Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Muudamni miseensota boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa gaaffii kaase
Muudama miseensota boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa manni maree bakka bu'ootaa uummataa Kamisa Eebla 07, 2022 kenne irratti gaaffiin ka'aa jira.
Manni Marechaa muudama miseensota boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa sagal mirkaneessee jira.
Namoota miseensa boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiya ta'uun muudaman keessaa Ministirri Deetaa Ministeera Haajaa Alaa ambaasaaddar Reeduwaan Huseen, Ministira Turiizimii ambaasaaddar Naasisee Caalii, Wiirtuu Ijaarsa Sirna Diimokiraasii irraa ambaasaaddar Hasan Abdulqaadir fi miseensa mana maree magaalaa Finfinnee kan ta'an Dr Aggaarradach Jamaaneh ni argamu.
Namoonni hedduun muudamni namoota kanaa Labsii lakkoofsa 1238/2013 Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa hundeessuuf bahe kan faallessudha jechuun falmu.
Falmiiwwan ka'aa jiran keessaa isaan ijoon miseensonni dhaaba siyaasaa miseensa boordii ta'anii muudamuufi heddumminni miseensota boordichaa hir'ina qaba kan jedhanidha.
Bu'uura labsii miidiyaa lakkoofsa 1238/2013tiin namni miseensa boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa ta'uu danda'u, miseensa dhaaba siyaasaa kan hin taane ykn ammoo dhaaba siyaasaatiin kan hin qacaramne ta'uu qaba.
Haata'u malee miseensota boordii amma muudaman keessa miseensonni dhaaba biyya bulchaa jiruu ni argamu.
Gulaaltuu Olaantuun duraanii barruu Addis Fortune gaazexeessituu Faasikaa Taaddese kanneen gaaffii kaasan keessaa tokko. Muudamni miseensota boordii ifatti labsii kan faallessudha jechuun tiwiitarii gubbaatti barreessite Faasikaan.
Gama kaaniin labsichi keewwata 9.5 jalatti miseensota boordii keessaa lama waldaalee siiviilii, lama miidiyaa irraa, lama ammoo dhaabbilee fi qaamolee hawaasaa damee miidiyaaf bu'aa qaban irraa akkasumas namoonni sadi ammoo qaama mootummaa sirnaawaa irraa ta'uu qaba jedha.
Bu'uura kanaan namoota 9 miseensa boordii ta'uun muudaman keessa namni miidiyaa irraa muudame jiraachuu dhabuun akka rakkootti ka'eera.
Namoonni miseensa boordii ta'uun muudaman kunneen adeemsi ittiin calalamanii kaadhimaman ifa miti kan jedhu qabxii falmii biraati.
Labsiin miidiyaa lakkoofsi 1238/2013 akka jedhutti adeemsi calallii kaadhimamtoota miseensa boordii fi akkaataan ittiin raggaasifamu uummataaf ifa haala ta'een ta'uu qaba.
Labsicha keewwatni 9.2 uummatni kaadhimamtoota eeruu akka kennuu fi warra kaadhimaman irrattis yaada akka kennu tumameera. Dabalataan maqaan kaadhimamtootaa fi akkaataan ittiin filaman miidiyaan uummataaf ibsamuu qaba jedha.
Bu'uura kanaan adeemsi miseensonni boordii Kamisa muudaman ittiin calalaman ifa ta'uu dhabuun namoonni hedduu gaaffii akka kaasan godhaa jira.
Aangoon miseensota boordii maali?
Akkaataa labsiin miidiyaa lakkoofsa 1238/2013 jedhutti miseensota boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa kan dhiyeessu ministira muummeedha.
Ministirri Muummee namoota hojii isaanii sirnaan raawwachuu danda'an, qophaa'ina barnoota damee kanaan hidhata qabu kan qaban akkasumas ulaagaalee labsii miidiyaa jalatti kaa'aman kan guutan namoota 9 mana maree bakka bu'oota uummataaf dhiyeessuun akka muudaman godha.
Itti gaafatamni jalqabaa miseensota boordii kanaa hojii Abbaa Taayitichaa olaantummaan to'achuudha.
Boordichi karoora hojii Abbaa Taayitaa miidiyaa, bajataa fi raawwii isaa ni qorata, dambii bulchiisaa fi qacarrii hojjettootaa ni qopheessa; akkasumas direektara olaanaa Abbaa Taayitichaaf kadhimamaa calalee mootummaaf dhiyeessuun akka muudamu taasisa.