Raashiyaa: Pirezidant Putiin isa Ministirri Alaa isaanii Hitlar 'dhiiga Jewiish' jaba jedhaniif dhiifama jedhan

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin ministirri alaa Raashiyaa hogganaan Naazii Adoolf Hitlar, ''dhiiga Jewiish'' qaba jedhaniif dhiifama gaafataniiru jechuun Israa'el himte.

Puutiin haasaa bilbilaa Ministira Mummee Israa’el Naaftaalii Beneet waliin taasisaniin dhiifama akka gaafatan waajirri MM Israa’el ibseera.

Raashiyaan haasaa bilbilaan taasifame kanarratti dhiifama akka gaafatte hin ibsine.

Sargeey Laavroov jalqaba kana kan dubbatan yaada isaanii Yukireen ‘’Naaziidha’’ jedhan itti jabeessuuf ture. Tahus pirezidantiin Yukireen dhalootaan Jewiishidha.

Laavroov TV Xaaliyaanitti Dilbata darbe kana kan dubbatan yoo tahu Israa’el immoo guyyoota muraasa dura Holokoost-guyyaa ummanni Jewiish Jarmanitti jumlaadhaan ajjeefaman yaadachuuf kabajaa turte.

Ministirichi, pirezidantiin Yukireen ofiisaayyuu dhalootaan warra ‘Jew’ dha akkamiin ‘Naazii’ lolaa jirra jettu jedhamuun yoo gaafataman:

‘’Dogoggoruu mala garuu Hitlar ofiisaayyuu dhiiga ‘Jewish’ qaba. Kanaaf Zelenskiin ‘Jewish’ tahuun homaa jechuu miti. Beektonni ‘Jewish’ iyyuu warreen farra sanyii Seem tahan baayyee ofiima isaanii warra ‘Jewish’ dha jedhu,’’ jedhan.

Yaadni ministira kanaa Israa’el keessatti mufii kaase. Hogganaan Naazii Jarmanitti yeroo Waraana Addunyaa Lammataa namoota sanyii ‘Jew’ miiliyoona ja’a ajjeese.

Israa’el dhimma kanarratti dhiifama gaafatamuun qaba jette.

Ministirri mummee biyyattiis, ’’sobni akkasii uummata ‘Jew’ yakka hamaa seenaa keessatti irratti raawwateef deebisee isaanumaan kan yakku yoo tahu qaama cunqursaa raawwachaa ture immoo bilisa godha,’’ jedhan.

Waajjirri MM Beneet ibsa Kamisa baaseen dhiifama gaafachuu Puutiin fudhachuu ibsuun, ‘’ilaalcha isaan warra ‘Jew’ fi ajjeechaa Holookost irratti raawwateef qabu ifa gochuusaaniitti,’’ galateeffate.

Raashiyaan biyyoonni lameen waa’ee Holokoost mari’achuu himtus Puutiin dhiifama gaafachuu isaaniirratti garuu homaa hin jenne.

Israa’el Raashiyaafi Yukireen mari’achiisuufi araarsuuf yaaltus Puutiin irratti tarkaanfii jabaa fudhachuu dhabuun garuu komatamti.

Miidiyaan Israa’el biyyattiin gargaarsa waraanaafi waraanaan ala Yukreeniif taasiftu fooyyessuuf akka yaadde himeera.