Aanaa Firaank kan addunyaarratti ammallee yaadatamtu erga Naaziitiin to'atamtee maaltu mudate?

Daa'imummaa isheetti seenaa kan hojjatteefi addunyaarratti beekkamtii kan argattee Anaa Firaank, Waxabajjii 12, 1929 dhalatte. Yeroo ajjeechaa Hoolookoositi sana Neezarlaandis turte.

Yaadannoon guyyaa loltoota naazii jalaa dhokataa barreessaa turtes erga kaampii naazii keessatti duteen waggaa torbaan booda Caamsaa 30, 1952 maxxanfame.

Manni yeroo sana Aanaan keessa jiraataa turte amma bakka daawwannaa turisitii ta'eera. Erga daawwannnaaf ummataaf saaqamees barana waggaa 62ffaa qabateera.

Aanaan maatii ishee waliin Amastardam keessa jiraataa turte. Bara 1960moota keessa garuu loltoota naazii jalaa baqachuun dirqama itti ta'e. Naaziiwwanis warra Yihuudota Awurooppaa keessa jiran balleessuuf kaayeeffatanii ture.

Aanaan loltoota kanneen jalaa dhokataa olmaa guyyaa ishee barreessaa turte. Bareeeffamni ishee kunis kitaaboota addunyaarratti beekamtii argatan keessaa tokko ta'e.

Aanaan osoo daa'ima jirtuu

Aanaa ykn maqaashee guutuudhan Anaaliis Maarii Firaank Jarman Firaankifartiitti maatii Yihuudotaa Ediitiifi Otoo jedhman irraa dhalatte.

Obbooleetiin ishee angafaa Maargooti waggaa sadiin ishee caalti.

Abijuun ishee barreessituu ta'uuf qabduuf erga duuteen booda dhugoome. Isheen namoota Hoolookoostin ajjeefaman keessaa tokko turte.

Abbaan ishee erga waraana Addunyaa lammaaffa darbaaniin booda ture yaaddanoo olamaa mucaasaan kan maxxansiisan .

Wayita waraanni addunyaa jalqabaa xumuramuutti Jarmaniin hiyyuummaan rakkataa turte. Hogganaan Paartii Naazii Adoolf Hiitilar rakkoo Jarmanootaa hundaaf Yihudoota itti gaafatamoo taasisa ture.

Paartichi bara 1933tti aangoo yoo qabatu Yihudoota dararuu eegale.

Maatiin Aanaas nageenya arganna jechuun gara Neezarlaandi Amastardaamiitti baqatan. Aanaas mana barnootaa galte. Hiriyyoota haaraas horatte.

Haata'u malee osoo mucaaa waggaa 10 taatuutti Jarman Dachiin weerarte. Achinis waraannii Addunyaa lammaaffaan eegale.

Waggaan booda Jarman Neezarlaandi weerarte. Naaziiwwanis warra Yihudootaa adamsuu eegalan.

Aanaa Hoolookaasti jidduutti

Aanaan waggaa 13 yoo taatuu galmeen olmaa guyyaa kennameef. Galmichas Kiitii jechuun moggaafte.

Yeroo jalqabaatiif kan barreessitee Waxabajjii 12, 1924 ture. Yeroon sunis yeroo Jarmanoonni Yihuudotaa Neezarlaandi jiraatan adamsaa turteedha.

Obbooleetiin Aan Maargoon Kaampii keessa akka hojjattuuf Naaziiwwaniin ajajamte.

Maargoonis waan kaampii keessatti irra gahu soodaachuun garduubee mana daldala abbaashee dhokachuuf murteessite.

Abbaan Aanaa Ootoon bakka itti dhokkattuus torbanooaaf qopheessaa turan. Miseensoonni maatii afuris waliin dhokatan. Maatiin Aanaa nyaataa dhiyeessuuf turan. Aanaan garuu kana hundaaa galmee olmaa guyyaaa ishee irratti barreessaa turte.

Waan sukkanneessaa naannawa ishee jiruu irraa boqonnaa kan argattuu barreessuun ture.

Guyyaa tokkoos Ministeeerri Barnootaa Ingliaand kan Neezarlaandiitti argamu karaa raadiyootiin beeksiisa hime. Lammiilee yaaddannoo olmaa bara naazii akka eeganii ol akaa'an kan jedhu ture.

Aanaanis erga kana dhageesseen booda yaadannoo olmaashee gara kitaabaatti geddaru egalte.

kitaaboota Het Achterhuis ykn The Secret Annex jedhaman osoo geedaraa jirtuu ture warri Naazii bakka maatiinshee itti dhokatan kan argan.

Maatiinshees erga waggoota lamaaf dhokataniin booda turte kan qabaman. Naaziiwwanis attamiin bakka isaan keessa turan akka baran hanga ammaatti hin baramne.

Hagayya 4, 1944 namoonni dhokatanii turan hundi gara Awushintiiz-Biirkaaniitti dirqiin geeffaman.

Aanaanis yeroo dhumaatiif yaadannoo olmaashe kan barreessite erga bakka turtii geeffamanii guyyoota sadiin booda ture.

Aanaan erga to'atamteen booda maaltu mudate?

Aanaafi maatiinishee waan sadarkaa fayyaa gaarii irra turaniif akka bakka dirqiin keessa turamu keessa akka hojjatan taasifaman.

Abbaan Aanaa maatiin adda baafaman. Achiin ammoo Aanaafi Maargoon haadhasaaniin adda baafaman.

Hiriyyoonni abbaa Aanaa Amastardam keessati dhoksaan nyaataa kennaafii turanis yaadannoo Aanaa arguun dhoksanii kaa'aniif.

Aanaan guyyyaa tokko deebiitee ni dhufti jedhanii eeggaa turan. Garuu hin deebiine.

Onkolooleessa 1944 Aanaafi obbooleettiin ishee Maargoon gara buufata dirqii Beergan-Beelsan jedhamuutti geeffaman. Dhukkuubii qabaachaa turan.

Bara 1945 keeessaa lamaanuu dhiibee tasibootiin du'an. Haatiisaaniis ni ajjeefamte. Maatii isaanii keessaa kan lubbuun hafe abbaasaanii qofa turan.

Firoonni isaanii Amastardam jiranis yaadannoo guyyaa Aaanaa abbaatti kennan.

Abbaan isheetiis kitaaba ishee Waxabajjii 25, 1947tti garagalcha kuma sadii ol maxxansiisaniif.

Osoo baayyee hinturiin kitaabichis afaanoota baayyeetti hiikame. Fiilmiifi diraamaas ta'e. Seenaa Aanaas addunyaatti namoonni miiliyoonotaan lakkaa'aman dubbisan. Manni maatii ishee waliin keessa dhokatanii turanis ifatti dowwattootaaf banaa taasifame. Kitaaabni ishee jalqabaas kan argamu mana sana keessatti.