. Taatullee mootummaan isaanii waan Erdogaan barbaadanitti walii hin galtuu jedhan. Fiinlaand NATO akka dabalamtu torban darbe keessa ibsite.
Sanbata darbe immoo biyyoonni Siwidiin jaarraa tokkoo oliif gartummaa waraanaa keessatti hirmaannnaa kanaan dura qabaachaa hin turre kan goolabu ta'uu ibsiteetti. Ministirrii Muummee Siwidiin Magdalenaa Andarsan Wiixata wayita ibsa kennan ''NATO'n biyyia Siwidiin ni cimsa, Siwidiiniille NATO jabessitii'' jedhan. Akka isaan jedhanitti, weerara Raashiyaa eeruudhaan Awuurooppaan haala hamtuu keessa jirti jedhan.
Taatullee Aadde Magdalenaa Andarsan NATO'n maadhee ykn bakkaa meeeshaaleen niwukiraalaraa dhaabbiin keessa olka'aaman akka taatu hin barbaadan. Noorweeyi, Deenmaark fi Ayislaand - biyyoonni miseensota NATO hundisaanii Fiinlaand fi Siwidiin yoo haleelaman battala sanatti gargaaruuf qophii ta'uu beeksisaniiru.
UK, biyyi miseensi NATO yeroo ce'uumsatti wabii nageenya biyyoota lamaan kanaa kennuurratti argamtii. Ibsi Wixata darbe Siwidiin kennite kun NATO'n loltoota 15,000 hirmaachisuun naannoo biyyoota Baaltik keessatti shaakala waraanaa guddicha yeroo eegaletti. Shaakala waraanaa "Hedgehog" jedhamu kana biyya Istooniyaatti gaggeeffamu kanarratti Fiinlaandi fi Siwidiin dabalatee biyyoonni 10 ni hirmaatu.













