Raashiyaan Injifannoo Caamsaa 9'f maaliif bakka guddaa kenniti?

    • Barreessaa, Pool Kirbiin kan barraa'e
    • Gahee, BBC News

Raashiyaan guyyaa injifannoo Caamsaa 9 garee Naazii Jarmanii irratti bara 1945 argatte waggaa waggaan kabajuuf murteessitee itti jirti, guyyaa kana hurufni Reed Sikuweer [Red square] kan Moskoo keessatti argamu agarsiisan faayamee oola.

Vilaadmiir Putiiniif guyyaan kun kan irree waraanaa itti cimsataniidha, guyyaa Waraana Addunyaa Lammaffaa itti yaadataniidha.

Dirree Waraanaa Gootota gameeyyii jechuun kan Raashiyaan waamtu kanarratti, lammiileen Sooviyeet miiliyoona 27 du'aniiru. Kun kan biyya kamii caalaa lakkoofsa olaanaadha.

Bara kana ammoo guyyaan kun yeroo kamuu caalaa Raashiyaaf iddoo guddaa qaba, biyya ollaashee Yukireen weerartee jiraattus, injifannoo waraanaa dabalatte garuu hin qabdu.

Guyyaan injifannoo kun wayita kabajamu loltuuwwan biyyattii hidhannoo guutuudhaan gurmuudhaan ba'uun pireezidanticha fuulduratti dandeettii waraanaa biyyattii agarsiisu.

Guyyaan kun agarsiisa waraanaa qofaan hin darbu, pirezidantichi waan itti aanee ta'u kan itti labsaniidha, addunyaafis ergaa dabarsu, ejjennoosaanii ibsu.

Guyyaan Injifannoo kun bara bulchiinsa Sooviyeet darbee darbee kabajamaa ture, gidduun dagatamus yaadannoo waggaa 50ffaasaatti bara 1995 bara bulchiinsa Pireezidant Boriis Yelsiin deebi'ee haaromfame. Pireezidanti Putiin ammoo bara 2008'tti guyyaan kun waggaa waggaan akka kabajamu labsan.

"Guyyichi yeroo kaaniyyuu guyyaa Raashiyaan ciminashee itti agarsiistudha. Guyyaa aangoon Putiin, ejjennoonsaa isaa itti lallabamuudha, bara kanammoo bakka guddaatu kennamaaf,'' jedha Yuuniversitii Gilaasgoo irraa Ammoon Cheskiin.

Guyyaa kanatti Putiin waraana Yukireen akka dhaaban ni labsu kan jedhamaa ture didameera, inumaa waraana weeraraa akka cimsu ni labsa gabaasa jedhutti ba'uu eegale.

Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeey Laaviroov waraanni Raashiyaa kan taatee nam-tolcheen oofamee guyyaa wayiitti gochasaa dhaabu miti jedhan.

Vilaadmiir Putiin erga biyyisaanii bara 2014 Kiraamiyaa fottoqsitee fudhattee booda wayita guyyaa Injifannoo Caamsaa 9 kabajan faashitoota irratti akka injifannoo gonfatanii fi ammas yoo jiraate akka waraanan dubbataniiru.

Bara 2014 Pirezidant Putiin Kiraamiyaa fottoqfachuusaanii Guyyaa Injifannoo Caamsaa 9 irratti gara Sevaastopool imaluun loltoota hidhannoo guutuu fi meeshaalee waraanaa ammayyaawoon dabaalaman fuulduratti kabajaniiru

"Bara kana kaayyoo gooroon guyyichaa injifannoo silaa Guraandhala darbe gonfachuuf turan labsachuudha. Amma garuu sun hin taane,'' jedha Giddu-gala walhubannaa fi marii Poolaand-Raashiyaa, Polish-Russian Dialogue and Understanding, jedhamurraa kan ta'e Ernest Wyciszkiewicz.

Kiremiliin amma injifannoo waraana Yukireen irratti argame [waan hin jirreef] kabajuurra Mariyuupool qabachuurratti cichuutti jirti.

Magaalaan kun haleellaa loltoota Raashiyaan barbadooftee jirti, Raashiyaan garuu kaayyoon weerara ishee Yukireeniin Naazii fi hidhannoorraa walaboomsuudha jechaa turte.

Kanaan dura Raashiyaa bakkeewwan garaagaraatti mallattoolee guyyaa injifannoo Caamsaa 9 kan bara 1945 argame mul'isantu turan, barana garuu kana bara 2022 itti dabalamee mallattooleen bara 1945/2022 jedhamuun mul'ifamaa jiru.

Kunis biyyattiin ammallee Naaziirratti duulaa jiraachuu mul'isuuf jedhameeti.

Maariyuupool Raashiyaan oolfachuuf himattu keessatti mataasaa sababa rakkoo nageenyaaf jecha agarsiisa waraanaan guyyicha kabajuun rakkisaadha.

Qondaalli Raashiyaan Maariyuupoolitti bakka buufatte Deniis Pushiliin, hanga Maariyuupool harka Raashiyaa seentee qaama Rippabilika Doneesk taatutti guyyaa kana asitti kabajuun hin danda'amu jedhan.

Guyyaa injifannoo kanarratti meeshaaleen waraanaa Raashiyaan qabdu dirreetti baafamuun addunyaatti mul'ifamu, ammayyummaa fi jabina Kiremiliniin gama meeshaa waraanaan qabdu addunyaatti kan itti mul'isaniidha.

Guyyaan kun bara 2015 wayita kabajamu taankiin waraanaa Armata T-14 tank jedhamu agarsiisaaf dhiyaatee addunyaa ajaayibsiise, rifaasise.

Taankiin yeroo sana mul'ate garuu waraana Yukireen irratti hin mul'anne, kaan tarii taankiin sun dirree waraanaatti bobbaasamuf kan bocame hin turre jedhu.

Yukireen taankiiwwan Raashiyaa hagas mara ammayyummaa hin qabne 1,000 caalan dirree waraanaatti barbadeessuu himti.

Bara kanammoo meeshaaleen waraanaa agarsiisaaf dhiyaatan amma kan bara 2021'llee hin ga'an.

Loltoonni 10,000 ta'anii fi meeshaaleen waraanaa ammayyaawoon gosa garagaraa 129 ta'an agarsiisarratti ni dhiyaatu jedha xiinxalaan BBC Raashiyaa.