Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Raashiyaa-Yukireen: Finlaandiifi Siwiidiin NATOtti makamna jedhan
Raasiyaan erga Yukireeniin weerarteen booda Finlaandiifi Siwiidiin murtee seena-qabeessaadha jedhameen NATOtti makamuuf murteessuu isaanii beeksiisan.
Sababii weerara Mooskoon Kiiyeev irratti raawwatteen biyyoonni kunneen lamaan NATOtti makamuuf yaada akka qabaatan gochuu isaanii bal'inaan gabaafamaa ture.
Siwiidin keessatti aangoorratti kan argamu Paartiin Sooshaal Dimokiraatotaa yaada NATOtti dabalamuuf dhiyaate akka deeggaru ibsuun, biyyattiin atattamaan iyyata akka galfattuuf tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu ibse.
Murteen Siwiidiin kan dhagahame biyyi ollaa Raashiyaa taatee Fiinlaand NATOtti dabalamuuf erga gaaffii ifatti gaafatteen boodadha.
Raashiyaan gama isheetiin NATOn biyyoota gama daangaa isheetti argaman miseensummaan kan galmeessu yoo ta'e, yaaddoo nageenyaa waan itti uumuuf balaa baayyee qabaachuu akka malu akeekkachiifte turte.
Siwiidin baroota dheeraaf gamtaa loltummaa kamiyyu keessa osoo hin galiin walaba ta'uun turte.
Finlaand ammoo Rashiyaa waliin daangaa kilomeetira 1,300n kan waliin qaban yoo ta'u, biyyattiin miseensa NATO osoo hin ta'iin kan turtes Raashiyaa mufachiisu waan hin barbaadneef ture.
Pirezidaant Putiin tarkaanfiin Finlaand NATOtti makamuu kunis tarkaanfii cimaa kan hordofsiisuufi dogongora jedhulleen, garuu tarkaanfii attamii akka fudhatu ilaalchisee kan jedhe hin jiru.
Haata'u malee, Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa dhimmacha irratti Raashiyaan deebii akka kennitu beeksisaniiru.
Paartiin Siwiidiin kan biyya bulchaa jiru ibsa baaseen, yaadni miseensa NATO ta'uu jedhus kan lammiileen hedduun, akkasumas paartiileen mormituu hundi deeggaran ta'u ibse. Guyyoota dhiyoo keessatti ammoo Siwiidin NATOtti dabalamuuf ifatti gaaffii akka dhiyeessitu eegama.
Ministiiri Mummee biyyattii Maagdaaleenaa Andirsan gama isaanitiin ibsa gaazexessitootaaf kennaniin, ''Gamatichi Siwiidiiniifis ta'e ummatasheef nagaa kan uumuudha," jechuun dubbatan.
''Kanaan dura gamtaa loltummaa kamuu keessa osoo hin galiin turuun keenya nu gargaareera. Gara fuuladuratti garuu haala kanaan kan itti fufnu natti hin fakkaatu. Naannichatti miseensa NATO ta'uu dhiisuun keenya balaafamtoota nu taasisa,'' jechuun dubbatan.
Pirezidaantiin Finlaand Saa'ul Niiniisitoo gamasaanitiin biyyisaanii miseensa NATO ta'uuf gaaffii akka dhiyeessituufi guyyaan kunis seena qabeessa akka ta'u beeksiisaniiru.
Finlaand erga miseensa NATO ta'uu yaaddeen booda, Raashiyaan dhiyeessitii ibsaa biyyattiif taasisaa turte dhaabuun ni yaadatama. Dhiyeessaan ibsaa Raashiyaa 'Raa'oo Nordiik' akka jedheetti dhiyyeessichi kan adda cite sababii kaffaltiin wal qabateeti.
Finlaand garuu ibsaan adda cituun rakkoo cimaa akka itti hin fidne ibsitee jirti. Ittigaafatamaan ibsaa biyyaaleessaa biyyattii BBCtti akka himaniitti, ''Raashiyaan ibsaa kutuunshee rakkoo omaa nutti hin uumne,'' jedhan.
Ittigaafatamtichi dabalunis, dhiyeessitiin ibsaa Raashiyaa irraa gara biyyaa galu fedhii biyyattii parsantaa 10 qofaa akka aguuguufi filmaatawwan gara biraatiin bakka buufamuu akka danda'amu ibsan.
Hoggantoonni Finlaandiifi Siwiidiin Sanbata darbe karaa bilbilaatiin marii taasisaniiru.
Marii isaaniin booda Raashiyaan ibsa baasteen, eeggannoo Finlaand kanaan dura hordofaa turte geeddaruuf yaaduun ishee dogongora ta'uufi kan nageenya isheetiif yaaddeessu ta'uu Putiin akeekkachisuu ibsite.
Pirezidaantiin Finlaand gama isaanitiin, Raashiyaan Yukireen weeraruu ishee hordofuun nageenyi biyyasaanii balaaf saaxilamuu kaasan.
Itti dabalunis, "haasaan taasifne kallattiifi dhimmicha siirriin hiikuuf ture. Muddamawwan uumaman tasgabbeessuun murteessaa akka ta'e waliigalleera," jedhan.