Miidiyaa Itoophiyaa: Dhiibbaa irra deddeebiin gaazexeessitoota dubartoota Itoophiyaarra ga’u

Iddilaawwit kan umurii ganna 20’n keessa jirtu, gaazexeessummaa akka daandii jireenyasheetti erga filaattee waggaa tokkollee hin guutne. Reefu akka eegaltetti haala hin eegneen yaaliin haleellaa korniyaa irratti hundaa’e irra ga’eera.

(Iddilaawit dabalatee gazexeessitoonni dubaraa gabaasa kana keessatti seenaa isaanii himan eenyummaan isaani akka ibsamu waan hin feeneef maqaa fi waantonni eenyummaa isaanii ibsuu danda’an geeddaramaniiru.)

Magaalaan ala ba'uun bakkeewwan biraa deemtee hojiiwwan hojjetaman irratti akka hirmaattu kan himte Iddilaawit, odeeffannoo guyyaa walitti qaban wal geeddaruu fi kameeraa ergifachuun waan barame waan ta’eef, halkan saatii 3 irratt yeroo balballishee rukutame banuuf hin sodaanne.

Ta’us garuu dhugee machaa’ee gara kutaa ishee kan seene gaazexxessaan tokko balbalicha of duubatti cufuun miidhaa isheerra geessisuuf yeroo yaalu akka wal’aansoo keessa seente himti.

“Haallin keessa seene waan naaf galeef suuta jedhe isa taggabbeesse akkani kutaakootii ba’un godhe,” jechuun himti. Ta’us garuu feedhii ishee malee ishee dhungachuuf yaaluu dabalatee wal’aansoon akka isheerra ga’ee akka ture dubbatteetti.

Miidiyaalee idilee keessa waggootii dheeraaf kan hojjeteettu Haannaanis ta’e arrabsoon adda addaa waayilota ishee irraa eegalee hanga namoota hojiif argattu irraa akka irra ga’u himti.

Odeeffannoo argachuuf jecha yeroo isheen irra daddeebiin akka gadi baatu argan ammoo “atimmaa akka kanatti hin heerumiin hafta,” jechuun akka itti dubbatan himti.

Dhugumaan kun gaazexxeesitoota dubaraa addunyaa irraa jiran keessaa %41 irra qormaata ga’udha.

Waldaan maxxansitoota oduu addunyaa barana bu’aa qorannoo isaa ifa taasiseen, gaazexeessitoota dubaraa hirmaatan keessaa %41 irra bakka hojiitti karaa adda addaan haleellaan akka irra ga’u ibseera.

Ta’us garuu kanneen haleellaan akkanaa irra ga’u dubartoota qofa osoo hin taane dhiirota %13 ta’an irras haleellaan korniyaa irratti xiyyeefate ni ga’a. Walumaaglatti gazeexxessitoonni %30 ta’an haleella akkanaaf saaxilamoodha.

Haleellaawwan haasaan eegalan

Gabaasa kana jecha gaazexessitoonni dubaraa BBC’n dubbise akka jedhanitti, keessumaa yeroo jalqaba hojii gaazexeessummaa eegalan mala addaa fayydamuun, darbeeyyuu dorsisaa fi humna fayyadamuun arrabsoo fi haleellaan qaamaa adda addaa bakka hojiitti irra ga’eera.

Ta’us garuu gaazexeessitoota dabalatee seerri hojjetaa fi hojjechiisaa FDRE gocha akkanaa cimsee dhorka.

Seerri kun qoccollaan saal-qunnamtii haasaatiin, mallatoon ykn mala kamiinu dhiyeessuun, nama tokkorra fedhii isaanii malee, wal qunnamtii salaaf akka tole jedhaniif goqqomsuun, sodaachisuun ykn dhiibbaa irratti uumuu akka ta’e ni ibsa.

Qoccollaawwan akkanaa irratti humni ykn yaaliin yoo itti dabalame akka yakka haleellaa saalaatti akka ilaalamus ni ibsa.

“Maaliif akka ati TV irratti baatuuf sin gargaaru. Bifa akkanaa qabattee maaliif dhokkata. Hojiin waltajjii jira in hojjechiia. Hojiikee siin salphisa,” jechuun gowwomsa akkanaa qoccollaawwan kan fayyadaman keessumaa hoggontoota akka ta’e Haannaan BBC’tti himteetti.

Haleellaa/qoccollaa kunneen himachuun maaliif sodaachisaa ta’e?

Hasseetii fi keessumaa hiriyyaan ishee tokko miidiyaa keessa hojjechaa turanitti sababa qoccollaa/ haleellaa irra ga’een hojiichaa gadhiisanii ba’uuf dirqamaniiru.

Qocollaa saalaa hoggantootarra irra ga’u hoggantootaa olaanotti kan beeksisan Hasseet fi hiriyyaan ihee, furmaata argachuurra haleellaan irra ga’u hammatee waan itti fufeef hojii isaanii gadhiisani ba’aniiru.

Xalayaa hogganaan isaanii namoota gaazexeessitoota kana lamaan irratti qoccolaa gaggeessan akeekkachisuun barraa’e irratti waayilli hiriyyaashee qoccolaa ture arraabsoo fi salphisuu dabalatee, hanga hojii kompiitara isaanii irra ture hanga balleessutti akka ga’eeru himti.

Rakkoon akkanaa narra ga’eera jedhanii wayiilota isaanitti himuun waan hin baramne akkasumas miidhamtuuta irra loogii kan geessisu waan ta’eef hedduun himata hin taasisani.

Qormaata dachaa

Itoophiyaan Addunyaa keessatti biyyootii hojii gaazexeessummaa qabaachuun rakkisaa itti ta’an keessaa tokkodha.

Bara 2021’tti biyyootii Sahaaraa gadi jiran keessaa biyyaa gaazexessutoota hidhan jedhaman keessaa Eertiraatti aantee Itoophiyaan sadarkaa lammaffaa irratti argamti.

Miisoma miidiyaa irratti kan hojjettu Alsaabeet Saamu’eel, miidiyaaleen Itoophiyaa dubartoota qofa osoo hin taane namootni hir’ina qaamaa qabanii fi saboota adda addaa yaada keessa galchuun kan hundaa’an miti jettee amanti.

Gaazexeessitoota dubaraa qacaruu irraa eegalee qacartoonni feedhii akka hin agarsiisneefi industiricha keessa lakkoofsi dubartoota jiranii baayyee muraasa akka ta’an taasisuu isaa himti.

Gaazexeessitoota dubaraa aangoo murteessa ta’e irratti arguun waan barame akka hin taanes himteetti.

Namootni qacaarri iratti hojjetan qajeelfama miidiiyaa cimaa baasuun furmaata ijoo ta’uu danda’a kan jettu Eelsaabet, loogii dubartootarra ga’u kan hambisu, akkasumas qocollaa/haleellaa saalaa irra ga’u kan adabu seerri barraa’uu fi hojiirra ooluu qaba jetti.

Mirga gazexeessitoota dubaraa kan eeguu fi eegisuu hin dandeenye dhabbileen miidiyaa walabummaa gabaasaa fiduu danda’uu?